Monday, February 17, 2014

WAAQA BIRMADUMMAA NAMAA KENNU TAJAAJILAA




“Waaqayyoon jaallachuu jechuunis abboommota isaa eeguu dha; abboommonni isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti.”—1 YOH. 5:3.
DEEBISUU DANDEESSAA?
Seexanni seerri Waaqayyoo baʼaa ulfaataa akka fakkaatu gochuuf kan yaalu akkamitti?
Namoota michoota godhannu ilaalchisee of eeggannoo guddaa gochuu kan qabnu maaliifi?
Waaqa birmadummaa namaa kennuuf amanamaa taanee jiraachuuf maaltu nu gargaara?
QAAMNI birmadummaa guutuu qabu Yihowaa qofa. Haataʼu malee birmadummaasaa karaa sirrii hin taaneen itti hin fayyadamu; waan hundumaarratti tajaajiltootasaa toʼachuudhaanis birmadummaasaaniitti akka hin fayyadamne isaan hin godhu. Kanaa mannaa, mirga filannaa murtoo mataasaanii gochuufi fedhiisaanii sirrii taʼan hunda guuttachuuf isaan gargaaru isaanii kenneera. Fakkeenyaaf Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin kan dhowwe waan tokko qofa jechuunis, ‘muka hamaafi gaarii ittiin beekan’ akka hin nyaanne ture. (Uma. 2:17) Fedha Uumaasaanii raawwachuuf birmadummaa guddaa qabu turan.
2 Waaqayyo warra keenya jalqabaatiif birmadummaa guddaa kan kenne maaliifi? Akka bifasaatti waan isaan uumeefi yaada garaa waan isaanii kenneef, jaalalli Uumaasaaniitiif qaban karaa sirrii taʼerra akka deeman isaan qajeelcha jedhee waan yaadeef ture. (Uma. 1:27; Rom. 2:15) Kan nama gaddisiisu garuu, Addaamiifi Hewwaan Uumaasaanii isa jireenya isaanii kenneefi birmadummaa inni isaanii kenne utuu hin dinqisiifatin hafan. Haala kanaan, amala akkamii qabaachuu akka qaban ilaalchisee birmadummaa seeraan ala taʼeefi Seexanni isaanii dhiheesse fudhachuu filatan. Haataʼu malee, warri keenya jalqabaa birmadummaa dabalataa argachuu mannaa, ofiisaaniis taʼe ijoolleensaanii cubbuu isa miidhaa cimaa geessisuuf garba akka taʼan dabarsanii kennan.—Rom. 5:12.
3 Seexanni ergamoota hedduu dabaltee namoonni mudaa hin qabne lama olaantummaa Waaqayyo akka tuffatan gochuu erga dandaʼee, nuunis gowwoomsuu dandaʼa. Malli inni itti fayyadamu isa kanaan duraa wajjin kan wal fakkaatudha. Seerri Waaqayyoo baʼaa ulfaataa akka taʼeefi gammachuu kan nama dhabsiisu goonee akka yaannu nu amansiisuuf yaala. (1 Yoh. 5:3) Yeroo baayʼee ilaalcha akkasiitiif yoo saaxilamne dhiibbaa guddaa nurraan gaʼuu dandaʼa. Shamarreen umrii waggaa 24 ejja raawwatte tokko, “Hiriyoota koorraa ilaalcha adda taʼe qabaachuu baayʼee waanan sodaadhuuf michoomni gadheen dhiibbaa guddaa narraan gaʼee ture” jetteetti. Tarii atis hiriyoonnikee dhiibbaa akkasii sirraan gaʼanii beeku taʼa.
4 Kan nama gaddisiisu, yeroo tokko tokko dhiibbaan hiriyaa gadheen gumii Kiristiyaanaa keessaa nurra gaʼuu dandaʼa. Dargaggeessi Dhugaa Baatuun tokko akkas jedheera: “Dargaggoota nama Dhugaa Baatuu hin taane beellamanii wajjin haasaʼan tokko tokko beekan ture. Isaanii wajjin yeroo baayʼee dabarsaa yommuun deemu, caalaatti akkasaanii taʼaa akkan jirun hubadhe. Hariiroon Yihowaa wajjin qabu garmalee miidhamuu jalqabe. Walgaʼiirratti argamuu nan dhiise; tajaajila baʼuus nan dhaabe. Haalli kun hariiroon isaanii wajjin qabu dhaabuu akkan qabu waan na hubachiiseef isaanii wajjin taʼuu nan dhaabe.” Hiriyoonnikee dhiibaa guddaa sirraan gaʼuu akka dandaʼan hubattee? Mee fakkeenya Macaafa Qulqulluu tokko haa ilaallu.—Rom. 15:4.
GARAASAANII HATE
5 Macaafni Qulqulluun namoota warra kaanirratti dhiibbaa gadhee geessisan ilaalchisee fakkeenya hedduu qabateera. Namoota akkasii keessaa tokko Abiishaalom ilma Daawit Mootichaati. Abiishaalom baayʼee bareedaa ture. Haataʼu malee yeroo booda akkuma Seexanaa, teessoo abbaasaa isa isaaf hin malle fudhachuuf garmalee hawwuu jalqabe.* Abiishaalom waan isaaniif yaadu fakkeessee, Daawit Mootichi Israaʼelootaaf akka hin yaanne dubbachuudhaan, malaan mootummaa fudhachuuf yaalii godhee ture. Eeyyee, akkuma Diiyaabilos dhaaba Eeden keessatti godhe, Abiishaalom nama namaa yaadu of fakkeessuudhaan abbaasaarratti hammina yaadaa ture.—2 Sam. 15:1-5.
6 Karoorri Abiishaalom haxxummaadhaan baase milkaaʼeefii turee? Macaafni Qulqulluun Abiishaalom, “garaa namoota Israaʼel [“hate,” hiika bara 1899] gara ofii isaatti in deebise” waan jedhuuf, hamma tokko isaaf milkaaʼeera. (2 Sam. 15:6) Taʼus, Abiishaalom of gurguddisuunsaa dhumaarratti kufaatii isatti fideera. Innis taʼe namoonni kumaan lakkaaʼamaniifi isa duukaa buʼan haala gaddisiisaa taʼeen duʼaniiru.—2 Sam. 18:7, 14-17.
7 Israaʼeloonni sun salphaadhumatti kan gowwoomfaman maaliifi? Wanta Abiishaalom isaan abdachiise argachuu barbaadanii taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo bareedinasaatiin gowwoomfamaniitu taʼa. Haallisaa maaliyyuu yoo taʼe, Yihowaafi mootii inni muudeef amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Yeroo harʼaas Seexanni garaa tajaajiltoota Yihowaa hatuuf, namoota akka Abiishaalomitti fayyadamuusaa itti fufeera. Namoonni kun, ‘Seerri Yihowaa garmalee kan nama hacuucudha. Akkasumas, namoota Yihowaa hin tajaajille hundaa ilaalaa; gammachuu guddaa qabu’ jedhu taʼa. Wanti haxxummaadhaan dubbatame akkasii soba guddaa taʼuusaa hubachuudhaan Yihowaaf amanamaa taatee ni jiraattaa? Birmadummaa dhugaa kan argamsiisu seera Yihowaa qofa, jechuunis seera Kiristos, “seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne” taʼuusaa ni hubattaa? (Yaq. 1:25) Taanaan seericha jaalladhu, akkasumas birmadummaa Kiristiyaanummaa keetti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuuf hin qoramin.—1 Phexros 2:16 dubbisi.
8 Seexanni keessumaa dargaggootarratti xiyyeeffata. Obboleessi yeroo ammaa umrii waggoota 30mmanii keessa jiru tokko, yeroo umrii waggoota kurnanii keessa ture ilaalchisee, “Seerri Yihowaa kan nama eegu utuu hin taʼin, kan nama hacuucu akka taʼettan ilaalan ture” jedheera. Kanaan kan kaʼes ejja raawwate. Kana gochuunsaa garuu gammachuu isaaf hin argamsiisne. “Waggoota dheeraadhaaf sammuunkoo na ceephaʼa, akkasumas gaabbiin natti dhagaʼama ture” jedheera. Obboleettiin tokko yeroo umrii waggoota kurnanii keessa turte yaadachuudhaan, “Erga ejja raawwattanii booda, gaddaafi gatii akka hin qabne isinitti dhagaʼama. Waggaa 19 booda ammallee yaadannoo gadheen gara sammuukootti dhufa” jetteetti. Obboleettiin tokkos, “Gochikoo namootan jaalladhu kan miidhu taʼuusaa yaaduunkoo karaa sammuu, hafuuraafi miiraa miidhaa guddaa narraan geessiseera. Surraa Yihowaa dhabanii jiraachuun jeequmsa guddaa namatti fida” jetteetti. Seexanni miidhaa cubbuun akkasii geessisu akka yaaddan hin barbaadu.
9 Dargaggoonniifi gaʼeessonni mana dhugaa keessa jiran hedduun, cubbuu raawwachuutti gammaduun yeroo baayʼee miidhaa guddaa akka geessisu waan isaanirra gaʼerraa baruunsaanii baayʼee nama gaddisiisa! (Gal. 6:7, 8) Kanaaf akkas jedhii of gaafadhu: ‘Malli Seexanaa hamminarratti kan hundaaʼeefi gowwoomsaa taʼuusaa nan hubadhaa? Yihowaan Michuu baayʼee natti dhihaatu akka taʼe, yeroo hundaa dhugaa akka dubbatuufi waan gaarii akka naa yaadu nan hubadhaa? Wanta gaarii taʼeefi gammachuu guddaa naa argamsiisu matumaa akka na hin dhowwanne guutummaatti mirkanaaʼaa taʼeeraa?’ (Isaayaas 48:17, 18 dubbisi.) Afaan guuttee deebisuuf, Yihowaa gad fageenyaan beekuu qabda. Michuukee akka taʼetti isa beekuu, seerriifi seerri buʼuuraa Macaafa Qulqulluu keessa jiru birmadummaa kan si dhabsiisu utuu hin taʼin, jaalala Waaqayyo siif qabu kan argisiisu akka taʼe hubachuu si barbaachisa.—Far. 25:14.
GARAA OGEESSA TAʼEEFI ABBOOMAMU ARGACHUUF KADHADHAA
10 Solomoon yommuu ijoollee xinnoo turetti gad of deebisuudhaan kadhannaa dhiheesserratti, “Ani garuu ijoollee dha, attamitti akkan bulchus hin beeku” jedheera. Achiis garaa ogeessa taʼeefi abboomamu argachuuf kadhateera. (1 Mot. 3:7-9, 12) Yihowaan kadhannaa garaadhaa madde kanaaf deebii kenneera. Dargaggeessas taate gaʼeessa siifis akkasuma gochuu dandaʼa. Yihowaan dinqiidhaan hubannaafi ogummaa akka sii hin kennine beekamaadha. Haataʼu malee, Dubbiisaa dhimmitee yoo qayyabatte, hafuura qulqulluu argachuuf yoo kadhatteefi qophii hafuuraa inni karaa gumii Kiristiyaanaa dhiheessurraa guutummaatti yoo fayyadamte ogeessa akka taatu si godha. (Yaq. 1:5) Yihowaan karaa kanaan tajaajiltoonnisaa dargaggoota taʼan, “ogeessotaa fi hubattoota” biyya lafaa warra gorsasaa tuffatan caalaa ogeessota akka taʼan gochuu dandaʼa.—Luq. 10:21; Faarfannaa 119:98-100 dubbisi.
11 Yihowaa akka gaariitti beekuuf, faayidaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi wanta dubbisnerratti xiinxaluun qabu fakkeenyaan ibsuuf caqasoota armaan gadii hubadhaa. Tokkoon tokkoonsaanii michoota filachuu ilaalchisee seera buʼuuraa barbaachisaa taʼe qabataniiru. “Ani namoota sobduu wajjin tarree hin teenye, warra haxxee wajjinis hidhata hin taane.” (Far. 26:4) “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada.” (Fak. 13:20) “Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa.”—1 Qor. 15:33.
12 Caqasoota kanarraa barumsa guddaa akkamii argachuu dandeenya? (1) Yihowaan michoota keenya of eeggannoodhaan akka filannu barbaada. Karaa amalaafi hafuuraa nu eeguu barbaada. (2) Namoonni michoota keenya taʼan dhiibbaa gaarii ykn gadhee nurraan gaʼuu dandaʼu. Kun gaʼuunsaa waan hin oolledha. Yaanni caqasoota armaan olitti barreeffamanii Yihowaan garaa keenyarratti akka xiyyeeffatu argisiisa. Akkamitti? Caqasoonni kun seera “kana hin godhin” ykn “sana hin godhin” jedhan akka hin qabne hubadhaa. Kanaa mannaa dhugaa jiru qofa kan ibsanidha. Kana jechuun Yihowaan, ‘Dhugaansaa kanadha. Dhugaa kanaaf ilaalcha akkamii qabda? Wanti garaakee keessa jiru maalidha?’ akka nuun jechaa jirutti kan ilaalamudha.
13 Dhumarrattis, caqasoonni sadan kun dhugaa ilaalchisee yaada buʼuura taʼe waan qabataniif, yoomiyyuu kan hojjetaniifi haala hedduu keessatti hojiirra kan oolanidha. Kana fakkeenyaan ibsuuf gaaffiiwwan, “warra haxxee” taʼanitti michoomuurraa fagaachuu kanan dandaʼu akkamitti? Namoota akkasii wajjin haalawwan akkamii keessattan wal qunnamuu dandaʼa? jedhan of gaafadhu. (Fak. 3:32; 6:12) Namoonni “ogeessa” taʼaniifi Yihowaan akkan isaanitti michoomu barbaadu eenyufaʼi? Namoonni “gowwoota” taʼaniifi irraa fagaachuun na barbaachisu eenyufaʼi? (Far. 111:10; 112:1; Fak. 1:7) Gowwootatti michoomuunkoo “amala gaarii” isa kam na jalaa balleessuu dandaʼa? Michoonni gadheen kan na mudatan biyya lafaa keessaa qofadhaa? (2 Phe. 2:1-3) Gaaffiiwwan kanaaf deebii akkamii kennita?
14 Caqasoota armaan olii ilaalchisee gaaffiiwwan kaʼanirratti hundaaʼuudhaan, wantoota siin ykn maatiikee yaaddessanirratti caqasoota ilaalchi Waaqayyoo maal akka taʼe mulʼisan gara biraa maaliif hin qortu?* Warra kan taatan yaada kana Waaqeffannaa Maatii gootanirratti irratti mariʼachuuf yaadaa. Kana yommuu gootan, galmi keessan miseensonni maatii hundi jaalala guddaa Waaqayyo nuuf qabuufi seera, akkasumas seera buʼuuraasaa keessatti mulʼate guutummaatti akka hubatan gargaaruu akka taʼe yaadadhaa. (Far. 119:72) Qayyabannaan akkasii miseensonni maatii hundi Yihowaafi waliisaaniitti caalaatti akka dhihaatan gochuu qaba.
15 Garaa ogeessa taʼeefi abboomamu qabaachuuf dhiisuukee akkamitti beekuu dandeessa? Karaan itti beekuu dandeessu tokko ilaalchakee ilaalcha namoota amanamoo bara durii kanneen akka Daawit Mooticha isa amanamaa taʼee wajjin walbira qabuudha. Daawit, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira” jedhee barreesseera. (Far. 40:8) Barreessaan Faarfannaa 119is, “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jedheera. (Far. 119:97) Jaalala akkasii utuu carraaqqii hin godhin qabaachuun hin dandaʼamu. Kanaa mannaa, gad fageenyaan qayyabachuu, kadhannaa gochuu, xiinxaluu, seera Waaqayyoo eeguufi eebba argannerratti yaaduudhaan kan argamudha.—Far. 34:8.
BIRMADUMMAA KIRISTIYAANUMMAA KEETIIF QABSAAʼI
16 Saboonni maqaa birmadummaatiin waraana gurguddaa akka godhan seenaan ni ibsa. Atoo karaa hafuuraa birmadummaa Kiristiyaanummaa keetiif qabsoo gochuuf fedhii hangamii qabda? Diinonnikee Seexana, biyya lafaafi hafuurasaa isa hamaa qofa akka hin taane hubadhu. Garaakee isa jalʼaa dabalatee cubbuu dhaaltee wajjin qabsoo gochuu si barbaachisa. (Er. 17:9; Efe. 2:3) Taʼus, gargaarsa Yihowaatiin lola kanarratti injifannoo argachuu ni dandeessa. Kana malees, guddaas haataʼu xinnoo injifannoon argattu yoo xinnaate buʼaa gaarii lama siif argamsiisa. Tokkoffaa garaa Yihowaa ciibsita. (Fak. 27:11) Lammaffaa, faayidaa humni Waaqayyoo inni birmaduu nama baasu, jechuunis ‘seerri birmadummaa inni hirʼina hin qabne’ qabu hubachaa yommuu adeemtu, karaa jireenya barabaraa isa ‘dhiphaarra’ adeemuuf caalaatti jabina argatta. Yeroo boodas, birmadummaa guddaa namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼan argatan argatta.—Yaq. 1:25; Mat. 7:13, 14.
17 Hundi keenya yeroo tokko tokko dogoggora akka raawwannu beekamaadha. (Lal. 7:20) Haalli akkasii yoo si mudate garmalee abdii kutachuu ykn gatii akka hin qabne sitti dhagaʼamuu hin qabu. Dogoggora yoo raawwattellee sirreeffama barbaachisu gochuuf gargaarsa jaarsolii gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Yaaqoob, “Kadhanni amantiidhaan godhamu . . . isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo taʼes in dhiisaaf” jedhee barreesseera. (Yaq. 5:15) Waaqayyo dhugumaan dhiifama kan sii godhu akka taʼeefi gara gumiisaatti kan si harkise wanta gaarii keessakeetti waan argeef akka taʼe matumaa hin irraanfatin. (Faarfannaa 103:8, 9 dubbisi.) Kanaaf Yihowaa duratti garaa guutuu hamma qabaattetti, inni matumaa abdii sitti hin kutatu.—1 Sen. 28:9.
18 Yesus galgala duʼuusaa dura turetti, kadhannaa ergamootasaa amanamoo 11f godherratti, ‘Isa hamaattii isaan eegi’ jedhee ture. (Yoh. 17:15) Yesus ergamootasaa qofaaf utuu hin taʼin, duuka buutotasaa hundaafis akka yaadu kanarraa hubachuu dandeenya. Kanaaf, Yihowaan yeroo rakkisaa kanatti nu eeguudhaan kadhannaa Yesusiif deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. “[Yihowaan] warra balleessaa hin qabneefis gaachana; . . . karaa warra isaaf of kennaniis in eega.” (Fak. 2:7, 8) Eeyyee, karaan amanamummaa rakkinarraa walaba taʼuu baatus, jireenya barabaraafi birmadummaa dhugaa argachuuf filannaa gara biraan hin jiru. (Rom. 8:21) Kanaaf, eenyuyyuu karaa kanarraa akka si jalʼisu hin heyyamin!
[Miiljaleewwan]
Waaqayyo “sanyii” gara fuulduraatti teessoo Daawit dhaalu ilaalchisee abdii kan kenne erga Abiishaalom dhalatee booda ture. Kanaaf, Abiishaalom teessoo Daawit akka dhaaluuf Yihowaan akka isa hin filanne kan beeku taʼuu hin oolu.—2 Sam. 3:3; 7:12.
Fakkeenyi gaariin 1 Qorontos 13:4-8 isa Phaawulos jaalala ilaalchisee ibserratti kan argamu siʼa taʼu, Faarfannaa 19:7-11rrattis eebbi seera Yihowaa eeguudhaan argamu hedduun caqasameera.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
 1. Yihowaan birmadummaasaatti kan fayyadamu akkamitti? Addaamiifi Hewwaaniifoo birmadummaa akkamii kennee ture?
 2. Warri keenya jalqabaa birmadummaa Waaqayyo kenneef kan dhaban maaliifi?
3, 4. Seera Yihowaa wajjin haala wal qabateen Seexanni nu gowwoomsuu kan yaalu akkamitti?
5, 6. Abiishaalom namoota kaan kan dogoggorse akkamitti? Karoorrisaahoo milkaaʼeeraafii?
 7. Seenaa waaʼee Abiishaalom ibsurraa maal barachuu dandeenya? (Fakkii fuula 14rra jiru ilaali.)
 8. Fakkeenyonni seera Yihowaa cabsuun gammachuu akka hin argamsiisne ibsan kamfaʼi?
 9. (a) Gaaffiiwwan, Yihowaa, seeraafi seera buʼuuraasaatiif ilaalcha qabnu qoruuf nu gargaaran kamfaʼi? (b) Waaqayyoon sirriitti beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
10. Fakkeenya Solomoon Mooticha isa dargaggeessa taʼee hordofuuf carraaquu kan qabnu maaliifi?
11-13. (a) Faarfannaa 26:4, Fakkeenya 13:20fi 1 Qorontos 15:33rraa barumsa gaarii akkamii argachuu dandeessa? (b) Seera buʼuuraa caqasoota kanaa hojiirra kan oolchitu akkamitti?
14. Waaqeffannaa Maatii keessan fooyyessuu kan dandeessan akkamitti?
15. Garaa ogeessa taʼeefi abboomamu qabaachuufi dhiisuukee akkamitti beekuu dandeessa?
16. Qabsoo birmadummaa dhugaa argachuuf gooturratti yoo injifatte buʼaa maalii argachuu dandeessa?
17. Cubbuun dhaalle abdii nu kutachiisuu kan hin qabne maaliifi? Yihowaan gargaarsa akkamii nuu kenna?
18. Kadhannaa Yesus Yohannis 17:15rratti dhiheessee wajjin haala walsimuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
[Fakkii fuula 14rra jiru]
Yeroo harʼaa namoota akka Abiishaalom taʼan beekuufi isaanirraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

Sunday, February 16, 2014

AMANTIIN HIN JIRREE JIRAACHISA!!

SAGALEE MISIRAACHOO


Ibroota 11


1 Amantiinm akka wonni
nu abdannu raawwatamun
mirkaneessa; akka wonni
nu hin argin jirus nuu ibsa.

2Namoonni duriilleen sababii
amantii isaaniitiin
Waaqa irraa dhuga-bayiinsao
argataniiruutii.

3Biyyi lafaa akka ajaja Waaqaatiin
uumame, wonni jirus akka waan
muldhatu irraa hin hojjatamin nu
amantiidhaan hubanna.

4Abeel amantiidhaan aarsaap
isa Qaayel dhiyeesse caalu Waaqayyoof
dhiyeesse. Inni yommuu
Waaqayyo waayee kennaa isaa
dhugeesseefitti nama qajeelaa
ta'uun isaa amantiin dhugeeffameef;
inni du'eera; garuu
hanga ammaatti amantiin dubbachaa
jira.

5Heenok akka du'a hin dhandhamneef
amantiin ol-fudhatame;
waan Waaqayyo ol-isa fudhateef
inni hin argamne; inni otoo ol
hin fudhatamin dura Waaqa
gammachiisuun isaa rageeffameeraafiitii.

6Amantii malee
Waaqa gammachiisuun hin danda'amu;
sababiin isaas namni
gara Waaqaa dhufu kamiyyuu
akka Waaqni jiruu fi akka inni
warra isa barbaadaniifis gatii
kennu amanuu qaba.

7Nohi waayee waan hanga yeroo
sanaatti hin muldhatini Waaqayyo
isa akeekkachiifnaanq sodaatee
warra mana isaa jiraatan oolfachuuf
jedhee amantiin dooniir
hojjate; amantii isaatiinis biyya
lafaatti mure; dhaaltu qajeelinna
amantiin argamuus ta'e.

8Abrahaam yommuu gara lafa
booddees dhaaluuf jiru tokkoo
akka deemuuf waamametti
amantiin ajajame; eessa akka
dhaqus otoo hin beekini qajeele.

9Innis akka keessummaa biyya
ormaa jiru tokkootti lafa isaaf
waadaat galame sana keessa
amantiin qubate; akkuma warra
isa woliin waadaa dhaalan
jechuunis akkuma Yisaaqiitii fi
Yaaqoobii dunkaana keessa jiraate.

10Inni magaalaa hundee qabdu
tan Waaqni ijaaree fi uume
eegachaa tureetii.

11Abrahaam yoo akka malee
jaarellee, Saaraanis yoo dhabduuv
turtellee inni waan Waaqa
waadaa isaaf gale sana amanamaa
godhee lakkaayeefw, amantiidhaan
ilma dhalfachuu danda'e.

12Kanaaf namicha akka
waan du'eetti lakkaawamu tokkicha
kana irraa sanyiin akka urjii
samii baay'attuu fi akka cirracha
qarqara galaanaa lakkoobsa hin
qabne argameera.

13Namoonni kunneen hundinuu
otoo waan waadaa galameef
sana hin argatin amantii isaanii
ammoo otoo hin dhiisin du'an;
waadaa sanas fagootti arganii
simatan. isaanis lafa irratti akka
keessummootaa fi karaa-deemtota
turan beekaniiru. 14Warri waan
akkasii jedhan kunneen akka
biyya ufii isaanii eegachaa jiran
muldhisu. 15Isaan otoo waayee
biyya keessaa ba'an sanaa yaadaa
turanii silaa, biyya isaaniitti deebi'uuf
carraax ni argatu turan.

16Qooda kanaa isaan biyya wayyu
tokko jechuunis biyya samii irraa
sana hawwaa turan; kanaaf
Waaqayyo Waaqa isaanii
jedhamee waamamuutti hin
qaanawu; Inni magaalaa isaaniif
qopheesseeraatii.

17Abrahaam yeroo Waaqayyo
isa qoretti amantiidhaan Yisaaqin
akkuma aarsaatti dhiyeesse; isuma
waadaa argate sanattu ilma isaa
tokkicha aarsaa godhee dhiyeessuuf
qophaaye. 18Innis isuma
Waaqayyo, "sanyiin kee karaa
Yisaaqiitiin sii waamama" jedheen
sana. 19Abrahaam akka
Waaqni warra du'an keessaa
nama kaasuu danda'ullee hubatee
ture; kunis karaa tokkoon Abrahaam
ilma isaa Yisaaqin warra
du'an keessaa deebisee argate
jechuu dha.

20Yisaaq amantiidhaan waan
dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi
Esaawun eebbise.

21Yaaqoob yommuu du'uu
gayetti amantiin ilmaan Yooseefi
tokko tokkoon eebbise; mataa
ulee isaatti irkatees sagade.

22Yooseefis yommuu du'uu gayetti
amantiidhaan waayee Gibxi
keessaa bayiisa saba Israa'eelii
dubbate; waayee lafee isaas ajaja
kenne.

23Akka Muuseen yommuu
dhalatetti mucaa midhaagaa ture
abbaa fi haati isaa waan arganiif
amantiin ji'a sadii isa dhossan;
isaan labsii mootichaa hin sodaanne.

24Muuseenis erga guddatee
booddee ilma intala Farioonii
jedhamee waamamuu amantiin
dide. 25Innis cubbuu keessa
jiraatee yeroo gabaabaaf gammaduu
irra saba Waaqaa wajjiin
rakkachuu filate. 26Ijay isaas
waan badhaasa fuula isaa dura
jiru irra keewwateef, akka
sababii Kiristoosiitiif tuffatamuun
qabeenya guddaa qabeenya
Gibxii cufa caalu ta'eetti
lakkaayeera. 27Innis otoo dheekkamsa
mootichaa hin sodaatin
amantiin Gibxi keessaa baye; isa
hin argamne sana akka waan
argeetti obsaan jabaatee dhaabateeraatii.

28Akka maleekkaan
hangafa ajjeesu sun hangafoota
saba Israa'eelii hin tuqneefis
amantiin akka Faasikaan
ayyaaneffamu, dhiignis akka
facaafamu godhe.

29Sabni Israa'eelii akkuma
nama lafa gogaa irra deemuutti
amantiin galaana diimaa ce'ez;
warri Gibxii garuu yommuu
akkuma sanatti cewuu yaalanitti
ni liqimfamani.

30Eegii sabnii Israa'elii Yeerikoo
marsee guyyaa torba nanaanna'ee
booddee masaraana Yeerikoo
amantiin jige.

31Ejjituunb Ra'aab jedhamtu
gaaddota simachuu isiitiin amantiin
hafte malee warra hin amanin
woliin hin ajjeefamne.

32Ani egaa kana caalaa maalin
jedha ree? Waayee Geedewooni,
waayee Baarqi, waayee Saamsoni,
waayee Yooftaahee, waayee
Daawiti, waayee Saamu'eeli akkasumas
waayee raajotaac odeessuuf
ani yeroo hin qabu. 33Isaan
amantiin mootota moo'atan; murtii
qajeelaa kennan; waan waadaa
galame argatan; afaan leencaa
cufan; 34Amantiin ibidda jabaa
dhaamsan; qara goraadee jalaa
ba'an; dadhabbiin isaanii jabeennatti
jijjiirame; waraana keessatti
humna argatanii loltoota diinaad
moo'atan. 35Dubartoonnise namoonni
isaanii warri du'an du'aa
kaafamaniifii deebisanii fudhatan;
warri kaanis du'aa -ka'iisa wayyu
argachuuf jedhanii gadi-dhiifamuu
didanii cinqaman. 36Warri kaan
ammoo ni tuffataman; ni garafamanis.
Namoonni tokko
tokko immoo sansalataanf hidhamanii
mana hidhaatti darbataman;

37dhagaadhaanis tumaman;
magaaziing bakkah lamatti baqaffaman;
goraadeen ajjeefaman;
deeguun, gaargalfamuui fi cinqamuun
gogaa hoolotaatiij fi
re'ootaa uffatanii nanaanna'an;

38addunyaan isaanitti hin tolleetii.
Isaanis lafa onaatiik fi
gaara irra, holqaal fi boolla
keessa jooraa turan.

39Warri kunneen hundinuu yoo
sababii amantii isaaniitiif jajamanillee
isaan keessaa namni
tokkoyyuu waan waadaa galame
sana hin arganne. 40Waaqni akka
isaan nu qofa waliin warra mudaam
hin qabne ta'aniif duraan
dursee waan nuuf wayyu qopheesseera.