Friday, August 30, 2013

Waaqayyo Masaraa siif ta'a!

Masaraa si taha

 Ati Isa keessa turi:Waaqayyoo si oolchaa!

Waaqayyo isa hundumaa danda’utti kooluu galuudhaan, gaaddisa isa jalas jiraachuudhaan hameenya barootaa jalaa miliquu danda'un dhugaa hin sochoone tokko dha (Far.91:1-6).
Yeroo safaan nama miidhu, gaaddis ni barbaadama; yeroo sodaan nama qabatu, namni waan jala dhokatee oolu barbaada. Waaqayyo jala namni lixu, Isuma keessattis namni hafu, hamaa jalaa ni baraarama.
Moototaa fi gurguddoota, qabeessotaa fi jajjaboota, firaa fi hiriyoota, horii fi beekumsa ofii jala dhokatanii jiraachuun garuu jireenya namaa saaxilamaa (vulnerable) godha.
Waaqayyotti kooluu galuun garuu jireenyuma saaxilamaa fakkaatu iyyuu oolchee ulfinaan ga’a. Sagaleen Waaqayyoos akkas jedha, “Amanamummaan Waaqayyoo gaachanaa fi masaraa siif ni ta’a”.

Ati Jaallatamteetta

Ati jaallatamteetta
Ergaawwan addunyaa kana irratti dubbataman hundumaa keessaa ergaan tokko baay'ee adda dha. Innis isa Waaqayyo siif dhaame dha.
Dhaamsichi isa Waaqayyo, "Ani du'a namaatti hin gammadu; kanaafuu, maaliif duutaa? Deebi'ii tii qalbii kee diddiiradhuu jiraadhu!" siin jedhu dha. Itti dabalees, Waaqaayyo akkas siin jedha, "Ani Ulfina bara baraa siif qophesseen jira waan ta'eef, anaan dhaga'ii tii jireenya lafa irratti qabdu akka yaada kootti jiraadhu. Ggorsa koo kana tuffattee, akka sitti toluu fi akka Seexanni si geggeessuu fedhutti yoo jiraatte, si'ol bakka jedhamu dhaquu keeti. Ani immoo, yaa mucaa ko," siin jedha Waaqayo, "bara baraan dhiphachuu keetti garaan koo hin gammadu".
"Akka cubbuu keetiin sitti hin faradamnetti, waa'ee keef aarsaa haa ta'uuf, Ilma koo Yasuus Kiristoosiin siif kenneen jira. Inni immoo gatii sirra jiru hundumaa sirraa baasuuf siif du'ee ture. Inni amma jiraataa ta'ee mirga koo taa'ee jira. Yasuusitti amanuu kee fi karaa isaa gara koo dhufuu keetiin na biratti simatama guddaa argatta. Ati gatii dhiigaa ti. Sin jaalladha mucaa koo. Amma ariiftattee gara kootti deebi'i!" jechuudhaan si waama Waaqayyo inni si uume!
Dhugummaa, dhoksaa fi ulfina waamicha siif godhame kanaa hubachuu yoo barbaadde, Macaafa Qulqulluu barbaadii dubbifadhu. Amma yeroo kana immoo, fedhaa fi yaada guutuun akkas jedhii kadhadhu:
"Ulfaadhu Waaqayyoo koo fi Uumaa ko! Jaalala naaf qabdu irraa kan ka'e ergaa naaf ergiteef, dhaamsa na bira ga'e kanaafis sin galateeffadha. Anis egaa gara Si'ol dhaquu fi bara baraanis dhiphachuu hin fedhu. CUbbuu koo isa darbe hundumaa anaaf dhiisi. Jireenya bara baraa isa anaaf qopheessite biraanis ana ga'i. Ulfina waamicha kee immoo akkan hubadhu godhi. Karaa kee isa dhugaa na barsiisi. Isa irras jabaadhee akkan deemuuf na gargaari. Maqaa Gooftaa Yasuus Kiristoos isa du'ee du'aa ka'een! Ameen."
Kadhannaa kana garaa guutuun kadhatte taanaan, waamicha itti waamamnte kanaaf tole jette taanaan, dhuguman siin jedha, Baga gammadde!

Waaqayyo araara nuuf Gochuu barbaadee nu waama!



Waaqayyosiwaama

Waamicha sabni Isaa akka Isa barbaaddatanniif godhukeessatti yeroo hundumaa Waaqayyo kaayyoo qaba. Kaayyoon Isaa inni guddaan immoo araara gochuu dha. Saba Isaatiif dhiifama gochuu barbaada Waaqayyo. Waaqayyo yeroo nama ilaalu, Addaamii jalqabee, garaan Isaa namootaaf baay’ee gadda. Garaan Isaa dhala namaaf baay’ee oo’a. Sababni isaa, erga gaafa Addaamii fi Hewaan dubbii yaada Isaa keessaa of baasanii jalqabee, dhalli namaa-- ijoolleen isaanii) jechuudha – jireenya kana malaa fi shaakala ofii godhatanii duukaa bu’aa jiraatu. Sanyiin hamaan qalbii Addaam keessatti faca’e yeroo hundumaa dhaloota Isa irraa dhufanii fi isaan kunuunfamanii guddifaman hundumaa keessaan dagaagaa fi guddachaa adeeme. Kana irraa kan ka’e, Waaqayyo yeroo hundumaa waan tokko ilaala, “Ani dhala namaaf araara hin godhu yoo ta’ee, dhalli namaa balaa guddaatu isa eeggata” kan jedhu dha. Kun immoo tasumaa Waaqayyoon hin gammachiisu. Waaqayyo ofii isaatii akka dubbatetti, “Ani du’a nama cubbamaatti nan gammadaaree? Fedhi koo namni cubbamaan karaa isaa isa hamaa irraa deebi’ee jireenyatti akka jiraatu mitii ree?” Ezq.18:29-32 ilaaluu dandeessu. Mee waliinuu haa dubbifnu.
Manni Isiraa’el garuu, ‘karaan Waaqayyoo qajeelaa miti!’ jedhu. Yaa mana Isiraa’el! Karaan koo qajeelaa mitii ree? Karaa isa kan keessaniitu jal’aa dha mitii ree?
Kanaafis, ‘yaa mana Isiraa’el! Ani akka hojii keessanitti tokkoon tokkoon keessanitti nan farada, yakki keessan akka isin hin kuffifnetti yaada garaa keessanii geddaradhaa, irra-daddarbaa keessan hundumaa irraas deebi’aa!” jedha Waaqayyo gooftaan. “Maaliif duutu yaa mana Isiraa’el! Irra daddarbaa ittiin yakkitan hundumaa of irraa gataa, garaa haaraa fi hafuura haaraa godhadhaa! Ani du’a namaatti hin gammaduu, kanaaf yaada garaa keessanii geddaradhaatii jiraadha!’ jedha Waaqayyo gooftaan!
 
Agartuu egaa; Waaqayyo akka inni itti namaaf gaddu! Obboleessa ko, Waaqayyo siif gaddaaf si waamaa jira! Atis obboleettiiko, garaan Waaqayyoo siif oo’a guddaa qaba. Kanaaf, harka bal’isee, “Maaliif duuta?” jedha. Kana jechuun Isaa, “Maaf du’a filattaa?” jechuudhaam! Karaa biraa immoo, ‘Ana dhaga’uudhaan jiraachuuf ni dandeessa, balballi jireenyaas amma illee siif banaa dha’ jechuu Isaa ti.
Maal jechuudha Waaqayyoon dhaga’uu jechuun? Akka anaaf galutti, waan Waaqayyo dubbatu qalbeeffatanii, waan Inni fedhu immoo gochuu dha. Namni akkas godhu yoo jiraate inni akkas gochuu isaatiin akkas jedhaa jira jechuu dha: “Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha!” Itti waliif galee, hordofeera jechuu dha.
Sabni yeroo raajicha Iziqeelitti Waaqayyo waamicha gochaafii jiru garuu akkas jedhu turan. Ofuma isaatii yeroo Waaqayyo inni sirriitti arguu fi dhaga’u hiiku, “Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti!” jedhu. Kana jechuun, dhaadannoo akkasii baatanii karaarra deemuu jechuu miti. (Akka nuti yeroo haalli bulchiisaa nuuf hin taane, darbinee darbinee hiriira nagaa baanutti). Karaarra akkas jedhaa labsaa deemu hin turre, hamman argetti (Macaafa Qulqulluu keessaa)!
Garuu, sabni kun jireenyi isaan jiraatan, yeroo hundumaa jireenya filatame dha. FIatanii jiraatu jechuu koo ti. Jireenya filachuu keessatti immoo, akka nutis goonu, kaabatti yeroo adeemnu, dhiini kallattii nuti irra adeemuu hin feene ta’uu isaa himaa jirra. Namni biraan akkuma tasaa otuu of duuba nu deebi’suu barbaadee, nummoo “anoo gara kanan deemuu barbaada” jennaan. Kallattichi kallattii nuti ofiif filannedha jechuu dha. Sabichis, jireenyi inni filatee har’aa boree jiraatu, faallaa yaada Waaqayyoo waan ta’eef, otuu afaaniin hin dubbatin iyyuu garaa isaatiin “Karaan Waaqayyoo qajeelaa miti, ykn karaan Waaqayyoo anaaf hin ta’u! ykn karaan Waaqayyoo isa ani barbaadu miti. Ykn karaan Waaqayyoo bu’aa naaf hin qabu jechu dha.
Waaqayyo akkas, “Ani guyyaa hundumaa harka koo gara saba didee ka’eetti, gara isa karaa hin taane irra bu’eettis, nan bal’ise. Sabni kun wanta yeroo hundumaa fuula koo duratti hojjetaniin ana in aarsu…” jedhe Waaqayyo (Isa. 65:2-3).
Iji Waaqayyoo namoota karaa Waaqayyoo dhiisanii karaa isa kan biraa irratti ka’an ilaalee waama jira. [Yaadadhaa waa’ee –kaameeraa yeroo darbe dubbannee!]
Maal jechuudha “karaa Waaqayyoo” yeroo jennu? Mee har’a ofitti haa deebifnu:
Karaan Waaqayyoo dhugaa dubbachuu dha (Zakk.8:16-17) Karaan Waaqayyoo namoota jaallchuu dha—diinota warra nutti ta’an illee (Maat.5:44; Luk6:35) Karaan Waaqayyoo qulqullummaatti jiraachuu dha (Lewoota20:26; Ibr.12:16). Karaan Waaqayyoo amanamoo ta’anii deddeebi’uudha (Mul.2:10;Luq.21:16-19)— Waaqayyoof, maatiif, gaa’ela ofiif, namoota wajjin hojjennuuf, namoota wajjin jiraannuuf ---, karaan Waaqayyoo Isa amanachuu dha (Erm17:7-8), Karaan Waaqayyoo maatii ofii akka dubbii Waaqayyootti eeguu fi guddisuu dha (Uma.18:17-19; kees.Deeb.6:6-7; Efe.6:4), Karaan Waaqayyoo waan gaarii fi qajeelaa gochuu dha (Kess.Deeb6:18). karaan Waaqayyoo jireenya Kiristoosiin mul’isuu fi beeksisu qabaachaa jiraachuu dha (Rom14:17-21;Qol.1:28;1Phex.2:12;, karaan Waaqayyoo hafuura qulqulluudhaan guutamuu/mo’amuu dha (Efe.5:18; Luq.11:13; Gal.5:22-25). Karaan Waaqayyoo, Waaqayyoon fakkaachuutti guddachaa adeemuudha (Rom.8:29; 13:14; 2Qor.3:18)….
Karaan keenya hoo? faallaa isaan kanaa jiraachuu dha. Karaa sobaa irra deemuu, namoota jibuu fi hammeenya hundumaa irratti yaaduu fi gochuu (Sef.3:2), xuraa’ummaa garaagaraa amaleeffachuu, hannaan, sobaan, waliin dhahuudhaanis of guddisuu yaaduu; yoo namni nu hin argu ta’e amanamuu dhiisuudhaan---maatii irratti, biyya iratti, waldaa irratti, gaa’ela keenya irratti, saba irratti---yakka hojjechuu; ofi keenyaaf ijaa baafachuuf ka’uu; wantootaa fi hirree foonni amanachuu; ofii keenyaa fi ijoollee keenya gad-dhiisiitti jiraachisuu; nuuf bu’aa argamsiisa taanaan waan arganne hundumaa hojjechuu (Utuu maqaa fi Ulfina Kiristoosiif of hin eeggatin); qooda Hafuura Qulqulluun guutamuu, haalaa fi wantootaan machaa’uu (dhugaatii garaa garaatii, oduudhaan, siyaassaan, jibaan, inaaffadhaan, jaalal horiitiin, diinummaadhaa, jaalala biyya lafaatiin, …); Qooda Waaqayyoon fakkaachuu immoo, jireenya keenya waan biyya lafaa kanaa shaakalchiisuun karaa namaa ti!
 
Egaa yoo jaallannes jibbines, guyyaa hundumaa fi sa’atii hundumaa karaa lamaan kana keessaa filachaa irra adeemna jechuu dha. Yoo isa tokko lafaa kaafnu, isa kaan immoo lafa buufna jechuu dha. Yeroo karaa Waaqayyoo filannu, karaa cubbuu immoo irraa gorra jechuu dha. Yeroo karaa jal’inaa irra buunu, karaa Waaqayyoo gad-dhiifneerra jechuu dha. Filmaata!
Egaa gara isa Waaqayyo karaa raajicha Hisqeel dubbatuutti yeroo deebinu, Waaqayyo komee qaba ture. ‘Karaakootu dhiifame, karaakootu irraa gorame, yaada kootu hubatamuu dide’ jedha. “Ani” jedha Waaqayyo, “araara gochuun barbaada! Ani dhiifama gochuun barbaada. Ani cubbamaa du’a oolchuun barbaada. Ani dhukkubsataa fayyisuun barbaada. Ani isa karaa irraa kaatetti karaa agarsiisuun barbaada. Sabni koo garuu araaran baadhee jiru kana ana harkaa fudhatee dheekkamsa waa’ee cubbuuf dhufuuf jiru jalaa of oolchuu hin barbaadu. Karaan sabni koo filate karaa du’aati. Maaloo maaliif duutuu? Maaf as gara kootti hin odeebitan?” jedha Waaqayyo.
Obboloota ko, tarii waamichi kun nu hin ilaallatu seetuu laata har’a? Waldaa keenya hin ilaallatuu laata har’a? Mana keenya hin ilaallatuu laata har’a?

SAGALICHA DHIIGICHA AFUURICHA

sagalicha dhiigicha haruuficha

Baga Nagaan Dhuftan!
Burqaa Gammachuu Dhugaa!
Gammachuu argachuun dhala namaa hundaa fuu barbaachisaa fi dhimma sona jabaa qabu. Garuu gammachuu attamiitu nama barbaachisaa? Namni immoo gosa gammachuu barbaadu kanaa eessaa argataa? Wantoonni gammachuu keessa namaa hatan warra akkamiitii? Gaaffilee kana deebisuu danda'uun ofuma isaatiif hiika ta'uudhaa yoo baate illee, garuu furmaata argachuutti wantoota geessan keessaa isa jalqabaa ta'uu ni danda'a.

Lubbuun namaa Uumaa ishee gar-malee dheebotti. Dheebuu kana yoo hin guuttanne, wantoota nama gammachiisa jedhaman kamuu yoo gooneef lubbuun keenya raawwattee gammaduu hin dandeessu.

 Waaqayyo uumaa nama uumama hundumaa ti. Waaqayyo inni hundumaa uume kun immoo karaa Yasuus Kiristoos tokkich ilma isaa caalmaatti biyya lafaatti of agarsiise. ( As irratti Ilma Waaqayyoo yeroo jennu maal jechuu akka ta'e fuula kan biraa irratti ni ibsina. Ammaaf garuu Qaama(person) sadan Waaqayyoo isa tokkichaa keessaa tokkuma jennee bira haa dabarru.
  
Namni Karaa Yasuus Kiristoositti amanuu adabbii cubuun itti fidu jalaa walaba baha. Namni araara Waaqayyoo yoo hin arganne mootummaa Waaqayyootti galuu hin danda'u. Namni immoo araara Waaqayyoo argachuuf Yasuus Kirstoositti amanuudhaan muchaa Waaqayyoo ta'uu, fi qalbii isaa diddiirachuutu isa barbaachisa.
  
Fuulota 'Website' kana irratti argamanii fi kan biroo keessatti illee barreeffamoota gaaffii barbaachisaa dhala namaa kanneeniif odeeffaanoo deebii kennan qabannee ti jirra. Kanaafuu Qalbii keessaa Waaqayyoof banatanii wanta Waaqayyo isaan keessaan isinitti dubbatu yoo amantanii fudhattan wanta barbaachisaa tokko bara hara'a qabdan keessatti buufattan jechuu dha. Kun immoo baroota dhufuuf jiran maraaf illee bu'uura isiniif ta'uu ni danda'u jedheen abdadha.
  
 Waaqayyo inni jallala sirrii fi adda ta'e isiniif qabu, inni Uumaa ta'e sun isin haa eebbisu!