Sunday, February 16, 2014

AMANTIIN HIN JIRREE JIRAACHISA!!

SAGALEE MISIRAACHOO


Ibroota 11


1 Amantiinm akka wonni
nu abdannu raawwatamun
mirkaneessa; akka wonni
nu hin argin jirus nuu ibsa.

2Namoonni duriilleen sababii
amantii isaaniitiin
Waaqa irraa dhuga-bayiinsao
argataniiruutii.

3Biyyi lafaa akka ajaja Waaqaatiin
uumame, wonni jirus akka waan
muldhatu irraa hin hojjatamin nu
amantiidhaan hubanna.

4Abeel amantiidhaan aarsaap
isa Qaayel dhiyeesse caalu Waaqayyoof
dhiyeesse. Inni yommuu
Waaqayyo waayee kennaa isaa
dhugeesseefitti nama qajeelaa
ta'uun isaa amantiin dhugeeffameef;
inni du'eera; garuu
hanga ammaatti amantiin dubbachaa
jira.

5Heenok akka du'a hin dhandhamneef
amantiin ol-fudhatame;
waan Waaqayyo ol-isa fudhateef
inni hin argamne; inni otoo ol
hin fudhatamin dura Waaqa
gammachiisuun isaa rageeffameeraafiitii.

6Amantii malee
Waaqa gammachiisuun hin danda'amu;
sababiin isaas namni
gara Waaqaa dhufu kamiyyuu
akka Waaqni jiruu fi akka inni
warra isa barbaadaniifis gatii
kennu amanuu qaba.

7Nohi waayee waan hanga yeroo
sanaatti hin muldhatini Waaqayyo
isa akeekkachiifnaanq sodaatee
warra mana isaa jiraatan oolfachuuf
jedhee amantiin dooniir
hojjate; amantii isaatiinis biyya
lafaatti mure; dhaaltu qajeelinna
amantiin argamuus ta'e.

8Abrahaam yommuu gara lafa
booddees dhaaluuf jiru tokkoo
akka deemuuf waamametti
amantiin ajajame; eessa akka
dhaqus otoo hin beekini qajeele.

9Innis akka keessummaa biyya
ormaa jiru tokkootti lafa isaaf
waadaat galame sana keessa
amantiin qubate; akkuma warra
isa woliin waadaa dhaalan
jechuunis akkuma Yisaaqiitii fi
Yaaqoobii dunkaana keessa jiraate.

10Inni magaalaa hundee qabdu
tan Waaqni ijaaree fi uume
eegachaa tureetii.

11Abrahaam yoo akka malee
jaarellee, Saaraanis yoo dhabduuv
turtellee inni waan Waaqa
waadaa isaaf gale sana amanamaa
godhee lakkaayeefw, amantiidhaan
ilma dhalfachuu danda'e.

12Kanaaf namicha akka
waan du'eetti lakkaawamu tokkicha
kana irraa sanyiin akka urjii
samii baay'attuu fi akka cirracha
qarqara galaanaa lakkoobsa hin
qabne argameera.

13Namoonni kunneen hundinuu
otoo waan waadaa galameef
sana hin argatin amantii isaanii
ammoo otoo hin dhiisin du'an;
waadaa sanas fagootti arganii
simatan. isaanis lafa irratti akka
keessummootaa fi karaa-deemtota
turan beekaniiru. 14Warri waan
akkasii jedhan kunneen akka
biyya ufii isaanii eegachaa jiran
muldhisu. 15Isaan otoo waayee
biyya keessaa ba'an sanaa yaadaa
turanii silaa, biyya isaaniitti deebi'uuf
carraax ni argatu turan.

16Qooda kanaa isaan biyya wayyu
tokko jechuunis biyya samii irraa
sana hawwaa turan; kanaaf
Waaqayyo Waaqa isaanii
jedhamee waamamuutti hin
qaanawu; Inni magaalaa isaaniif
qopheesseeraatii.

17Abrahaam yeroo Waaqayyo
isa qoretti amantiidhaan Yisaaqin
akkuma aarsaatti dhiyeesse; isuma
waadaa argate sanattu ilma isaa
tokkicha aarsaa godhee dhiyeessuuf
qophaaye. 18Innis isuma
Waaqayyo, "sanyiin kee karaa
Yisaaqiitiin sii waamama" jedheen
sana. 19Abrahaam akka
Waaqni warra du'an keessaa
nama kaasuu danda'ullee hubatee
ture; kunis karaa tokkoon Abrahaam
ilma isaa Yisaaqin warra
du'an keessaa deebisee argate
jechuu dha.

20Yisaaq amantiidhaan waan
dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi
Esaawun eebbise.

21Yaaqoob yommuu du'uu
gayetti amantiin ilmaan Yooseefi
tokko tokkoon eebbise; mataa
ulee isaatti irkatees sagade.

22Yooseefis yommuu du'uu gayetti
amantiidhaan waayee Gibxi
keessaa bayiisa saba Israa'eelii
dubbate; waayee lafee isaas ajaja
kenne.

23Akka Muuseen yommuu
dhalatetti mucaa midhaagaa ture
abbaa fi haati isaa waan arganiif
amantiin ji'a sadii isa dhossan;
isaan labsii mootichaa hin sodaanne.

24Muuseenis erga guddatee
booddee ilma intala Farioonii
jedhamee waamamuu amantiin
dide. 25Innis cubbuu keessa
jiraatee yeroo gabaabaaf gammaduu
irra saba Waaqaa wajjiin
rakkachuu filate. 26Ijay isaas
waan badhaasa fuula isaa dura
jiru irra keewwateef, akka
sababii Kiristoosiitiif tuffatamuun
qabeenya guddaa qabeenya
Gibxii cufa caalu ta'eetti
lakkaayeera. 27Innis otoo dheekkamsa
mootichaa hin sodaatin
amantiin Gibxi keessaa baye; isa
hin argamne sana akka waan
argeetti obsaan jabaatee dhaabateeraatii.

28Akka maleekkaan
hangafa ajjeesu sun hangafoota
saba Israa'eelii hin tuqneefis
amantiin akka Faasikaan
ayyaaneffamu, dhiignis akka
facaafamu godhe.

29Sabni Israa'eelii akkuma
nama lafa gogaa irra deemuutti
amantiin galaana diimaa ce'ez;
warri Gibxii garuu yommuu
akkuma sanatti cewuu yaalanitti
ni liqimfamani.

30Eegii sabnii Israa'elii Yeerikoo
marsee guyyaa torba nanaanna'ee
booddee masaraana Yeerikoo
amantiin jige.

31Ejjituunb Ra'aab jedhamtu
gaaddota simachuu isiitiin amantiin
hafte malee warra hin amanin
woliin hin ajjeefamne.

32Ani egaa kana caalaa maalin
jedha ree? Waayee Geedewooni,
waayee Baarqi, waayee Saamsoni,
waayee Yooftaahee, waayee
Daawiti, waayee Saamu'eeli akkasumas
waayee raajotaac odeessuuf
ani yeroo hin qabu. 33Isaan
amantiin mootota moo'atan; murtii
qajeelaa kennan; waan waadaa
galame argatan; afaan leencaa
cufan; 34Amantiin ibidda jabaa
dhaamsan; qara goraadee jalaa
ba'an; dadhabbiin isaanii jabeennatti
jijjiirame; waraana keessatti
humna argatanii loltoota diinaad
moo'atan. 35Dubartoonnise namoonni
isaanii warri du'an du'aa
kaafamaniifii deebisanii fudhatan;
warri kaanis du'aa -ka'iisa wayyu
argachuuf jedhanii gadi-dhiifamuu
didanii cinqaman. 36Warri kaan
ammoo ni tuffataman; ni garafamanis.
Namoonni tokko
tokko immoo sansalataanf hidhamanii
mana hidhaatti darbataman;

37dhagaadhaanis tumaman;
magaaziing bakkah lamatti baqaffaman;
goraadeen ajjeefaman;
deeguun, gaargalfamuui fi cinqamuun
gogaa hoolotaatiij fi
re'ootaa uffatanii nanaanna'an;

38addunyaan isaanitti hin tolleetii.
Isaanis lafa onaatiik fi
gaara irra, holqaal fi boolla
keessa jooraa turan.

39Warri kunneen hundinuu yoo
sababii amantii isaaniitiif jajamanillee
isaan keessaa namni
tokkoyyuu waan waadaa galame
sana hin arganne. 40Waaqni akka
isaan nu qofa waliin warra mudaam
hin qabne ta'aniif duraan
dursee waan nuuf wayyu qopheesseera.


No comments:

Post a Comment