Friday, September 6, 2013

YESUUS ILMA WAAQAYYOO FAYYISAA DHA




Yohaannis 18:36-38 Yesuusis "Mootummaan kiyya kan addunyaa kanaatii miti; otoo kan addunyaa kanaa ta'ee, akka ani dabarfamee Yihuudotatti hin kennamneef tajaajiltoonni kiyya naa lolu turan; amma garuu mootummaan kiyya kan addunyaa kanaatii miti" jedhe. Philaaxoosis; "yoos ati mootiidha kaa!" jedheen. Yesuus ammoo,"akka ani mootii ta'e dubbachuun kee sirrii dha; ani dhugaaf rageessuuf jedhee dhaladhe; wonni ani gara addunyaa dhufeefis kanuma; namni dhugaaf dhaabatu martinuu qoonqaf kiyya dhagaya" jedhee deebise

Yohaannis 8:23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; "isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaati; ani ammoo kan addunyaa kanaatii miti.

Yohaannis 3:16-18 Akka namni isatti amanu marti jireenya barabaraa qabaatuuf malee akka hin banneef, Waaqayyo hanga ilma isaa tokkicha kennutti akka malee addunyaa jaalateeraatii. Sababiini Waaqayyo ilma isaa gara biyya lafaatti ergeef, biyya lafaatti muruuf otoo hin ta'in, karaaa ilma isaatiin biyya lafaa fayyisuuf. Nama isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa tokkicha ilma Waaqayyootti hin amaniniif ammumayyuu itti murameera

Yohaannis 6:51 Buddeenni jiraataan samii irraa bu'e ana. Namni kamiyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate
barabaraan ni jiraata. Buddeeni ani jireenya biyya lafaatiif kennus foon kiyya."


Yohaannis 6:35,37-38,40 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "buddeenni jireenyaa ana; namni gara kiyya dhufu matumaa hin beela'u; kan anatti amanus matumaa hin dheebotu. Kan Abbaan naa kennu marti gara kiyya ni dhufa; anis kan gara kiyya dhufu of irraa hin ari'u. Ani fedhii isa na erge sanaa raawwachuufc malee,fedhii ufii kiyyaa raawwachuuf samii irraa gad hin buunee. Fedhiin Abbaa kiyyaas akka namni ilma ilaalee isatti amanu cufti jireenna barabaraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti du'aa isa nan kaasa."


Yohaannis 6 :46-47 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokkoyyuu Abbaa hin argine; Isa qofattu Abbaa arge. Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu martinuu jireenya barabaraa qaba.

Yohaannis 4:14 Garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kamiyyuu matumaa hin dheebotu; bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya barbaraatiif burqu ni ta'a."


SAGALEE MISIRAACHOO