KITAABA XIQQAA BARSIISA
MACAAFA QULQULLUU
Normaan Manzooniin
Normaan Manzooniin
AFAAN OROMO: A HANDBOOK OF BIBLE DOCTRINE
SEENSA
Obboloota keenya kabajamoo Itoophiyaa keessa jirtan
Kitaaba xiqqoo kana gaaffii kabajamoo Obbo Zaman Indaalee(Tajaajila Raadiyoo Sagalee dhugaatiin) isiniif kennuuf carraa argachuu kootti baayyeen gammada. Wanti as keessatti dhihaatu barreeffama fuula dhibbaatamaa toora weebsaayitii kootii www.biblestudyproject.org irratti argamuu malan keessaa cuunfaa mata-dureewwan ijoo ta’aniiti. Wanta as keessatti barreeffamerraa dhimmoota gurguddoo Macaafni Qulqulluun itti dhimmamuufi bu’uura gaarii yaadaa fi jireenya qajeelummaa kiristaanaa in argattu jedheen yaada. Yoo fedha Waaqayyoo ta’e, barreeffamoonni dabalataa kitaaba xiqqoo kanaa, kan mata-dureewwan barbaachisoo as keessatti hin dabalamne kan akka gaa’ilaa, kadhannaa, kennaawwan hafuuraa fi fayyinaa uumamuu in malu.
Qo’annoowwan kunniin tartiiba waldeeggaraa deemuun kan dhi’aataniidha. Dubbii Waaqayyoo biyya lafaa kanarraa argamuu hin dandeenye kan irraa argannu uumaa Macaafa Quqlulluu isa adda ta’erraa jalqabna. Achumaan dhugaawwan Macaafa Quqlulluu keesatti ibsaman itti fufnee jalqabarratti haala Waaqayyoo, isa jalqabumaa kaasee jiraatee fi Macaafa Quqlulluu harka namootaatiin oomishee ilaalla. Itti aansinee warra Inni jalqaba uume, ergamoota, akkasumas immoo waa’ee ergamoota Isa irratti fincilanii: seexanaa fi daabiloos xiinxalla. Sana booda uumaa namaatti ceenee achumaan waa’ee cubbuu fi fayyinaa itti fufna. Itti aansinee immoo waa’ee Isiraa’el, sagalee Isaa fi Masihichaa biyya lafaatiin akka ga’an saba Waaqayyo filatee, itti aansinee waldaa kiristaanaa fi dhumarratti, karoora abdii dhaloota dhufuuf jiru akkasumas ergamootaa fi namummaa xiinxalla. Kitaaba kana keessatti barnoonni tokko isa itti’aanuuf bu’uura buusaa waan deemuuf barnootaaleen kunniin tartiibaan akka dubbifaman kabajaanin isin gaafadha.
Aangoon Inni dhumaa kan barsiisaa otuu hin taane kan Macaafa Qulqulluu akkuma ta’e, qabxiiwwan irra-jireessa ani kaaseef caaffattoota wabii ta’uu danda’an akka ragaatti dhi’eesseera. Kadhannaan koo Yihuudota Beriyaa warra labsii Phaawuloosii fi Siilaas dhaggeeffatanii wantoonni kunniin akkasuma ta’uuf dhiisuu isaanii ilaaluuf guyyuma-guyyaan caaffattoota qoraa turanii akka fudhattanidha (HoE 17:10-11). Hubannaa kana keessatti, ani keessattuu dhimmoota raajii waa’ee fuul-duraa irratti xiyyeeffatan ilaalchisee yaadachiisan kennuun qaba. Dubbisoonni ani eeru tokko-tokko maree dabalataatiin ala guutummaa-guutuutti hubatamuu hin danda’an. Akka carraa ta’ee mareewwan akkasii kana kitaaba xiqqoo kana keessaan dabarsuuf dandeettiin ani qabu garmalee muraasa. Kanaafuu barreeffama kanarraa wanta dandeessan akka barattaniifi wantan ani jedhuuf iddoo mirkaneessa hin argannetti, wantan ani jedhe callisiituma akka yaada guduunfaa ani qo’annoo hedduun booda argadheetti akka fudhattun yaada siif dhiyeessa1.
Kutaan Macaafa Quqlulluu guddaan qo’annoo akka kanaa kamiinyyuu agarsiifamuu akka hin danda’amne hubatamuu qaba. Kanaafuu qo’annoowwan akkanaa gatii qabaachuu yoo malanillee, namin kamiyyuu Macaafa Qulqulluu jalqabaa hamma dhumaatti, keessattuu Kakuu Haaraa, dubbisuu gonkumaa dagachuu hin qabu.
Dhuma irratti, Macaafa Qulqulluu qo’achuu qofaan galma isa dhumaa miti. Galmi isaa Waaqeffannaa gadi fageenyaa akkasumas qulqulummaa fi tajaajila fedha olaanaa Isaatti seenuu akka dandeenyuuf waa’ee Waaqayyoo fi karaawwan Isaa nu barsiisuudha. Kanaafuu jireenya keenya hafeef barataa dubbii Waaqayyoo taanee of wareeguun Waaqa isa cubbamoota akka keenya dhiiga Isaa isa cubbu-maleessaan baraaruuf ilma Isaa nuuf erge kutannaadhaan Waaqeffachuu fi tajaajiluutti haa seennu.
Sagalee Waaqayyootiif akkuma xiyyeeffannaa kennitanii fi akkuma itti deddeebitaniin eebbifamaa.
Garba keessanii fi barataa Sagalee Waaqayyoo,
Noormaan Manzoon
I. UUMAA MACAAFA QULQULLUU

Macaafin Qulqulluun yeroo waggoota 1600 keessatti afaanota adda-addaa sadi’iin namoota adda-addaa afurtama ta’an kan yoo xinnaate gosa hojii gara-garaa kudha-tokko irraatti bobba’anii jiraniifi moototaa hamma qonnaan bultootaa of-keessaa qabuun yoo xinnaatee biyyoota ardiiwwan sadi’ii ja’a keessatti barreefame.
Kitaabonni adda-addaa yaada wal-faalleessaa qaban danuun biyya lafaarra in jiru. Macaafin Qulqulluun garuu odeeffannoo walfaalleessu wayii kan hin qabneedha. Inni gamtaa kitaabota ja’atamii ja’aa guutummaa-guutuutti dhaamsaa fi seenaa walitti hin buune of-keessaa qabu kitaaba tokko. Shakkii malee, hamma harka namootaatiin barreeffametti, Macaafni Qulqulluun gargaarsa mul’atatiin, dadamaqiinsaa fi too’annoo Waaqayyootiin qofaa barreeffamuu danda’a.
2Ximotewos 3:16 keessatti, caaffanni Qulqullaa’aan hundinuu gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin caafame; jedhamee nutti himamee jira. Jechi Giriikii hiikkaa gaggeessaa Waaqayyootiin jedhu “Theopnevstos”dha. San jechuunis “hafuura Waaqayyo baafate” jechuu yoo ta’u, kan irratti xiyyeeffatus “afaan Waaqayyootii ba’uu” irratti. Gaggeessaanis maarree dhugumattuu hafuura gadi baafachuudha. Waaqayyo karaa barreessitoota namaatiin Macaafa Qulqulluu akka “Hafuuraatti gadi baafate”.
Waraabbiileen kunniin dhuma Macaafa Qulqulluu kan ta’e Kitaaba Mul’ata Yohaannis gara xumuraa, waraabbilee dhumaa sadii ykn afur dura jiru.
Akeekkachiisonni balaafamoon qabiyyee kitaabichaa jijjiiruun walqabatee Yohaannis labse kunniin ifumatti macaafichi Dubbii Waaqayyoo ta’uusaafi akkuma Mul’anni raajiiwwan dhibbaatama Kakuu Moofaa keessatti ibseef barsiisota ijoo Kakuu Haaraa ta’uu isaa argisiisu, dabalataanis immoo guutummaan Macaafa Qulqulluu sagalee Waaqayyoo yoo ta’u akkasumas immoo akeekkachiisni Yohaannis qabiyyeesaa jijjiiruu akka hin qabne kan eeruudha. Kanaafuu akeekkachiisonin Yohaannis akka mul’ata Waaqayyoo hamma mul’ata bara mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftootaa Mataa Isaa deebi’uu Isaatti namaaf kenname akka dhumaatti kitaabilee jaatamii ja’an Macaafa Qulqulluu in saamsamsu.
Duulli hedduun Macaafa Qulqulluu irratti taasifamaa turaniiru. Haa ta’u malee, abukaatonni rakkina Inni qabu barbaaduuf dubbisanii booddeerra amantoota ta’aniiru! Iddoon Macaafin Qulqulluu dhimmoota seena-qabeessa ta’an tuqutti beektoonni seenaa fi arkiyooloojistoonni haala dinqii ta’een sirrii ta’uusaa arganiiru. Iddoo Inni waa’ee saayinsii dubbatutti dhimma uumama bantiiwwan Waaqaaf lafaa fi lubbuu dabalatee dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Carraaqqii umrii guutuu booda saayintiistiin itti’aanu kun dhugaa inni ba’e dhaggeeffadhaa:
“Hafteewwan biqiltoota bara durii yommuu ilaallu, hundumtii isaanituu marroo dhaabbii ta’eefi yeroo tokkotti akka tasaa daraaraa guutuu ta’anii heddumminaan jiraataa akka turan hubanna. Jijjiiramin wayiituu gonkumaa hin jiru. Kun ti’oorii jijjiirama suuta-suutaatiin kan walfaalleessu ta’ee mul’ata. Argannoowwan koo hundinuu haala dinqisiisaa ta’een gara walfaalleessuutti qajeelaniiru … ti’ooriin jijjiirama suuta-suutaa guutummaa-guutuutti hafuu qaba hanga jedhamutti … Inni qoo’annoo baayoolojiitiif gufuu hamaadha. Jijjiirama suuta-suutaa qorannoodhaan mul’isuuf carraaqqiiwwan ani waggoota 40 caalaaf gochaa ture guutummaan-guutuutti na jalaa fashalaa’aniiru!
Macaafin Qulqulluun “Waaqayyo jalqabumatti bantiiwwan Waaqaa fi lafa uume” (Seera Uumamaa 1:1) jedha. Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate, akkasitti namin uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta’e (Seera Uumamaa 2:7).
Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu waa’ee jaalalaa jajjabeessu tokkollee hin jiru. Inni “Obboleessa kee akkuma ofii kee jaal’adhu jaalachuutu siif ta’a. (Seera Lewotaa 19:18), Wangeela Maatwos 22:39) akkasumas immoo “diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa!” (Mat. 5:44) jechuun labse. Inni dabalataanis miidhaginaa fi eebifamuu gaa’ilaa fi maatii deeggaree walitti dhufeenya dinqisiisoo namoonni qaban kanniin diiguuf warra nama doorsisan hunda balaaleffateera.
Ulfina dubartoota, warra, ijoollee, warra hin dhalanne, hiyyeeyyii, warra qaamaan gidiramanii fi keessummootaaf kennamuu qabu irrattis Inni akka Sunaamiitti addunyaa waliin gaheera. Shakkii tokko malee Inni sagalee jaalala Waaqa jaalalaa biraa dhala namaa isa Inni karaa hundaan fayyisuu fi eebbisuu fedhuuf dhufedha.
1. Dandeettii sammuu waan hunda qabuu: dandeettii yaaduu, sababaa fi karoora (Isaayyaas 1:18).
2. Miira jabaa: dandeettii hafuura nama tokkootiin miiraan dhaga’u (Ba’u 4:14; Efe. 4:30).
3. Fedha: dandeettii haala gochaa filuu (Uma. 1:3).
Waaqayyo sadii Waaqa Tokko. Inni Dhagnoota Waaqummaa, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu sadanii kan jiraatu Waaqayyo Tokko. (Mat. 28:19).
Waaqayyo jalqabaa fi dhuma hin qabu: Inni wantoota kamiiinyyuu, bifa humnaatiin, lubbuun, hafuuraan, yaadaan, miiraan, iddoodhaan, ykn immoo wanta kan biraa mootummaa lafaatiiinllee ta’ee isa gararraadhaan haalli jireenya Isaa kan daangeeffamme ykn kan murtaa’e miti” (1Motota 8:27).
Waaqayyo Waaqa bara-baraati; Inni otuu adda hin cinne ykn yeroo darbetti, yeroo ammaattii fi yeroo fuulduraatti hin daangeeffamiin jiraata (Ba’u 3:14, Kes. 33:27; Far. 90:2).
Waaqayyo iddoo hundattuu in argama. “Waaqayyo Iddoo kamiyyuutti dhagna Isaa guutummaadhaan in argama”3. Ta’us daangaamaleessummaan iddoo Waaqayyo jiru haala murtaa’aa ta’een argisiisa. Iddoo hundatti argamuun isaa garuu iddoo Waaqayyo jiru ballina irratti hundaa’uun argisiisa (Far. 139:7-10).
Waaqayyo waanuma hunda danda’a. Inni wanti tokkoyyuu otuu Isa hin daangeessin wantoonni hundiyyuu otuu haala Isaa hin hidhin raawwachuuf daangaa malee humna kan qabuudha. Haa ta’u malee Inni wantoota ulfina Isaatiin faallaa ta’an raawwachuu hin danda’u. Fakkeenyaaf Inni Waaqayyo ta’uu dhiisuu hin danda’u (Far. 90:2); Inni gochaawwan cubbuu bira hin darbu (Yaaqob 1:13) Inni kakuu galee hin diigu ykn Dubbii Isaa keessa hin deebi’u (Lakk. 23:19; 2Xim. 2:13); Inni sobuu hin danda’u (Lak. 23:19; Ibr. 6:18; Tit. 1:2).
Waaqayyo waan hundaa beekaadha: Inni wantoota mul’atanii fi wantoota baay’ee xixinnoo ta’anirraa hamma dhuma hin qabneetti mootummaa kamiyyuu keessatti yeruma hundumaa guutummaa guutuutti beekumsa in qaba. (Far. 139:16; HoE. 15:18; Ibr. 4:13)
Waaqayyo muudaa hin qabu. Inni guutummaan guutuutti hanqina kan hin qabnee fi muudaa kan hin qabnedha (Mat. 5:48).
Waaqayyo jaalala (1Yoh. 4:8, 16). Waaqayyo haala baay’ee barbaachisaa ta’ee fi bu’uura ta’een jaalala.”4 Kanaafuu fedhiin Isaa Inni bara-baraa eebbisuudha. (1Yoh. 3:16; 15:13; 1Yoh. 4:10).
Waaqayyo Ifa (1Yoh. 1:5): haaluma Isaa isa cimaadhaan Waaqayyo burqaa ifoota hafuura hundaati.
Waaqayyo kan hin jijjiiramne, Inni haala Isaatiin bara-baraaf kan hin geeddaramne, akkasumas immoo argamuu Hafuura Isaa amalli, seeronni, abdiiwwanii fi kanneen maalummaa Isaatiin walqabatan kan birootiin kan hin jijjiramnedha (Milkiyaas 3:6; Yaaqob 1:17).
Waaqayyo uumaa wantoota hundaati. ‘Uumaan’ kennaawwan Waaqayyoo isa tokko miti, taayitaawwan Isaa keessaa isa tokko malee. Wantoota hunda uumuun Isaa kennaawwan Isaatiin ta’uu danda’a. Inni uumama wajjin kan wal fakkaatu miti, isaan beekama male. Uumaa fi kan uumame in jiraata. Waaqayyo uumaadha. Inni wantoota kamiyyuu dura in jira ture, akkasumas immoo wantoota hundumaas in uume. (Uma 1:1, Qol 1:16).
Karaa kamiinyyuu Inni kun akka waan dadhabsiisaa ta’etti fudhatamuu hin qabu: Yaa Waaqayyo Gooftaa koo, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay’ifteetta; tokkollee kan siin qixxaatu hin jiru, isaan kana yoon labse yoon himes, isaan wanta lakkaa’amuu danda’u gararraa in ta’u (Faarsaa 40:5).
Abbaan uumama keessatti si’aawaadha. 1Qorontos 8:6: Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira, Innis Abbaa Isa waan hundumaa uume, Isa nuyi maqaa isaatiif jiraannusi. Yaaqob 1:17: Kennaan gaariin hundinuu kennaan guutuun hundinuu Abbaa ifaa biraa gubbaadhaa dhufa; Isa bira gegeeddaramuun yookiis gaaddidduu jijjiiruun hin jiru.
Abbaan Dhagna Isa tokko. Inni dandeettii cimaan, miirri jabaa fi fedhii kanuma Isaati. Yohaannis 3:16: Waaqayyo, akkasitti tokkicha Ilma Isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate, kun immoo Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara-baraa haa qabaataniif malee, haa baduuf miti. Gammachuu haqaa walitti fufeenya qabuu fi qulqullaa’uu dhala namaatiif karoora tokko karoorfachuuf dandeettii cimaa barbaachisa. Jaalalli Inni biyya lafaatiif qabu miirota Isaa in argisiisa. Ilma Isaa tokkicha cubbamoota fayyisuuf aarsaa gochuun Isaa Inni fedha cimaa qabaachuu Isaa argisiisa.
Caaffattoonni Abbummaa Waaqayyoo kallattiiwwan ja’aan ibsu:
1. Waaqayyo Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoos.
Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, Inni anaan, ‘Ati Ilma kooti, ani har’an si dhalche’ (Faarsaa 2:7). Yohaannis 5:26 farrfannaa 2:7 namatti mul’isa. Abbaan ofuma Isaatii burqaa jireenyaa akka ta’e, akkuma kanatti Ilmi Isaas immoo burqaa jireenyaa akka ta’uuf Isaaf kenneera. Doktar Luuwiis Ispeerii Shaafer “Inni kun jireenya dhala namaa isa sanyii namaatiin jalqabu miti, jireenya Waaqayyo isa baraa-hamma-baraatti ta’e kan eeruudha”5 jedhee barreesse. Jireenya bara-baraaf darbe keessatti “Guyyaa”n tokko, Waaqayyo Ilmummaa Ilmaaf kenne.
“Dhalchuun” maarree Waaqayyoo jireenya bara-baraa darbe keessatti Ilma uume jechuu miti, yookiis immoo dhalachuu fooini Yesuus hin eeru. Beektonni ti’oolojii walumaagalatti dhalchuun Ilma eeruuf kaa’ame, Inni adda ta’uusaa akka eeru walii galu. Inni shakkii tokko malee haala firooma Inni Abbaa Isaa Waaqarra jiraatu wajjin qabuun adda. Beektoonni amantii tokko-tokko Abbaatu bara-baraan Ilma uuma jedhanii yaadu. Dhimmichi waanuma fedhellee ta’u, Ilmi shakkii tokko malee aangoo Waaqummaa fi qulqullummaa firooma Isaa Abbaa Isaa Waaqarraa wajjin qabuun adda kan ta’eedha. Ilaalchi Dhalchuu Ilmaa dabalataanis Yohaannis 1:18, 3:16, fi 1Yoh. 4:9 keessatti in argama.
2. Akkuma armaan olitti 1Qorontos 8:6 fi Yaaqob 1:17 keessatti mul’ate Waaqayyo Abbaa uumamaati. Kanaafuu Inni bulchaa birmadummaa isaati. Iyyob 9:5-7: [Inni] dheekkamsa Isaatiin tulluuwwan yeroo garagalchu, otuu isaan quba-hin-qabaatiin, iddoo isaatii isaan in buta, Inni lafa iddoo isaatii in sochoosa, utuboonni lafaas in raafamu, Inni biiftuu in abbooma, akka isheen ifa hin keninnes in godha; ifa urjootaas mallattoodhaan in cufa.
3. Waaqayyo naamusa isaan uumuu qabaachuudhaan ergamootaaf Abbaadha (Qolaasiyaas 1:16). Isaan seera uumamaa 6:2, fi Iyyoob 1:6, 2:1 fi 38:7 keessatti ilmaan Waaqayyoo jedhamanii waamamu.
4. Waaqayyo naamusa isaan uumuu qabaachuudhaan dhala namaatiif Abbaadha. (Seera Uumamaa 2:7, HoE 17:9, 26-29; Efesoon 3:14-15, Ibroota 12:9).
5. Miira isa Inni ishee saba addaa akka taatuuf filatee kaaseef Waaqayyo Abbaa Isiraa’eli. (Ba’u 4:22 Kes. 7:6; 32:6; Isa. 64:8; Hosee 11:1, Milkiyaas 1:6).
6. Waaqayyo waraa Ilma Isaatti amanan hundumaafuu Abbaadha (Mat. 5:45; 6:6, 15; Yoh. 1:12; Rom. 8:14-16; 1Yoh. 3:1).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Abbaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka itti’aanu kanatti walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
1. Inni baruma-baraaf Ilma bara-baraa in kenna (Yohaannis 5:26).
2. Inni Ilma Isaa eebbisuu in barbaada (Faarsaa 2:7-8).
3. Wanta Inni, Ilmi hojjechuun isaaf ta’u, Ilmatti in argisiisa, akkasumas immoo aangoo isa Ilmi raawwate, gochaa jiruu fi fuulduraaf godhu akka Inni godhuuf Isaaf in kenna (Yoh. 5:19-20, 22, 36).
4. Wantoota kanneen Inni akka dhufanii darbaniif fedha qabu hundumaa abboomuuf Inni Aboo kan qabuudha (Faarsaa 2:5-7).
5. Inni warra Masihiitti fayyuuf jiran in filata (Efesoon 1:3-6), ta’us, namni waan fedhe murteeffachuuf mirga inni qabu otuu hin dhabamsiisiini.
6. Akka Abbummaa dhala namaatti, Ilma Isaa cubbuu isaaniitiif aarsaa gochuu fi kennaa fayyinaa itti fufeenyaan kennuuf fedhiiwwan hafuuraa isaa kenneera (Yoh. 3:16, 2Qor. 5:19-20; 2Phex. 3:9). Inni fedhii foonii isaanitiifis in dhimmama (HoE 14:17), hammamiyyuu yoomma akka gara Isaa dhufaniif barbaachisaa ta’etti Inni isaan sirreessuullee (Hisqi’el 38:16).
7. Akka Abbaa kanneen amantii Ilma Isaatiin kan Isaa ta'aniitti, Inni jireenya fooniifis in yaadda'a (Maatewos 6:25-30) akkasumas immoo karaa kamiiinyyuu karaa hafuuraatiin isaan guddisuuf wantoota barbaachisoo ta'an hundumaa itti fufeenyaan in raawwata (Ibroota 12:6-7; Filipiyuusis 1:6).
Ilmi Waaqayyoodha. Yohaannis 1:3: Wanti hundinuus Isumaan ta'e, waan ta'e keessaas Isa malee kan ta'e tokkollee hin jiru.Dabalataanis Qolaasiyaas 1:16): Barreeffamni kun sirumaayyuu otuu Inni Maariyaam irraa hin dhalatin durayyuu amaltoota namummaa Ilmaa lama, hunda danda'uu fi fedha, ibsa. Amala sadaffaa namummaa kan ta’e Miirri cimaan, Faarsaa 40:8 keessatti haala otuu Ilmi foon hin uffatiin dura jiruutiin ibsameera, achittis Inni Waaqayyo Abbaa Isaatiin, Yaa Waaqayyoo koo, fedha kee gochuun anatti tola, seerrii kees garaa koo keessa jira jedhe Ilmi foon uffate: Yesuus imimmaan isaa dhangalaase (Yohaannis 11:35).
Dhagin lammaffaan baroota darbaniif baruma-baraanuu akkuma Faarsaa 40:8, Yohaannis 3:13 fi barreeffamoota kan biroo keessatti eerame tilmaama Ilma Waaqayyoo ta'ee jiraachaa tureera. Waaqayyo karaa baayoloojiitiin Yesuus ilma Maaramiif abbaa hin ta'u (Isaayyaas 7:14). Haafuurri Qulqulluun Maaraamitti bu'ee gadamessa ishee keessatti hanqaaquun akka ta'uu fi guddatu godhee (Luqaas 1:31, 34-35). Ilmi bara-baraa foon namaatiin in dhalate (Isaayyaas 9:6).
Foon uffachuu Isaatirraan, Ilmi gara Waaqummaa Isaa isa barbaachisaa fi hafuura namaa guutuu fi dhagna namaa guutuutti in dabalame; ta'ullee kan biraa haa hafuutii fooniiniyyuu guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kiristoos keessa in jiraata. (Qolaasiyaas 2:9). Inni gamtaa Tokkummaa sadan Waaqummaa Abbaa Isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin qabu keessaa isa tokko ta'ee hafe, akkasumas immoo guutummaan guutuutti bakka hundattii argamuu, waan hunda beekuu fi waan hunda danda'uu irraa gonkumaa hin dhaabatu.
Yesuus yeroo nama ture sana akkuma namoonni kan biroon raawwatan cubbuu hin qabu ture (Luqaas 1:35) akkasumas yaadaan, jechaa fi gochaan cubbuu-maleessa ture (Yohaannis 8:46). Inni cubbuu keenyaaf fooniin du’ee, awwaalamee, warra du'an keessaa fooniin ka'e (Yohaannis 20:25-28), foon ulfina argateen gara Abbaa Isaa Waaqarra jirutti ol ba'e (Maarqoos 16:19, 1Qorontos 15:4, 42-44).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Ilmaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka itti’aanu kanatti walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
1. Inni Abbaa Isaa Waaqarra jiruuf tajaajilaadha. (Isaayyaas 42:1; 53:11)
2. Ergamoota Hafuura Qulqulluu bartoota Isaatti in qajeelcha. (Yoha. 16:13-15)
3. Inni dhagna sadan Waaqa Tokkoo foon uufate Isa Tokkicha. (Luqaas 1:35)
4. Dhiiga mataa Isaatiin lubbuu namaatiif abaarsa Waaqayyoo fudhatee cubbuu keenya irraa nu furuudhaan Inni Furaa dhala namaati. (Galaatiiyaa 3:13, 1Phexroos 1:18-19)
5. Inni mataa waldaa kiristaanaati. (Efesoon 5:23)
6. Inni yeroo ammaa kanatti teessoo Waaqayyoo duratti qulqulloota Waaqayyoon walitti araarsaa jira. (Ibroota 7:24-25)
7. Yeroo Mootummaa Waggoottan kumaatiif Mootii guutummaa Lafaa in ta’a. (Faarsaa 2:1-6)
8. Inni Abbaa FirdiiWaaqayyummaa (Yohaannis 5:22) Isa Teessoo Kiristoos biraati (2Qorontos 5:10), yeroo dhumaa Gidiraa hamaatti biyya hoolaa fi re’eettii (Maatewos 25:31-46), akkasumas jal’oota warra du’an Gonfoo Adii Guddaa Firdiitti (Mul’ata 20:10-15) biratti qulqullootaaf kan faradu.
Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha. Inni uumuu keessatti si’aawaa ture (Uumama 1:2) akkasumas immoo HoE 13:2 keessatti akka dubbatetti “hojiin ani Barnabaasiifi Saawul akka hojjetaniif isaan waame kan koo kophaatti naaf kaawame” jechuudhaan mirga addaa Waaqayyummaasaatti fayyadame.
Hafuurri Quqlulluun dhagna tokko isa dandeettii cimaa, miira jabaa fi fedha mataasaa qabudha.
Dandeetti cimaa: Romaa 8:26: Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namin dubbiidhaan mul’isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata. Namaa kadhachuun dandeettii addaa gaafata.
Miira jabaa: Efesoon 4:30: Hafuura Waaqayyoo Isa Qulquluu, Isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallatteeffamtan hin gaddisiisinaa!
Fedha: Inni namoota amantiidhaan bulanii fedha isaa qabaniif hafuuraa in raabsa: Hafuurri Innumti Tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in ga’a, Inni akka jaalala Isaatti tokkoon tokkoon namaaf kennaa addaa in hira (Qorontos 12:11).
Hojiileen addaa Hafuura Qulqulluu Dhagnoota sadan Waaqa tokkoo gidduu jiran akka asiin gadiitti walitti qabamanii kaawwamuu in danda’u.
1. Inni Hojjetaa Abbaa (Yohaannis 14:26) fi Ilmaati (Yohaannis 16:13-14).
2. Inni, cubbuu qabaachuusaanii warra hin amanne (kun sirrummaa warri qulqulloota Masihii qofaan qabaachuu malaniidha) fi firdii bara-baraa warra hin amanne in amansiisa (Yohaannis 16:8).
3. Inni isaan keessa jiraachuudhaan (Yoha. 14:16-17) fayyina isaanii bara-baraa abdachiisuudhaaf mallattoo Isaa isaanirratti godhee (Efesoon 4:30), dhagna Masihiitti isaan cuuphuun (1Qorontos 12:13) kennaawwan hafuuraa isaaniif kennuun (1Qorontos 12:7-8) isaan jireenya quqlullummaa akka jiraataniif yommuu isaan fedha Waaqayyoo horatan ofii Isaatiin isaan guutuudhaan (Efesoon 5:18) humna isaaniif kennuun (Roomaa 8:14) isaan gaggeesse (Galaatiyaa 5:18). Kanneen amanan deebisee in dhaabe (Yoh. 3:6-7).
Sababoota gurguddoo danuudhaan akkuma Seera Uumamaa 10:25 keessatti, Ebeeriif ilmaan lama in dhaltan, bara Inni tokko dhalate lafti waan hiramteef maqaan isaa “Feleq” jedhame, echad garaa-garummaa wayiituu akka hin qabne in eera, ta’ullee iddooechad, akkuma Seera Uumamaa 2:24 keessatti, isaan lachanuus foon tokko in ta’u jedhu wanta dhagna tokko caalaarraa uumame in eera. 1Qorontos 6:16 echad Seera Uumamaa 2:24 wanta dhagna tokko caalaarraa hojjetame in eera. Yookiis namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna tokko akka ta’u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru, “Isaan lachanuu foon tokko in ta’u” jedha. Maatwos 19:4-6 fi Maarqoos 10:9 dubbisa qabiyyee gaa’ilaa qabu keessatti waanuma wal fakkaataa argisiisu. Yaadadhaa, maarree, hammamiyyuu qaamaa fi hafuuraan guutummaan guutuutti garaa gara ta’anillee dhirsaa fi, niitiin echadidha.Echad, maarree ifumatti walitti makamuu jechuudha. Wanta daneessummaa namoota gara-garaa kanneen yeruma walfakkaatutti garaagarummaa isaanii hambisu argisiisuu in danda’a.
Maarree hiikni echad keessa-deebii 6:4 keessaa isa kamirree? Inni Waaqayyo guutummaan guutuutti tokko ta’uu Isaa labsa moo gamtaa tokko? Mee qabxiiwwan kanneen haa hubannu:
1. Caaffattoonni Waaqayyummaa dhagna tokkoon otuu hin ta’in, Dhagnoota sadii ta’uusaatiin ibsu.
2. Yahween Dhagnoota sadan keessaa maqaa dhagna tokkoo ol ibsudha (Uma. 19:24, Zakkaariyaas 2:8-9)
3. Yachid jecha Ibraayisxii isa yeruma hundaa tokkichummaa ibsa.
4. Abrahaam ijoollee baay’ee qaba ture. Ta’ullee Seera Uumamaa 22:2 keessatti Muuseen ilma Abrahaam isa tokkicha adda ta’e Yisihaaq tokkummaa mudaa hin qabne ta’uu isaa addeessuuf echad otuu hin ta’in Yachid fayyadame.
5. Muuseen gaaffii malee Shima keessatti tokkummaa guutummaan guutuutti ibsuuf Yachid fayyadamuu in danda’a ture, garuu akkas hin goone. Inni Echad fayyadame.
Kanaafuu Muuseen ilaalcha gamtaa tokkummaa Yahmee (Waaqayyoo) Keessa-Deebii 6:4 keessaa eeru dabarsuuf echad irraYaahid filatee guduunfuun isaa wanta amansiisaadha.
Dhagnoonni sadan wanta tokkicha waliitti makamanidha; garuu bu’uurri tokkummaa isaanii maaliidha? Yohaannis 10:30 keessatti Yesuus Aniif Abbaan Tokko jedheera. Doktar Arnold G. Fruchtenbaum “Waraabbiin kun isa Abbaanii fi Ilmi aangoodhaan, aangoo Waaqummaa mataa isaaniitinuu tokko”6 jedhee barreesse. Beektoonni danuun Yohaannis 14:10 ilaalchisee yaadoota walfakkaatan kennu.
2Qorontoos 3:4 keessatti Kiristoos eeruuf, Phaawuloos waraabbii 17 keessatti Eegaa Inni “Goofticha” jedhame kun, Hafuura Qulqulluudha. Doktar Charles Ryrien waraabbiin 17 “Kiristoosii fi Hafuurri Qulqulluun tokko ta’uu isaaniitiif hima cimaa ibsu” jedhee labse.7
Yohaannis 10:30, Abbaanii fi Ilmi amala addaa walfakkaatu tokko qabaachuu isaanii argisiisa. 2Qor. 3:17 Ilmii fi Hafuurri Qulqulluunamala addaa qabaniin tokko ta’uu isanii argisiisa. Maarree, bu’uurri tokkummaa Dhagnoota sadanii amala addaa walfakkaatu qabaachuu isaaniiti.
Uumamni wanta baay’ee barbaachisaa kana maalidha? Yesuus Waaqayyo Hafuura, (Yohaannis 4:24) jedheera. Aangoo baay’ee barbaachisaan Abbaa, maarree, Hafuura Waaqayyummaati. Baay’ee barbaachisummaan Hafuura Qulqulluutis Hafuura Waaqayyummaa, jechi Hafuura jedhu maqaa (noun) yoo ta’u fi Qulqulluu kan jedhu immoo ibsa maqaa kan fooyyeessudha. Dhagnoonni sadan tokkumma, akkasumas immoo amalli addaa tokko-tokkoon isaanii qaban inni ijoon Hafuura Waaqayummaati. Sana booda amalli addaa Dhagnoota sadan Waaqayyo tokko taasisuu Hafuura Waaqayyummaa ta’uun isaa nuuf gala.
Qabxii dabalata tokko: Dhagni sadan Waaqayyoo inni tokko gonkumaa iddoo dhagna isa biroo hin fudhatu ykn bakka hin bu’u. Inni kun tarii haala gaariidhaan Luqaas 3:22 keessatti ibsameera. Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mul’atee irra bu’e; sagaleenis Waaqa irraa dubbatee “Ati Ilma koo isa jaallatamaadha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedhe. Ifumatti, Dhagnoonin sadan adda baafaman, Ilmii Inni cuuphamee ture, Hafuurri, fi Abbaan, Inni sagaleen Isaa Waaqa irraa dubbate, kana keessa as in jiru. Dhagni tokko kan biraa ta’uu ykn bakka bu’uu gonkumaa hin danda’u.
Qolaasiyaas 1:6 Kiristoos hojii Isaatiif jecha ergamoota akka uume nutti hima. Wanti Waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa’anii fi warri mootummaa qaban warri bantii Waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman Isaan uumaman; wanti hundinuu karaa Isaa uumame, Isaafis uumame. Teessoowwan mootummaa, aangoowwan abbootiin taayitaa fi bulchitoonni sadarkaawwan ergamootaa yoo ta’an, akkasumas immoo isaan wantoota hin lakkaa’amneedha (Ibroota 12:22).
Iyyoob 38:4-7 keessatti Waaqayyo Iyyoob in rifaasisa; 4. Yommuu ani hundee lafaa kaa’ee ati eessa turte...7. Yeroo sanatti arjoonni gara barii in faarfatan warri Waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisu; Urjoonni gara barii fi ilmaan Waaqayyoo kan jedhaman ergamoota Waaqayyoo in eera (urjoonni gara barii: Mulata 1:20; 9:1; 12:3-4, ilmaan Waaqayyoo: Seera Uumamaa 6:2, 4; Iyyoob 1:6; 2:1), akkasumas immoo dubbisichi erga Waaqayyo bantiiwwan Waaqaaf lafaa mul’atu otuu hin uumamin dura isaan uumuu isaa ifa in godha. Haaluma kanaan akkuma caaffattoonni yeroo biraa kamiyyuu waa’ee uumama ergamootaa hin dubbanne, akkasumas isaan wal horuuf hin dandeenye dubbatan (Maarqoos 12:25), nuyi ergamonni hundinuu bantiiwwan Waaqaa fi lafaa otuu hin uumamin dura uumamanii akka turan guduunfuu qabna.
Ergamoonni hafuurota jiraatan yoo ta’an (Ibroota 1:13-14), akkasumas isaan dhagnoota dandeettii addaa (1Phexroos 1:12), miira jabaa (Iyyoob 38:7) akkasumas fedha (Yihudaa 1:6) qabani, Isaan qulqulloota, (Luqaas 9:26), garmalee caalaatti humna kan qaban (2Seena Baraa 32:21) akkasumas immoo bara-baraaf jiraatu (Luqaas 20:36).
Waaqayyo ergamoota sadarkaawwan sadiitti uume.
1. Tartiibni olaanoon ergamoota Kiiruubeel kanneen ulfina Shechina Waaqayyoo wajjin gamtaa walitti dhufeenya cimaa qabaniidha (Hisqi’el 1:26-28; 9:3; 10:1-22). Hisqi’el 10:1 teessoo Waaqayyoo jala yommuu jobobi’an isaan in argisiisa. Isaan dabalataanis dhimmoota eegduummaatti ramadamaniiru (Seera Uumamaa 3:24)
2. Tartiibaan itti aananii kan jiranu Suuraafeel. Isaayyaas 6:2-3 isaan teessoo mootummaatii ol dhaabatanii yommuu Isaa Waaqessan argisiisa.
Waraabbiiwwan 5-7 kanneen Waaqayyo waamu qulqulleessuu irratti yommuu isaan qooda fudhatan argisiisu. Mul’anni 5:8-10,14 yommuu isaan Hoolicha Waaqessan argisiisa, akkasumas immoo Mul’anni 6:1-7 fi boqonnaan 15 fi 16 yeroo Gidiraa Guddaatti dheekkamsa waciitota Waaqayyoo keessaa yommuu isaan gadi naqan agisiisa.
3. Dhumarratti tartiibni Inni sadaffaan salphaadhumatti “ergamoota” jedhama. Isaan dhimmoota karaa Waaqummaa keessummeessuu ykn raayyaawwan Waaqayyoo, Mikaa’el akka Dursaa isaaniitti qabachuun in too’atu (Mul 12:7). Daani’eel 10:13-21 keessatti Mikaa’el saba Isiraa’el irratti itti gaafatamummaa addaa yoo qabaatu akkasumas Daani’el 8:15-27; 9:20-27 fi Luqaas 1:11-38 keessatti Ergamaa Gabreeliitiin ergamaa Mul’ataa Waaqayyoo akka ture argina. Suuraafeel fi Kirubeel amantoota isaanii adda ta’ee muraasaan namoota in mul’isu, akkasumas amala isaanii adda ta’e kan biraatiin ayyaanotaa qulqulluu ykn bineensota mootii fakkaachuu in danda’u (Hisqi’eel 1:5-28; Mul’ata 4:6-11).
Suuraafeel koolota (laboobaawwan) lama (Isaayyaas 6:2), akkasumas Kirubeel koola tokko (1Motota 6:23-28) in qabu. Yommuu ergamoonni tartiiba sadaffaa lafa irratti mul’atan, isaan akka namoota dargaggootaatti waan mul’ataniif koolota (laboobaawwan) in qabu hin jedhamne (fakkeenyaaf, Seera Uumamaa 18:1-2, 16-18; Maaroos 16:5).
Ergamoonni daa’imman akka eeganiif kan ramadamaniidha (Maatewos 18:10). Isaan daalatanis amantootaa fi waldoota kiristaanaa akka eeganiif ramadaniru. hammamiyyuu Inni sun yeruma hunda kan jiraatu ta’ullee isaan ergamoonnii fi waamichoonni Waaqayyo isaan itti waame fiixaan ba’uu isaanii arguuf malee waan hamaarraa isaan eeguuf miti, (Faarsaa 34:7; 91:11-12; HoE 8:26; 12:7-11; 27:21-26; Mul’ata 1:1; 2:1,8,12,18; 3:1, 7, 14). Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree (Ibroota 1:14)? Dabalataanis akkuma armaan olitti argine Mikaa’el Isiraa’el irratti eegduudha.
“Ergamaan” addatti adda ta’e tokko (Ba’u 3:2, 4), akkuma eramoonni kan biroo waamaman yeroo adda addaatti lafarratti mul’atee ture ergamaa Yaahweh dha malee ergamaa Yaahweh jedhamu tokko miti. Ergamaan kun Waaqayyoo bifa Ergamaa tokkootiin ta’uu isaa in beekna, sababiin isaas iddoo Ergamicha Yahiwwee arginu kamiyyuutti Inni dabalataanis salphaadhumatti kutaa dubbisa kan biraa keessatti akka Yaahiweetti yommuu eeramu argina.
Zakkaariyaas 2:8-9 keessatti Abbaaniifii Ilmi lamaanuu Jihoovaa jedhamanii waamamu, kanaaf inni Dhagna Waaqayyoo isa kamiidha?, gaaffiin jedhu in ka’a. Seera Ba’uu 3 fi 4 keessatti Inni Isiraa’eloota Gibxii jalaa baasee karaa isaanii Galaana Diimaa keessaan in taasisa, akkasumas 1Qorontos 10:1-4 Kiristoos jedhee Isa in waama. Ergamaan Jihoovaa, maarree, Kiristoos bara-baraa Mataa Isaa ture.
Ergamni addaa ergamaa kanaa maal ture? Akkuma dubbisa karaa Inni itti mul’ateen qorannu, Inni seenaa Isiraa’el, qopheessuu Isaa akkasumas immoo Isiraa’eliif seenaa qopheessuu Isaa in argina. Shakkii tokko malee, Abrahaamii kaasee hamma fannoottiErgamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, Inni isaa in oolchas (Faarsaa 34:7). Haa ta’u malee, Bara Waldaa Kiristaanaa keenyatti otuu hojjetuu Isa hin arginu.
Wanti dabalataa kan biraa dubbatamuu qabu tokko in hafa: Nuyi gonkumaa ergamootaaf sagaduu (Waaqessuu fi kadhachuu) hin qabnu (Qolaasiyaas 2:18; Mul’ata 19:10; 22:8-9). Waaqayyuma Abbaadhaaf qofaa sagaduu fi kadhachuu qabna (Maatewos 6:9).
Kufaatii isaatiin dura, seexanni dabalataanis akka Urjii, Guyyaa, Ilma Bariitti in beekame ture (Isaayyaas 14:12), akkasumas Hisqi’eel 28:12 qarummaan isaas dhugaa isa Inni dandeettii ergamummaatiif ogummaa fi miidhaginaan guutamuu isaatiin akka ture in mul’isa.
Hisqi’el 10:1 keessatti, teessoon Mootummaa Waaqayyoo yommuu Kirubeel gubbaatti jobobi’u in argina, garuu immoo 28:14 keessatti isa teessoo mootummaa Waaqayyoo gubbaatti calaqqisiisaa uwwisu ykn jobobi’u ykn irratti bittinnaa’u Tokko in argina. Hisqi’eel 28:13b garuu qoosaa aangoo isaa akka Kiruub Dibamee mul’isa. Dhagoonni gati-jabeeyyiin hundinuu, sardoniikis, Beerilos, Safiiros Kaarbunkil, Simaaragidosis si miidhagsu turan, wanti sitti naqame fi sitti maxxanfame hundinuu Warqee irraa hojjetame, isaanis yommuu ati uumamte qopheeffaman. Meeshaaleen muuziqaa kuniin akkuma Inni Waaqayyo irratti jobobi’een isa harka turan Suuraafeel (Isaayyaas 6:2) akkasumas Kirubeel kan biroo (Hisqi’el 10:1) isa Inni guutummaa ergamootaa Waaqayyoof sagaduutti gaggeessu argisiisu. Ta’ullee seexanni yommuu finciletti, Waaqayyo isaa fi mootummaa isaa gara lafaa fi marfata lafaatti gadi darbate. Waan ta’eefis ramaddiin isaa yeroo ammaa Ilma mootii Qilleensaati (Efesoon 2:2).
Taayitaan seexanaa erga yeroo fincila isaatii kaasee ittiin isa beeknu caalaatti waa’ee isaa in ibsa:
1. Haala Isaa
Isa Hamaa (Maatewos 6:13, Yohaannis 17:15; 2Tasalonqee 3:3; 1Yohaannis 5:18-19). Inni guutummaan guutuutti haalaa fi wantoota Inni too’atuu fi raawwatu hundumaanuu hamaadha.
Seexanni, hiikkaan isaa Diina jechuudha. Maqaan taayitaa kun caaffata keessatti yeroo shantama caalu dhahameera. Inni diina Waaqayyoo, saba Waaqayyoo, fi ummata hundaati. Gochi diinummaa isaa ifumatti 1Seenaa Baraa 21:1 keessatti mul’ifamee jira.
2. Galmoota Isaa
Barbadeessa (Mul’ata 9:11). Barbadeessaan kun awaannisoota sodaachisoo, dhugumaan daabiloosota, Mul’ata 9:1-10, isa bool’a dhuma hin qabnee ol ba’e irratti mootiidha. Galmi barbadeessichaa karoora Waaqayyoo, Masihicha mataa Isaa, fi saba Waaqayyoo barbadeesuufi.
Leenca Aadu. Inni kun sirrumatti seexana akka barbadeessaa uummataatti fakkii isaa lafa kaa’a. 1Phexroos 5:8 addumatti isa akka barbadeessaa amantii fi deddeebi’uu amantootaa ta’e fakkii isaa lafa in kaa’a.
3. Maloota Inni Ittiin Galmasaa Gahatu
Nama qora (Maatewos 4:3; 1Tasolonqee 3:5). Gochi kun seexanni namoonni cubbuu akka hojjetaniif kakaasu Sheexana ta’uusaa argisiisa.
Gowwoomsa (Haxxee). Mul’atni 12:9 seexanni gowwoomsaa guutummaa biyya lafaa akka akka ta’e, namoonni danuun Waaqayyoo fi karaa Isaa fudhachuu akka didan kan gowwoomsu isa ta’uu argisiisa. Akkuma yeroo hunda danda’u, Inni amantoonni gorsa gaarii Waaqayyoo fudhachuu akka didan in gowwoomsa, Efesoon 6:11 haxxummaa seexanaa akka balaaleffannu kan nu kakaasu kanumaafi.
Ergamaan Ifaa 2Qorontos 11:14 keessatti argamu; gochi kun Sheexanni hubannoo hamileefi hafuuraa dhugaa irratti amantiiwwan sobaa, falaasamaafi yaada hedduu addunyaan of-keessa qabdu keessaa raga sobaa dhiyeessuudhaan hojii gowwoomsaa akka hojjetu agarsiisa.
Daabiloos. Daabiloos jechuun hadheessaa, ykn maqaa namaa balleessaa jechuu akka ta’eefi, akkamitti Waaqayyoo fi saba Isaa, fi saba Waaqayyoo akka gargar baasuu labsa. Inni Kakuu Haaraa keessatti qofaa argama, si’a soddomii shanis in argama.
…obboloota keenya Inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture… (Mul’ata 12:10). Iyyob 1:9-11 fi 2:5 Inni Iyyoob qajeelicha fuula Waaqayyoo duratti yommuu hadheessu in argisiisa.
4. Tooftaaleesaa Akkamitti Akka Hojiirra Oolchu
Boficha Seexanni yeroo kurnan tokko keessattuu Seera Uumamaa 3:1, iddoo itti abshaalummaa fi haxxummaan isaa Heewaan qoruudhaan mul’atetti akka bofaatti fakkeeffameera.
Jawwee (Mul’ata 12) gochi kun humna guddaa fi bineessummaa seexanni Yesuus isa mucaa nyaachuufi (Maatewos 2, Mul’ata 12:4) akkasumas dubartii Isiraa’el jedhamtu ishee Mucaa deesse balleessuuf fayyadame cimsee agarsiisa (Mul’ata 12:13).
5. Aboo Yeroo Ammaa Seexanni Qabu
a. Walitti dhufeenya inni Daabiloosota kan biroo wajjin qabuun
Hangafa Seexanootaa. Aboon Wangeelota Maatewos 12:24 fi Luqaas 11:15 keessatti argamu kun, aangoo seexanni daabiloosota hundumaa irratti qabu argisiisa.
Aboo Qilleensa keessa jiru irratti isa Gooftummaa qabu: Aboon Efesoon 2:2 keessatti ibsame kun seexanni inni yeroo ammaa qilleensa keessa jiraatu, humnoota xixiqqoo isa fakkaatan kan qilleensa keessa jiran, daabiloosota kan bulchu isa ta’uu argisiisa.
b. Sirna Biyya Lafaa Amma Jiruun Wal-qabatee
Waaqa Bara Ammaa. Aboon 2Qorontos 4:4 keessa jiru kun, to’annaa seexanni bara ammaa akka to’atu, yaadni inni biyya lafaa kanarratti qabus kan Kiristoos wajjin faallaa akka ta’e mul’isa.
Hamaa biyya lafaa kana seerratu. Gochi kun Wangeela Yohaannis 12:31, 14:30, fi 16:11 keessatti in mul’ata. Hunduma isaanii keessattiyyuu, jechi warra Giriikii biyya lafaa ibsu Koosmoos kan jedhudha, innis hafuura Sheexanaa sirna biyya lafaa keessa guutee jiru akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi raawwatamu ibsa. Kun immoo faallaa hafuura mootummaa Waaqayyoo akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi raawwatamuuti.
Mootii Baabiloon (Isaayyaas 14:4). Qixa waraabbilee 4-17, keessa jiruun yommuu ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootummoota biyya lafaa hunda kan to’atu fakkeessee mul’isa.
Mootii Xiiroos (Hisqi’el 28:11-12). Qixa waraabbilee 4-17, keessa jiruun yommuu ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootii Daabiloos mootummoota lafaa hunda to’atu fakkeessee mul’isa.
6. Ilaalchota Seexanaan wal-qabatan
Beliyaal. Beliyaal 2Qorontos 6:15 keessatti argama, hiikni isaas gati-dhabdummaa, ija Waaqaa duratti gatii gaarii ta’uu ykn gaarii kamiyyuu hojjechuuf dandeettii seexanni qabu ibsa.
Bi’el Zebul. Bi’el Zebul jechuun "humna hangafa seexanootaa" jechuu yoo ta’u, Wangeelota Maatewos 10; 25; 12:24, 27; Maarqos 3:22; fi Luqaas 11:15, 18, 19 keessatti argama. Innis maqaa barsiisota amantaa fi seeraa bara Yesuusiin seexanaaf kenname jecha qoosaa fakkaata. "Bi’el Zabub" tapha "Be’il Zabul" irraati, maqaan Filisxeemii bifa Giriikii isa sirrii/jalqabaatiin, hiikni isaa Gooftaa Masaraa Mootummaa jechuudha.
Galmoonni seexanaa, hojiiwwan Waaqayyoo barbadeessuu, lubbuun akka hin fayyine, warra akka du'aa hin kaane, ardiin iddootti akka hin deebineefi ofiisaatii Galaana Ibiddaatti akka hin gatamne dhowwuufi akkuma fincila isaa isa jalqabaa galmisaa, inni ammayyuu Waaqayyo aangoorraa buusuu fi bakka Waaqayyoos Waaqa tolfamaa ta'uu cimsee barbaada (Isaayyaas 14:12-14, 2Tasoloinqee 2:3-4). Galmoota isaa fiixaan baasuuf, Inni fannoo dura yesuus ajjeesuuf barbaadee ture (Maatewos 2:1-18; 4:1-11; 25:6, kkf), yihudoota barbadeessuudhaan deebi'ee dhufuu Gooftaa ittisuu in barbaada, (Zakkaariyaas 13:8; Maatewos 23:39; Mul'ata 12:6, 13-15), akkasumas immoo fayyinaan dura hafuurri akka itti hin mul’anne gochuu ykn du'a fiduudhaan (2Qorontos 4:3-4; Yaaqob 4:1) yaadaa fi hojii waldaa kiristaanaa jeequudhaan (HoE. 20:29-30) fayyina lubbuu ittisuu in barbaada.
Kiristaanni haleellaa seexnaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabu:
Isaanuma irraa: Inni Diinnisaa eenyu akka ta’e (saba otuu hin ta'in, seexanaa fi daabiloosotasaa akka ta’an) fi beekuu qaba, akkasumas immoo inni akka nama Waaqayyootti yaaduu akka danda’u sammuusaa Dubbii Waaqayyootiin guutuu qaba (2Qorontos 10:3-5; Efesoon 6:10-18). Inni seexana (Daabiloos) diduu, akka jireenya isaattis hin galle karaa itti cufuu qaba (Efesoon 4:26-27; Yaaqob 4:6-7; 1Phexroos 5:8-9). Kanaafuu inni Yesuus akkamitti seexanaan akka morme (Maarqoos 8:31-33, Luqaas 4:1-14) qorachuu fi fakkeenya Isaa hordoofuuf waan gaarii gochuutu isaaf ta'a.
Warra Kiristaanota hin taane irraa: isaan diinota isaa ta'aniyyuu inni isaan jaalachuu qaba (Maatewos 22:39, Galaatiyaa 5:14, Yaaqob 2:8). Inni akkuma Waaqayyo isa dandeessisetti bakka isaanii bu’ee isaaniifi hojiiwwan humnaatiif dhiifama gochuufii qaba (Maatewos 14:15-21; 20:34; Yaaqob 1:27). Hundaa ol Inni fayyina lubuu isaanitiif Wangeela lallabee duuka buutota kiristaanaa isaan gochuu qaba (Maatewos 28:18-20).
Seexanni, Hoolaan Waaqayyoo cubbuu biyya lafaatiif akka hin duune dhoowwuufis ta’e; carraaqqii isaatiin filatamtoonni Gooftaa gara Waaqaa akka hin dhufne dhoowwuu ykn dhufaatii Isaa ittisuuf hin milkoofne.
Haata’u malee Gooftaan dura bu'ummaa Isaatiifi humna nuuf kennuudhaan injifannoo harka keenyatti galcheera.
Addaamii fi Hewwaan jijjiirama suuta-suutaatiin otoo hin taane kallattiidhumaan hojii Waaqayyootiin uumaman. Saayintiistonnii fi beektonni herreegaa kiristaanota hin taanellee jijjiirama suuta-suuta (evolution) bifa saayinsawaa fi istaatistikaala ta’een mirkaneessuun akka hin danda'ame labsaniiru.
Garaa-garummaa gurguddoon jijjiirama suuta-suutaafi sirna uumamaa (creation account) gidduu jiran lamaan akkasitti ibsamuu in danda'au:
1. Jijjiiramni suuta-suutaa gulantaalee adeemsicha gidduu jiraniifi jijjiirama kana mul’isan hedduu dhiyeessuu gaafata; seerri Uumamaa 2:7 garuu gulantaa tokko qofaa argisiisa: Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate, akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.
2. Qorattoonni sirna uumamaa akka jedhatti, jijjiiramni suuta-suutaa waggootta miiliyoonota hedduu gaafata, akka caaffataatti garuu, Waaqayyoo ifumatti yeroo gabaabduu, guyyuma sa'aatii diigdamii afurii keessatti Addaam Uume, Uma. 1:27 Egaa Waaqayyo akka bifa Isaatti nama uume... 3 ...galgallis ta'e, ganamnis ta'e, kun guyyaa ja'aaffaadha (Seera Uumamaa 1).
Guyyaa kan jedhu kun asitti akka bara ji'oolojii tokkotti kan hubatame ta'uu hin qabu; inni guyyaa sa'aatii diigdamii afurii qofaa ibsuu danda'a. Doktar Fruchtenbaum Afaan Ibraayisxiin, ja'aaffaan guyyaadhaan wal-qabatee guyyuma idilee tokko mul’isa. Jechamni halkaniifi guyyaa jedhus akkasuma guyyaa idilee tokko ta’uusaa cimsee hubachiisa.8
Namni akka bifa Waaqayyootti uumame (Seera Uumamaa 1:26-27). Inni kun garuu foon isaa otoo hin taane hafuura namaa qofaa ilaallata, Waaqayyo hafuura waan ta’eef foon hin qabu (Yohaannis 4:24). Galmi inni dhumaa wanti kun barbaachisuuf mallattoo jirenya bara-baraa kan ta’e (Yohaannis 17:3) hafuuraan walitti dhiyeenyaan waaqa duuka bu’uuf dandeettii kan qabu nama qofaa waan ta’eefi (1Yohaannis 1:7). Ergamoonni quqlulloonni Waaqayyoon Waaqeessanillee gonkumaa Isa wajjin walitti dhiyeenya cimaa qabu jedhamanii hin beekan.
Waaqayyo, abbaa fi haadha keenya jalqabaa kan ta’an Addaam fi Hewaaniin foon, yaada, dubbii fi gochaan cubbu kan hin qabne godhee isaan uume, garuu isaan abboommii tokkicha isa Waaqayyo isaaniif kenne cabsanii cubbaman (Seera Uumamaa 2:16-17; 3:1-6). Cubbuun isaanii kunis rakkoolee itti’aanan kana fide:
1. Hafuurri isaanii wal-dhahee gara haala isa nuyi uumama cubbuu jennee waamnuufi isa caaffanni “foon” jedhee waamuutti geeddarame (Ermiyaas 17:9; Roomaa 7:18, 23; Galaatiyaa 5:16, 19-21, Efesoon 2:3), foon dhagna keenyaa wajjin wal dhahuu hin qabu.
2. Gooftaa Yesuusirraa kan hafe haalli cubbuu isaanii dhaloota-dhalootatti nama hundumaatti darba... (Faarsaa 51:5; Luq. 1:35; Roomaa 5:18);
3. Du'a hafuuraa, walitti dhufeenyi hafuuraa namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu du'uusaati (Seera Uumamaa 2:17, 1Qorontos 2:14, Efesoon 2:1).
4. Cubbuun Addaam kallattiidhaan nama hundaatti fe’amuusaa-Addaamirraa gara maatiifi ijoolleetti kan darbu otoo hin ta'in isa kallattiidhaan namatti darbuu ta’uusaa (Roomaa 5:12-21), Ibroota 7:9-10 keessatti ibsamuu danda’a.
5. Du'a foonii (Uumama 3:19); fi
6. Lafa abaaramte (Seera Uumamaa 3:17-19).
Fayyinaan dura, namoonni hundinuu bulchiinsa cubbuu (Roomaa 3:9; 7:14; Galaatiyaa 3:22) fi humna seexanaa (2Qorontos 4:3-4; Efesoon 2:1-2; Qolaasiyaas 1:13; 1Yohaannis 5:19) jala jiraatu akkasumas immoo ijjannoo isaanii seera fuula Waaqayyoo duratiin xuraa'ota (HoE 13:38; Roomaa 3:10; 1Qorontos 6:9; Qolaasiyaas 1:14, 2Tasolonqee 2:10, 12; 2Phexroos 2:13; 1Yohaannis 2:12).
Abbaa fi haati keenya jalqaba fedhuma mataa isaanii shaakaluudhaan qofaa cubbuu hojjetani. Nuyis, akkasuma humna fedha keenyaatiin cubbuu hojjenna (Roomaa 3:23; 1Yohaannis 1:8), garuu immoo fedhiiwwan keenyas yeroo ammaa kana kan raawwataman uumama cubbuu keenya irraani. Akkuma aannan quqlulluun burcuqoo keessaa yommuu summiin itti nammu faalamuu, hafuurri ilma namaas garmalee jeeqameera, sababiin isaas cubbuun hafuura abbaa fi haadha keenya jalqabaa keessatti waan walitti makamee fi nuyis walitti makamuu sana isaanirraa waan fudhanneefi. Hafuurri keenyaa inni guutummaatti jeeqame kun isa caafanni amala dhabummaa jedhuun yoo ta’u innis mallattoo amala cubbuuti (Hose 5:2; 9:9; Roomaa 1:28; 1Ximotewos 6:5; 2Ximotewos 3:8). Namoonni hundumtuu cubbuu in qaba-nuyillee, warri kan Gooftaa taane in qabna. Namni kamiyyuu jireenya kabajamaa jiraachuudhaan ykn tola ooluu fi gochaalee qulqullummaa hojjechuudhaan fayyina argachuu kan hin dandeenye sababuma kanaani (Efesoon 2:8-9). Kana malees warri kutannoodhaan Gooftaa tajaajiluuf ifaajanillee xuraa'ummaa hafuuraa muraasa kan of-keessaa hin dhabne kanumarraa kan ka'edha.
1. Inni bakka namoota kan biroo adabbii firdii Waaqayyoo cubbuurratti baachuuf kan fedha qabu ta'uu qaba (Faarsaa 40:7-8, Yohaannis 12:27; 17:19; 18:11).
2. Inni uumaa cubbuu qabaachuu hin qabu, akkasumas immoo bakka namoota kan biroo adabbii cubbuu baachuuf gochaan guutummaan guutuutti cubbuu kan hin qabne ta'uu qaba (Luqaas 1:35; Yohaannis 8:46).
3. Inni gosa aarsaa isa raajamee Waaqayyoon abboomame dandamachuuf dhagna namaa qabaachuu qaba (Faarsaa 22:16; Isaayyaas 52:13; 53:12).
4. Aarsaan Isaa lubbuu nama kan biraa qofaaf otuu hin ta'in hundumaafuu akka ga'uu maluuf inni Waaqayyo ta'uu qaba (Yohaannis 1:3, 29, 26, Qolaasiyaas 1:15-17, 19; 2:9).
Tokkicha qofaatu ulaagaalee hundumaa danda'e, Isuma Tokkichatu cubbuu biyya lafaatiif adabame: Gooftaa Yesuus Kiristoos:Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokkollee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, Waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne (HoE 4:12). Waaqayyo Isa Tokkicha, Isa dhugaa, yesuus Kiristoosiin isa Ati ergites beekuun isaanii jireenya bara-baraati (Yohaannis 17:3).
Fayyinni humna cubbuu fi seexanaatii gara humna Waaqayyootti (Roomaa 1:16; 1Qoronts 15:56-57, Efesoon 2:1-6) yakka cubbuutirraa gara dhiifama Waaqayyootti (Efesoon 1:7; Qolaasiyaas 1:14), dukkana safuu/hamilee fi hafuuraatii gara hubannaa ifaatti (1Tasolonqee 5:5, 1Yohaannis 1:5), jireenya hiikaa hin qabne irraa gara jireenya ergamaa fi kaayyootti (Maatewos 28:18-20); bara baraaf Garba Abiddaatirraa gara Waaqa bara-baraatti (Yohaannis 3:16; Mul'ata 20:15) walaba ba'uudha. Inni kun walaba ba'uu foonii fi lubbuu daangaa hin qabnee gara bakka Waaqayyo jiruutti kan fiduudha (Roomaa 8:23; 1Qorontos 15:12-58; 1Tasolonqee 4:13-17). Inni kan bara-baraati: Kanuma fe'ellee ta'u namni kamiyyuu al-tokko fayyina isaa argannaan gonkumaa hin dhabu (Yohaannis 10:28; 1Phexroos 1:5, 23; Yihudaa 1:1).
Fayyinni amantaa jabeessuu duwwaadhaan (Filiphiyusis 3:4-9), tola hojjechuudhaan (Efesoon 2:8-9), hawaasa keessatti nama kabaja qabu ta'uudhaan (1Qorontos 1:26-29, Yaaqob 2:5), ykn immoo miseensa maatii namni kan biraa keessaa fayyee ta'uudhaan (HoE 16:33) gonkumaa argamuu dhiisuu mala. Miilla fannoo jalatti namoonni hundinuu cubbamoota (Roomaa 11:32), fayyinas argachuu kan danda’an karaa tokko qofaadhaani: wangeelatti amanuu (Yohaannis 3:16, Roomaa 10:11-13) argamuu mala.
Amma yaa obboloota koo! Wangeela isa ani isinitti lallabe...caaffanni Qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf du'eera, Inni awwaalameera, caaffanni Qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera (1Qorontos 15:1-4).
Kiristoos cubbuu keenyaaf jecha bakka keenya du'e. Duuti Isaas awwaalamuu Isaatiin mirkanaa'e, Waaqayyos cubbu-maleessa ta'uusaa, Daabiloosii fi du'a irratti humna inni qabu, akkasumas namoota kan biroo of-duukaa buusee gara injifannoo guutuutti qajeelchuuf dandeettii inni qabu, inumaayyuu gara qaama fooniitti isaan deebisuufi gara iddoo Waaqayyo jirutti ol isaan fudhatamuu dabalatee dandeettii inni qabu mullisuuf du'aa isa kaase (1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-18).
Namni kamiyyuu fayyuuf Yesuusitti amanuu qaba (Maatewos 7:13-14; Yohaannis 8:24 fi 14:6; HoE 4:12), garuu immoo kanneen Isa hin dhageenye hoo maal ta'uu? Caaffata keessa seera tokkotu jira, Namni tokko ifa argachuu danda'u yoo argate, ifa fayyinaaf baay'ee isa barbaachisu hamma Inni argatutti Waaqayyo gara ifaa isa caalutti isa qajeelcha, (Ermiyaas 29:12-14; Maatewos 7:7-8). Fakkeenyaaf, namni tokko mul'ata uumamaatiin otoo Waaqa beekee (Faarsaa 19:1-4; Roomaa 1:18-20), maarree Waaqayyo hamma Inni Wangeela dhaga'utti ibsaa sirriitti ifu in kennaaf, yoo barbaachisaa ta'e immoo, tajaajilaa wangeelaa iddoo fagoo namni bira hin geenyettillee in ergaaf.
Garuu fannoon nama fayisu yookiin fayyisaan nama Naazireet Yesuus jedhamu ta’uu akka malu Waaqayyo otoo hin ibsin dura namoonni bara dur-durii akkamitti fayyaa turan? Waaqayyo waan inni hanga ammaatti hin ibsine namoonni eenyuyyuu akka amanu gaafatee hin beeku; garuu immoo wantuma Inni hanga ammaatti ibse akka amananiif gaafatee ture. Kanaafuu fakkeenyaaf, wanti Waaqayyo fayyina Addaamii fi Hewaaniif gaafatee, Ilma dubartii takkarraa dhalatu yeroodhaaf seexanni akka miidhu, garuu immoo dabaree Isaa Inni seexana guutummaan guutuutti akka moo'atu akka amanan ture (Seera Uumamaa 3:15).
Dhugaa isa Yesuus cubbuu keetiif du'uu Isaa, awwaalamuu Isaa fi Waaqayyo warra du'an keessaa Isa kaasuu Isaa in fudhattaa? Hojii Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaa’eefi ulfaataa ta’e kana amaniitii, fayyina bara-baraa argadhu!
Isiraa'el xiqqittiin wiirtuu saba seenaa fi raajiiti. Isheen xiyyeeffannaa fi handhura giddu-gala oduu biyya lafaati. Qaroominnii fi seenaan addunyaa isheen biyya lafaatiif gumaachitu bal'ina isheetiin kan walitti dhufuu miti. Walitti dhufeenyi isheen Waaqayyo wajjin qabdu gochaalee dhumaarra ta’an irratti fuulleedhaan dhiibbaa qaba. Akkaataan sabnii fi namoonni tokko-tokko ishee wajjin walitti dhufan hiree isaanii in miidha. Waaqayyo paatiraarkii Isiraa'eliif Warra si eebbisan nan eebisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifama. “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedhe (Umama 12:3), kun ummataafis ta’e sabaaf in hojjeta. Kanaafuu waa'ee Isiraa'el wanta caaffanni dubbatu qo’achuufi keessumattuu wangeela fayyinaa isheedhaaf fiduudhaan eebba isheedhaaf ta’uun faaydaa guddaa qaba.
Dubbifni asiin olii Kakuu Waaqayyo jalqaba Abrahaamiif gale isa walumatti Kakuu Abrahaam of-keessatti qabatudha. Dubbisoonni kan biroon: Seera Uumamaa 13:14-17; 15:1-21; 17:1-21 fi 22:15-18dha. Kakichi har'allee sababoota asiin gadiitiin hojiirra oolaa akka jiru beekna:
1. Waaqayyos isa gara ilma Abrahaam Yisihaaqitti (Uma. 26:2-5, 24), gara Ilma Yisihaaq yaaqob (Uma. 28:13-15) warra maqaan isaa Isiraa'el ta'eefi (Uma. 32:28) achumaan, dhuma irratti ilmaan Isiraa'el hundumaa, dursitoota gosoota kudha lamaan Isiraa'el, warreen wantoonni egeree isaan waliin raajametti (Uma. 49:1-28, keessattuu waraabbii 10) in dabarse.
2. Dubbisoota kakuu keessa jiran irratti hundaa’uun, Waaqayyo sanyii Abrahaam kanneen qaccee kakuu keessa jiraniif wantoota tokko-tokko wadaa in gale (Uma. 12:7, 13:15-16; 15:5, 13, 18: 17:7-10).
3. Waaqayyo Seera Uumamaa 17:7 keessatti fuuluma dura kakuusaa Abrahaam qofaaf otuu hin ta'in dhalattoota (sanyii) isaatiifis akka raawwatu dubbateera: Ani siif Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uuf kakuu koo ofii koo fi si gidduutti dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara-baraa godhee, cimsee nan dhaaba.
4. Roomaa 11:27 keessatti Phaawuloos Isiraa'el ilaalchisee kakuu Waaqayyo sichiif ta'uu gale irra deddeebi'ee dubbate. Yeroon cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu, kakuu kookana isaaniif nan dhaaba (Isaayyaas 59:19-21).
Kakuun Abraam kakuuwwan kan biroo sadii kanneen Waaqayyo saba Isiraa'eliif gale kanneen hamma yeroo dhumaatti ta'an (Roomaa 9:4, 11:29), Biyya kakuu (Keessa Deebii 9:4, 11:29). Kakuu Daawitii (2Saamu'el 7:11-16; 1Seenaa Baraa 17:10-14), fi Kakuu Haaraa (Ermiyaas 31:31-37) irratti faca'e. Kakuuwwan kunniin ammayyuu kan Isiraa'eli (Roomaa 9:4) garuu immoo Waaqayyo sabni biyya lafaa hundumtuu amantii Yesuus Kiristoosiin wantoota gaarii hafuuraa kanniinitti akka galan godhee jira (Efesoon 2:12-22; 3:6; Galaatiyaa 3:13-14).
Waaqayyo Isiraa'eliin kan filate isaan saba addaa ta'uun waan isaan barbaachisuuf ykn immoo badhaasa adda akka argataniif yookis immoo filatamuun isaanii saba kan biroo caalaa baay'ee gaarii ykn kan cubbuun itti hin guddanne ta'uu isaanii irratti kan hundaa’e hin turre. Filannoon Isiraa'el kophumatti kan Waaqayyooti. Inni walabummaadhaan Isiraa'el kan filate Qulqullummaafi ulfina Isaa sabootaatti agrsiisuu fi Abraamii kaasee dhaloonni jiru hundi warra jalqabaa sagalee Waaqayyoo fudhatan akka ta'aniif, saboota kan birootti raajii akka himaniif, Masihichi akka isaan irraa argamuuf, waldaa kiristaanaa bara durii akka dhaabu leenjisuu fi qajeelchu, biyya lafaa hojii wangeelaatiin waliin gahuuf (fuulduratti), yoomiyyuu ykn seenaa kam keessattiiyyuu saba isa tokkicha (dhaloota sichi dhufuuf) fayyina waliigalaa biyyaaleessaatiin kan eebbifamte akka taatuuf, Abraamii kaasee biyya lafaa keessatti baroota hundaa hoomaa hojjettoota jalqabaa Masihichaa akka ta’aniif, akkasumas akkuma Inni asiin dura mamii malee haalota kakuuwwan danuu sirrumatti raawwate, sichis kanneen hafan mamii tokko malee galmaan in ga'a.
Kakuun kan biraa Waaqayyo Isiraa'eliif gale in jira. Kakuu Muusee ykn salphaadhumatti, Seerootaa fi gaaffiiwwan isaa Seera Ba'uu 20:1 kaasee hanga Keessa-Debii 28:68tiitti tarreeffamee jirudha. Asitti qabxiilee barbaachisoo afur keessa deebinee ilaalla:
1. Seerichi Isiraa'elii fi Isiraa'el qofaaf kenname ture (Ba'u 20:1-17,22).
2. Inni kan isaaniif kenname saboota biraatirraa adda isaan baasuun akka danda’amuufi (Lewota 11:44-45; Keessa Deebii 7:6; 14:1-2), waa’ee qulqullummaa isaan leenjisuuf, fuulduratti caaffattootaa fi Masihicha akka isaan fidaniif, akkasumas gara amantii Masihichaatti isaan qajeelchuufi (Roomaa 8:1-4; Galaatiyaa 3:24-25).
3. Kakuuwwan Waaqayyo Isiraa'el wajjin gale kanneen biroon Waaqayyoof amanamuu qofaa irratti kan hundaa’an waan ta’aniif ammallee hojiirra oolaa jiru. Kakuun Muusee Isiraa'el Waaqayyoof abboomamuu ishee irratti kan hundaa’e waan ta’eefi Isiraa'el kakucha hojiirra oolaa hin jiru (Ermiyaas 31:32). Inni yeroo fannootti hojiin ala ta'e (Roomaa 10:4; Efesoon 2:15, Qolaasiyaas 2:13-14; Ibroota 7;18; 10:19), har’a abboommii kakuchaa tokkollee kabajuun hin barbaachisu-kakuuwwan kurnanillee yoo ta’an (2Qorontos 3:2-11)- abboommii Samtabaatiin ala kurnan isaaniiyyuu bifa addaatiin Kakuu Haaraa keessa taa’anii waan jiraniif akka seera Kiristoosiitti eeggamu qabu (Roomaa 8:2; Galaatiyaa 6:2).
4. Waadaawwan kakuchaa keessaa ammallee otoo hin guutamin kan jiran seerichi hojiirra oolaa waan hin turreef, seericha irratti hundaa’uudhaan guutamuu hin danda’an, garuu kakuu Abraam, Biyyaa, Daawitiifi Kakuuwwan Haaraa haal duree hin qabneen in guutama.
1. Sababa dhugaa kanaatiin amanoota yeroo pheenxeqoosxee dura lakkoofsaan xiqqootu Hafuurri “isaan” waliin ture, (Haala murtaawaa ta’een ammoo “keessa” isaanii keessas ture akka ture ni hubanna) ,amantoota hundaa yeroo Pheenxeqoosxi kaasee hanga yeroo ol-butamuutti kan jiran “keessa” haafurriichii ni jiraata.(Lakkoofsa 11:17-25;27:18; 2Mot 2:9-12, Yohannis 7:37-39; 14:16-17)
2. Garee kana qofaatu “Kiristoositti hafe” jedhama (Roomaa 12:5; 1Qorontos 1:2; 15:18 kkf)
3. Yeroo ol-butamutti warra du'anii fi lubbuudhaan jiran garee kanaa keessaa qofaa lafarraa fudhatamuuf jiru, sababuma dhugaa kanaatiin dhagnoonni amantoota yeroo pheenxeqoosxee duraa kaasee hamma deebi'ee dhufuu Gooftaatti awwaaluma keessatti hafa; akkasumas immoo kanneen ol-butamuudhaan booddee amananii fi dhufaatii Gooftaa duraa yeroo Gidiraa Guddatti lafa irratti kan hafan ta'u. Akkasumas garaa-garummaawwan kan biroo waldaa kiristaanaa addunyaa irraa adda ta'an, gochaaleen kunniin, kutaa “Karoora fuulduratti milkaa'uu danda'u argisiisu” keessatti kan irratti mari'atamu ta'a.
Macaafni Quqlulluun walitti dhufeenya karaa baratame qofaa hin taane in jajjabeessa, walitti dhufeenyi inni baratamaan ergama waliini tokkollee sadarkaa Macaafa Qulqulluutiin waldaa kiristaanaa naannoo guutummaatti barsisuu danda'u miti. Waldootiin kiristaanaa naannoo dhaabbatoota, itti gaafatamootaa fi wantoota ofii isaanii balaa irraa ittiin of-ittisan walitti dhufeenya baratamoo hin taane keessa kan hin jirre qabu.
Dhagni Waliigalaa Kiristoos bara pheenxeqoosxii kaasee hamma guyyaa ol-butamutti amantoota dhugaa hunda irraa kan walitti ijaaramedha. Kun otoo kanumaan jiruu, Bara jireenyaa Waldaa Kiristaanaa keessatti waldootiin kiristaanaa lakkoofsaan hin beekamne biyya lafaa keessa turanillee dhagni Kiristoos Inni waliigalaa tokko qofaatu jira. Sababuma dhugaa kanaatiin dhagnchi amantootuma qofaadhaan walitti qabamee waldaan kiristaanaa Inni dhugaa tokko amantootaafi gurmuu amantootaatiin durfamuutu isheef ta'a, garuu immoo tarii otuu hin beekamin miseensota ishee keessaa warra hin amanne of keessatti qabachuus in malti (Maatewos 13:24-30, 31, 32). (Namni tokko otuu nama dhugaa barbaada ta'ee Inni tarii walga'ii waldaa irratti hirmaachuu in danda'a, garuu immoo Kiristoositti yoo hin amanin miseensummaatti gonkumaa makamu hin qabu. Waan ta'eefis uumamni dhagna waliigalaa yeroo pheenxeqoosxii kaasee hamma yeroo ol-butamuutti addunyaa guutuu irratti iddoo argata, waldaan Kiristaanaa naannoo, Bara Waldaa Kiristaanaa keessa yeroo kamittuu jalqabuu dandeessu takka, iddoo tokko jiraattullee (miseensota ishee keessaa tokko-tokko tarii ergamoota wangeelaa iddoodhaa iddootti naanna'an ta'uu malanillee), akkasumas immoo umrii dheeraan jiraachuufi dhiisuun ishees kan mirkanaa’e miti. Eenyufaa miseensota waldaa akka ta'an akkuma Gooftaa qofti beeku dhagni waliigalaa yeroo tokko-tokko waldaa kiristaanaa hin mul'anne jedhamee waamama. Akkasumas dhagni naannoo immoo ijatti waan mul'attuuf waldaa mul'attu jedhamee waamama.
Abboommiin Gooftaa inni, Egaa dhaqaa, Maqaa Abbaatiifi Ilmaatti, kan hafuura Quqlulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa (Maatewos 28:19) jedhu xiyyeeffannaa akka argatu gochuun waamicha waldaa kiristaanaa hundaati, garuu immoo Inni waamicha warra hojjettoota wangeelaaf kennameefi (HoE 8:5, 26-36) gamtaa namoota ergama Waneelaatti bobba'anii, wangeela isa dhugaa gara naannoo asiin dura gonkumaa hin geeffamneetti geessuudha. Phaawuloos warra Roomaatiin akkas jedhee tue “Hundee namin kan biraa jalqabe irratti akkan hin hojjanneef immoo, lafa takkaa maqaan Kiristoos hin dhaga'amiintti malee, wangeela akkan hin lallabne murtoo godheera, akkuma caaffameyyuu “ISAAN ISA TAKKAA WAA'EEN ISAA ISAANITTI HIN HIMAMIN IN ARGU, ISA TAKKAA WAA'EE ISAA HIN DHAGA'INIS IN HUBATU” jedha (Isaayyaas 52:15) (Roomaa 15:20-21); akkasumas immoo gara warra Qorontositti, ammas nuyi isa namni kan biraa lafa hojii isaatitti hojjetee qopheesseen otuu of hin jajin, isin garasittiyyuu darbinee Wangeela in lallabna (2Qorontos 10:16).
Daangaa qulqullummaa keessatti Phawulos caalaatti kan milkaa'e ta'uu ofiisaa aadaa hundaa fi namoota gara-garaatti madaqsuuf in carraaqe (HoE 17:19-23. Dabalataanis 1Qorontos 9:19-23; Qolaasiyaas 4:6). Innii fi gareen isaa Wangeela lallabanii, waldoota kiristaanaa dhaabanii, jaarsolii waldaa muudanii (Titoo 1:5), akkasumas immoo kallattii isaa kamiiniyyuu hojii fi sagalee Gooftaa akka babal'isaniif amantoota haaraa in leenjisu ture (2Ximotewos 2:2). Wanta isaanirra ga'uuf malu sodaachuun otuu hin mamin iddoowwan jibbitoonni jiranitti akkuma iddoowwan nagaadhaan qophaa'anitti Wangeela lallabuudhaan itti gaafatama guddaa fudhatan (HoE 4:19-20, 23:29; 2Qorontos 11:21-33). Isaan wantoota hundumaa yeruma tokkoon hin hubatan ture (HoE 15), Gooftaan karoora isaanii gidduutti jijjiire (HoE 16:7-9); isaan gidduu isaaniitti mormii fi gaarreeffannoowwan ciccimoo qabu ture (HoE 11:2; 15:36-40; Galaatiyaa 2:12-14); ta'ullee, si’aayinni ergama isaanii gufuufi hanqina hundumaa irra aanee, isaanis Waaqayyo hojii isaa akka isaan keessatti hojjetu amananii hojiisaanii itti fufan, Innis akkasuma godhee: gareen Phaawuloos qofaan lafa galaana Mediteraaniyaa qarqara kaabaa hunda keessatti waldootii kiristaanaa dhaabanii in leenjisan. Yesuusis akkuma waadaa galetti, raawwate; Anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas mootummaa waldichaa irratti humna hin godhatu hin moo'us (Maatewos 16:18).
Gareen Phaawulos ergama isaannii sirriitti hubatanii turan: Innis barsiisaa warra ormaa ta’uun ergama dura-bu’aa isaanii ture. Inni wanta addatti yaadatamuu qabuudha, ta'ullee Waaqayyo Phexroosiin warra Yihudootaatiif Phaawuloosiin immoo warra Ormaatiif waamullee (Galtaatiyaa 2:7), ergamichi warra Ormoota gara fedhe yoo deemellee, yeruma hunda jalqaba warra Yihudootaatiif lallaba ture (Roomaa 1:6), sababiin isaas Inni barbaachisaa waan ta'ee fi (HoE 13:46). Kitaaba HoE guutuusaa dubbisaa. Kun dhugaa ta'uu isaa in argitu. Phaawulos gara iddoo asiin dura itti tajaajiletti yommuu deebi'u inni deebisee haaluma walfakkaataa hordofa ture (HoE 18:19; 19:1-8). Jalqaba Yihudootaaf seerri jedhu har’allee hojiirra oolaa jira, akkasumas waldaa kiristaanaa akkuma waggaa 1900f waan kana dagattee turte amma hanga danda’ametti hordofuuf qophooftee eegdi.
Walaan kiristaanaa naannoo fi gareen ergamaa wangeelaa, lamaan isaaniiyyuu hojii Waaqaa Gooftaan eeyyameefi hojii adda ta’ee hojjetaa jirra jedhanii beekamtii walii kennu. Lamaan isaaniiyyuu aboofi itti-gaafatamummaa wal-qixa ta’e qabna jedhanii yaadu, walis in tajaajilaa turan. Hafuurri Qulqulluun yommuu Barnaabaasii fi Saa'ulin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa jedhetti, dura-buutonni waldaa kiristaanaa Anxookiyaa soomaan, kadhataa fi harka isaanii mataa jaraa irra kaa'anii jara hojichaaf in ergan (HoE 13:1-3). Yommuu imalli Phaawuloos Bitaaniyaadhaa gara Maaqedooniyaatti Gooftaadhaan jijjiiramu, (HoE 16:7-10), eeyyama jaarsolii Anxookiyaa ykn jaarsolii yeruusaalem argachuudhaaf otuu hin barbaadin Inni battalumatti... gara Maqedooinyaatti ce'uu abballe.
Miseensonni waldaa kiristaanaa naannoo, gareewwan ergamoota wangeelaa Phaawuloos itti in makamanii (HoE 12:12; 16:1-3; 20:14), balbala isaanii isaaniif in bananii (HoE 16:14-15), isaaniif kadhatanii (Qolaatiyaas 4:13; Efesoon 6:19) maallaqaanis isaan in gargaaranii (2Qorontos 8:3, 5; 11:9; Philiphiyusis 4:14-16), akkasumas isaaniif ittigaafatama guddaa in fudhatan (Roomaa 16:3-40).
Haala barbaachisaa ta'een, gareewwan ergamoota wangeelaa waldoota kiristaanaa naannoo dhaabanii yeroo dheeraadhaaf isaan wajjin in turan ykn immoo isaanitti in deebi'an, yeroo barbaachisaa ta'etti, isaan dhaabachuu isaanii fi gaariitti sagalichaan leenji'uu isaanii mirkaneeffachuuf Phaawulos waldoota kiristaanaa cimsaa, kutaa biyya Sooriyaa fi Qiliiqiyaa keessa darbe (HoE 15:41),Dubbii Waaqayyoo isaan keessatti barsiisaa waggaa fi ji'a-ja'a isaan bira taa'e [Qorontos] (HoE 18:9-11) jaarsolii warra Efesoonitti Inni akkas ittiin jedhe Waggaa sadii halkanii fi guyyaa otuu gargar hin kutin imimmaaniinakkan tokkon tokkon keessan gorsaa ture yaadadhaa! (HoE 20:31), Tiitoosiif, Sababiin ani qareexis biyya bishaan keessatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti jaarsolii hojii waldaa gaggeessuu irra akka dhaabduuf turejedhee barreesse (Tiitoo 1:5, Dabalataanis HoE 20:28-32, Roomaa 16:17-19; filiphiyusis 3:15-16; 1Qorontos 5:1 1Tasolonqee 5:12-22). Inni dabalataanis karaa ergaawwaniitiinis waldootii kiristaanaa naannoo tajaajileera, akkasumas immoo Innii fi gareewwan isaa fedhoota adda waldoota kiristaanaa qunnamuudhaan gargaaraniirus. Yommu qulqulloonni Yeruusaalem keessaa gargaaraa barbaadanitti, gareewwan Phaawulos kaayyichaaf waldoota irraa arjooma argatanii turan (HoE 11:29-30; 1Qorontos 16:1-3).
Yeroon jijjiiramee, ergamoonni wangeelaa hammayyaas in uumaman: Hojjettoonni Macaafa Qulqulluu hiikan, hojjettoonni ayyaanaa/araaraa dhaabbileen wangeelaa hammayyaafi kanneen biroo, isaan kun immoo gaariifi bayeessa. Ta'ullee, pirojektiin Joshuwaa giddu-gala ergama addunyaa Ameeriikaa (josuaproject.net), akka jedhutti, addunyaa keessaa dhibbantaa afurtamii tokko bira wangeelli ammayyuu hin geenye, gareewwan ergamoota wangeelaa kan akka Phaawulosii ammayyuu in barbaadamu. Wanta Yesuus waggoota kuma lama dura dubbate har'as in hojjeta Midhaan sassaabamu baay'edha, hojjettoonni sassaaban garuu muraasa: egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa! jedhe (Maatewos 9:37-38). Hojiin ergamummaa wangeelaa akka itti fufuu fi gara naannoowwan gararraatti akka erguuf Waaqayyo dhiiraaf dubartii ciccimoo, jajjaboo fi ogeessota haa kaasu. Ameen
Lafa irratti, Farri Kiristoos, namni guutummaan-guutuutti seexanaaf of kenne tokko saboota gidduutti in ka’a (2Tasolonqee 2:1-3). Isiraa'elis sodaa barbaadaa'uu saboota isheetti garagalanii irraa ka’uudhaan namicha wajjin waliigaltee eegumsaa waggaa torbaa in mallatteessiti, kunis Gidiraa Guddichi jalqabamuu isaaf mallattoo in ta'a. Waggaa sadi'ii fi walakkaadhaan booda Farri Kiristoos waliigaltee sana in cabsa: Inni Mana Qulqullummaa Yeruusaalem keessa taa'ee, ani Waaqayyo ofiin jechuudhaan labsee Yihudoonni akka isaaf sagadan gaafatee, hoomaawwan waraanaa biyya lafaa akka Yihudoota barbadeessaniif walitti in qaba (Daani'eel 9:27; Maatewos 24:15-16; 2Tasolonqee 2:3-4; Mulata 11:1-2; Mul'ata 12:13-15).
Waaqayyo yeroo Gidiraa kanatti kaayyoowwan gurguddoo in raawwata:
1. Inni Yihudota dhuma waggootta torbanii irratti lubbuudhaan hafan hunda baraaruuf jecha danqaraa Isiraa'el Masihicha diduudhaan uumte in cabsa (Isaayyaas 28:14-22; Hisqi'el 20;33-38; Zakkaariyaas 13:1; Maatewos 23:39).
2. Saboota biyya lafaa keessa danuu isaanii gara amantii fayyinaatti in fida (Mul'ata 7:1-4, 9-17).
3. Inni qajeelfama biyya lafaa jal'aa fi kanneen Kiristoos akka fayyisaa isaanitti fudhachuu didan hunda in barbadeessa (Isaayyaas 13:9; 24:19-20; Zakkaariyaas 12:2-9, Mul'ata 17:1; 18:2; 19:2).
Fayyina Isiraa'elirraan, Masihichi baabura Isaatiin waldaa kiristaanaa wajjin gara lafaatti in deebi'a (Roomaa 11:26-27; Yihudaa 1:14-15). Inni waggaa kuma tokkoof seexana hidhuudhaan diinota isiraa'el in moo'a (Mul'ata 19:11-21), akkasumas immoo Mootummaasaa waggaa kuma tokkoo lafa irratti in dhaaba (Mul'ata 20:1-3, 5, 7).
Waaqayyo quqlulloota Kakuu Moofaa fi yeroo Gidiraa Guddaatti du'an hunda du'aa in kaasa (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2), akkasumas immoo, biyya lafaa kana akka isheen dinqisiisoo taatutti deebisee in qaroomsa (Isaayyaas 2:4; 11:6-9; 35:1-2; 65:17,20); akkasumas immoo ayyaanni cidha Hoolichaa fi waldaa kiristaanaa, misirroo isaa, in jalqaba (Mul'ata 19:9).
Waldaa kiristaanaa deebitee fi qulqulloonni yeroo Gidiraa Guddaatti du'aa ka'umsa argatan Masihichaa wajjin biyya lafaa irratti in moo’u (Mul'ata 20:4), Daawit mootichi Isiraa'el in bulcha, akkasumas immoo ergamoonni kudha lamaan isa jalatti gosoota Isiraa'el kudha lamaan in bulchu (Hisqi'el 34:23-24, Ermiyaas 30:9; Maatewos 19:28; Luqaas 22:28-30). Eebbawwan lafarratti Isiraa'eliif waadaa galaman hundinuu in raawwatamu. Waaqayyo biyyoota Isiraa'eloonni keessaitti faca'anii jiranii gara Biyya abdachiifamteefi iddoo isaan itti daangaa ishee guutuudhaan gammachuu safara hin qabneen keessa jiraatanitti deebisee walitti isaan in qaba. Sana booda Isiraa'el saboota hundumaa kan caaltu taatee in uumamti (Keessa Deebii 15:6; 28:1,13; 30:5; Isaayyaas 11:11-12; 61:6; Maarqoos 13:27).
Isiraa'eloonni Mootummicha keessatti dhalatan hundinuu kan fayyan in ta'u (Isaayyaas 44:5; 45:17; Ermiyaas 24:7; 31:33-34; 50:19-20; Hisiqi'el 11:19-20; 36:25-27), Isiraa'el biyya lafaatiif dambalii hojjettoota wangeelaa jalqabaa Masihichaa in taati (Zakkaariyaas 8:20-23), akkasumas ishee fi waldaan kiristaanaa warra Mootummicha keessa jiraataniif luboota Waaqayyoo in ta'u (Ba'u 19:6, 1Phexros 2:9; Mul'ata 1:6; 5:10). Hoolonni warra Ormaa, kanneen Isiraa'eloota yeroo Gidiraa Guddaa sanatti ari'amaniif iddoo baqaa kennan, kan fayyan ta'anii Mootummichatti in galu (Maatewos 25:31-40). Warri Ormaa Mootummicha keessatti dhalatan hundinuu fayyina argachuu in danda'u (Isaayyaas 65:20), akkasumas saboonni lafaa hundi (Zakkaariyaas 14:17-19) akkasumas kanneen baroota hundumaa keessatti fayyina argatan hundinuu Mana Qulqullummaa Magaalaa Qulqullittii Yeruusaalem keessatti dhaabatu isa haaraa keessatti Mooticha in waaqessu (Isaayyuu 2:2-4, Hisqi'el 40:1; 46:24).
Warri baroota hundumaa keessatti fayyina argatan baruma-baraaf Waaqayyo wajjin Waaqarra in jiraatu (Yohaannis 3:16) warri hin fayyine garuu dhuma Barkumichaatti adabbiin isaanii bara-baraa Galaana Abiddaa keessatti akka ta’u murteessuuf Firdii Teessoo Adii Fulduratti kan itti faradamu in ta'u (Daani'el 12:2; Mul'ata 19:20; 20:5, 10-15).
Kitaabonni adda-addaa yaada wal-faalleessaa qaban danuun biyya lafaarra in jiru. Macaafin Qulqulluun garuu odeeffannoo walfaalleessu wayii kan hin qabneedha. Inni gamtaa kitaabota ja’atamii ja’aa guutummaa-guutuutti dhaamsaa fi seenaa walitti hin buune of-keessaa qabu kitaaba tokko. Shakkii malee, hamma harka namootaatiin barreeffametti, Macaafni Qulqulluun gargaarsa mul’atatiin, dadamaqiinsaa fi too’annoo Waaqayyootiin qofaa barreeffamuu danda’a.
2Ximotewos 3:16 keessatti, caaffanni Qulqullaa’aan hundinuu gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin caafame; jedhamee nutti himamee jira. Jechi Giriikii hiikkaa gaggeessaa Waaqayyootiin jedhu “Theopnevstos”dha. San jechuunis “hafuura Waaqayyo baafate” jechuu yoo ta’u, kan irratti xiyyeeffatus “afaan Waaqayyootii ba’uu” irratti. Gaggeessaanis maarree dhugumattuu hafuura gadi baafachuudha. Waaqayyo karaa barreessitoota namaatiin Macaafa Qulqulluu akka “Hafuuraatti gadi baafate”.
Waraabbiileen kunniin dhuma Macaafa Qulqulluu kan ta’e Kitaaba Mul’ata Yohaannis gara xumuraa, waraabbilee dhumaa sadii ykn afur dura jiru.
Ani kana kanan caafu, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame dhaga’u, of eeggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba’uuf nan jedha. Namin dubbii kanatti yoo waa dabale, Waaqayyo adaba isaa irratti dha’icha waa’een isaanii macaafa kana keessatti caafaman isatti dabaluuf jira. Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir’isee immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandaratti qulqulluu waa’een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir’isuuf jira.
~ Mul. 22:18-19 ~
|
Duulli hedduun Macaafa Qulqulluu irratti taasifamaa turaniiru. Haa ta’u malee, abukaatonni rakkina Inni qabu barbaaduuf dubbisanii booddeerra amantoota ta’aniiru! Iddoon Macaafin Qulqulluu dhimmoota seena-qabeessa ta’an tuqutti beektoonni seenaa fi arkiyooloojistoonni haala dinqii ta’een sirrii ta’uusaa arganiiru. Iddoo Inni waa’ee saayinsii dubbatutti dhimma uumama bantiiwwan Waaqaaf lafaa fi lubbuu dabalatee dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Carraaqqii umrii guutuu booda saayintiistiin itti’aanu kun dhugaa inni ba’e dhaggeeffadhaa:
“Hafteewwan biqiltoota bara durii yommuu ilaallu, hundumtii isaanituu marroo dhaabbii ta’eefi yeroo tokkotti akka tasaa daraaraa guutuu ta’anii heddumminaan jiraataa akka turan hubanna. Jijjiiramin wayiituu gonkumaa hin jiru. Kun ti’oorii jijjiirama suuta-suutaatiin kan walfaalleessu ta’ee mul’ata. Argannoowwan koo hundinuu haala dinqisiisaa ta’een gara walfaalleessuutti qajeelaniiru … ti’ooriin jijjiirama suuta-suutaa guutummaa-guutuutti hafuu qaba hanga jedhamutti … Inni qoo’annoo baayoolojiitiif gufuu hamaadha. Jijjiirama suuta-suutaa qorannoodhaan mul’isuuf carraaqqiiwwan ani waggoota 40 caalaaf gochaa ture guutummaan-guutuutti na jalaa fashalaa’aniiru!
Macaafin Qulqulluun “Waaqayyo jalqabumatti bantiiwwan Waaqaa fi lafa uume” (Seera Uumamaa 1:1) jedha. Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate, akkasitti namin uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta’e (Seera Uumamaa 2:7).
Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu waa’ee jaalalaa jajjabeessu tokkollee hin jiru. Inni “Obboleessa kee akkuma ofii kee jaal’adhu jaalachuutu siif ta’a. (Seera Lewotaa 19:18), Wangeela Maatwos 22:39) akkasumas immoo “diinota keessan jaaladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa!” (Mat. 5:44) jechuun labse. Inni dabalataanis miidhaginaa fi eebifamuu gaa’ilaa fi maatii deeggaree walitti dhufeenya dinqisiisoo namoonni qaban kanniin diiguuf warra nama doorsisan hunda balaaleffateera.
Ulfina dubartoota, warra, ijoollee, warra hin dhalanne, hiyyeeyyii, warra qaamaan gidiramanii fi keessummootaaf kennamuu qabu irrattis Inni akka Sunaamiitti addunyaa waliin gaheera. Shakkii tokko malee Inni sagalee jaalala Waaqa jaalalaa biraa dhala namaa isa Inni karaa hundaan fayyisuu fi eebbisuu fedhuuf dhufedha.
II. HAALA WAAQAYYOO
Waaqayyo ofuma Isaatiin jiraata. Haalli jireenya Isaa jireenya uumama kan biraa wajjin walitti dhufeenya kan qabu miti (Uma. 1:1). Waaqayyo Dhagna dhugaadha, foon akka keessanii fi koo kan qabu otuu hin ta’in, Dhagna Hafuuraati (Yoh. 4:24). Waaqin humna kan fayyadamu yoo ta’ellee Inni humna qofaa miti ykn Inni waa hunda kan of-keessaa qabuufi gamtaa waan lafarra jiruu hundaa miti. Walumaagalatti namummaa qabaachuuf wantoota sadiitu barbaachisu jedhamee yaadama, Waaqayyos hundasaaniiyyuu qaba.1. Dandeettii sammuu waan hunda qabuu: dandeettii yaaduu, sababaa fi karoora (Isaayyaas 1:18).
2. Miira jabaa: dandeettii hafuura nama tokkootiin miiraan dhaga’u (Ba’u 4:14; Efe. 4:30).
3. Fedha: dandeettii haala gochaa filuu (Uma. 1:3).
Waaqayyo sadii Waaqa Tokko. Inni Dhagnoota Waaqummaa, Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu sadanii kan jiraatu Waaqayyo Tokko. (Mat. 28:19).
Waaqayyo jalqabaa fi dhuma hin qabu: Inni wantoota kamiiinyyuu, bifa humnaatiin, lubbuun, hafuuraan, yaadaan, miiraan, iddoodhaan, ykn immoo wanta kan biraa mootummaa lafaatiiinllee ta’ee isa gararraadhaan haalli jireenya Isaa kan daangeeffamme ykn kan murtaa’e miti” (1Motota 8:27).
Waaqayyo Waaqa bara-baraati; Inni otuu adda hin cinne ykn yeroo darbetti, yeroo ammaattii fi yeroo fuulduraatti hin daangeeffamiin jiraata (Ba’u 3:14, Kes. 33:27; Far. 90:2).
Waaqayyo iddoo hundattuu in argama. “Waaqayyo Iddoo kamiyyuutti dhagna Isaa guutummaadhaan in argama”3. Ta’us daangaamaleessummaan iddoo Waaqayyo jiru haala murtaa’aa ta’een argisiisa. Iddoo hundatti argamuun isaa garuu iddoo Waaqayyo jiru ballina irratti hundaa’uun argisiisa (Far. 139:7-10).
Waaqayyo waanuma hunda danda’a. Inni wanti tokkoyyuu otuu Isa hin daangeessin wantoonni hundiyyuu otuu haala Isaa hin hidhin raawwachuuf daangaa malee humna kan qabuudha. Haa ta’u malee Inni wantoota ulfina Isaatiin faallaa ta’an raawwachuu hin danda’u. Fakkeenyaaf Inni Waaqayyo ta’uu dhiisuu hin danda’u (Far. 90:2); Inni gochaawwan cubbuu bira hin darbu (Yaaqob 1:13) Inni kakuu galee hin diigu ykn Dubbii Isaa keessa hin deebi’u (Lakk. 23:19; 2Xim. 2:13); Inni sobuu hin danda’u (Lak. 23:19; Ibr. 6:18; Tit. 1:2).
Waaqayyo waan hundaa beekaadha: Inni wantoota mul’atanii fi wantoota baay’ee xixinnoo ta’anirraa hamma dhuma hin qabneetti mootummaa kamiyyuu keessatti yeruma hundumaa guutummaa guutuutti beekumsa in qaba. (Far. 139:16; HoE. 15:18; Ibr. 4:13)
Waaqayyo muudaa hin qabu. Inni guutummaan guutuutti hanqina kan hin qabnee fi muudaa kan hin qabnedha (Mat. 5:48).
Waaqayyo jaalala (1Yoh. 4:8, 16). Waaqayyo haala baay’ee barbaachisaa ta’ee fi bu’uura ta’een jaalala.”4 Kanaafuu fedhiin Isaa Inni bara-baraa eebbisuudha. (1Yoh. 3:16; 15:13; 1Yoh. 4:10).
Waaqayyo Ifa (1Yoh. 1:5): haaluma Isaa isa cimaadhaan Waaqayyo burqaa ifoota hafuura hundaati.
Waaqayyo kan hin jijjiiramne, Inni haala Isaatiin bara-baraaf kan hin geeddaramne, akkasumas immoo argamuu Hafuura Isaa amalli, seeronni, abdiiwwanii fi kanneen maalummaa Isaatiin walqabatan kan birootiin kan hin jijjiramnedha (Milkiyaas 3:6; Yaaqob 1:17).
Waaqayyo uumaa wantoota hundaati. ‘Uumaan’ kennaawwan Waaqayyoo isa tokko miti, taayitaawwan Isaa keessaa isa tokko malee. Wantoota hunda uumuun Isaa kennaawwan Isaatiin ta’uu danda’a. Inni uumama wajjin kan wal fakkaatu miti, isaan beekama male. Uumaa fi kan uumame in jiraata. Waaqayyo uumaadha. Inni wantoota kamiyyuu dura in jira ture, akkasumas immoo wantoota hundumaas in uume. (Uma 1:1, Qol 1:16).
Karaa kamiinyyuu Inni kun akka waan dadhabsiisaa ta’etti fudhatamuu hin qabu: Yaa Waaqayyo Gooftaa koo, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay’ifteetta; tokkollee kan siin qixxaatu hin jiru, isaan kana yoon labse yoon himes, isaan wanta lakkaa’amuu danda’u gararraa in ta’u (Faarsaa 40:5).
A. WAAQAYYO ABBAA
Dhagna Sadan Waaqaa keessaa inni jalqabaa Abbaadha. Abbaan Waaqayyoodha. Galaatiyaa 1:3: Waaqayyo Abbaan keenya, Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ayyaana, nagaas isiinif haa kennu!Abbaan uumama keessatti si’aawaadha. 1Qorontos 8:6: Nuuf garuu Waaqayyo tokkichatu jira, Innis Abbaa Isa waan hundumaa uume, Isa nuyi maqaa isaatiif jiraannusi. Yaaqob 1:17: Kennaan gaariin hundinuu kennaan guutuun hundinuu Abbaa ifaa biraa gubbaadhaa dhufa; Isa bira gegeeddaramuun yookiis gaaddidduu jijjiiruun hin jiru.
Abbaan Dhagna Isa tokko. Inni dandeettii cimaan, miirri jabaa fi fedhii kanuma Isaati. Yohaannis 3:16: Waaqayyo, akkasitti tokkicha Ilma Isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate, kun immoo Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara-baraa haa qabaataniif malee, haa baduuf miti. Gammachuu haqaa walitti fufeenya qabuu fi qulqullaa’uu dhala namaatiif karoora tokko karoorfachuuf dandeettii cimaa barbaachisa. Jaalalli Inni biyya lafaatiif qabu miirota Isaa in argisiisa. Ilma Isaa tokkicha cubbamoota fayyisuuf aarsaa gochuun Isaa Inni fedha cimaa qabaachuu Isaa argisiisa.
Caaffattoonni Abbummaa Waaqayyoo kallattiiwwan ja’aan ibsu:
1. Waaqayyo Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoos.
Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, Inni anaan, ‘Ati Ilma kooti, ani har’an si dhalche’ (Faarsaa 2:7). Yohaannis 5:26 farrfannaa 2:7 namatti mul’isa. Abbaan ofuma Isaatii burqaa jireenyaa akka ta’e, akkuma kanatti Ilmi Isaas immoo burqaa jireenyaa akka ta’uuf Isaaf kenneera. Doktar Luuwiis Ispeerii Shaafer “Inni kun jireenya dhala namaa isa sanyii namaatiin jalqabu miti, jireenya Waaqayyo isa baraa-hamma-baraatti ta’e kan eeruudha”5 jedhee barreesse. Jireenya bara-baraaf darbe keessatti “Guyyaa”n tokko, Waaqayyo Ilmummaa Ilmaaf kenne.
“Dhalchuun” maarree Waaqayyoo jireenya bara-baraa darbe keessatti Ilma uume jechuu miti, yookiis immoo dhalachuu fooini Yesuus hin eeru. Beektonni ti’oolojii walumaagalatti dhalchuun Ilma eeruuf kaa’ame, Inni adda ta’uusaa akka eeru walii galu. Inni shakkii tokko malee haala firooma Inni Abbaa Isaa Waaqarra jiraatu wajjin qabuun adda. Beektoonni amantii tokko-tokko Abbaatu bara-baraan Ilma uuma jedhanii yaadu. Dhimmichi waanuma fedhellee ta’u, Ilmi shakkii tokko malee aangoo Waaqummaa fi qulqullummaa firooma Isaa Abbaa Isaa Waaqarraa wajjin qabuun adda kan ta’eedha. Ilaalchi Dhalchuu Ilmaa dabalataanis Yohaannis 1:18, 3:16, fi 1Yoh. 4:9 keessatti in argama.
2. Akkuma armaan olitti 1Qorontos 8:6 fi Yaaqob 1:17 keessatti mul’ate Waaqayyo Abbaa uumamaati. Kanaafuu Inni bulchaa birmadummaa isaati. Iyyob 9:5-7: [Inni] dheekkamsa Isaatiin tulluuwwan yeroo garagalchu, otuu isaan quba-hin-qabaatiin, iddoo isaatii isaan in buta, Inni lafa iddoo isaatii in sochoosa, utuboonni lafaas in raafamu, Inni biiftuu in abbooma, akka isheen ifa hin keninnes in godha; ifa urjootaas mallattoodhaan in cufa.
3. Waaqayyo naamusa isaan uumuu qabaachuudhaan ergamootaaf Abbaadha (Qolaasiyaas 1:16). Isaan seera uumamaa 6:2, fi Iyyoob 1:6, 2:1 fi 38:7 keessatti ilmaan Waaqayyoo jedhamanii waamamu.
4. Waaqayyo naamusa isaan uumuu qabaachuudhaan dhala namaatiif Abbaadha. (Seera Uumamaa 2:7, HoE 17:9, 26-29; Efesoon 3:14-15, Ibroota 12:9).
5. Miira isa Inni ishee saba addaa akka taatuuf filatee kaaseef Waaqayyo Abbaa Isiraa’eli. (Ba’u 4:22 Kes. 7:6; 32:6; Isa. 64:8; Hosee 11:1, Milkiyaas 1:6).
6. Waaqayyo waraa Ilma Isaatti amanan hundumaafuu Abbaadha (Mat. 5:45; 6:6, 15; Yoh. 1:12; Rom. 8:14-16; 1Yoh. 3:1).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Abbaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka itti’aanu kanatti walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
1. Inni baruma-baraaf Ilma bara-baraa in kenna (Yohaannis 5:26).
2. Inni Ilma Isaa eebbisuu in barbaada (Faarsaa 2:7-8).
3. Wanta Inni, Ilmi hojjechuun isaaf ta’u, Ilmatti in argisiisa, akkasumas immoo aangoo isa Ilmi raawwate, gochaa jiruu fi fuulduraaf godhu akka Inni godhuuf Isaaf in kenna (Yoh. 5:19-20, 22, 36).
4. Wantoota kanneen Inni akka dhufanii darbaniif fedha qabu hundumaa abboomuuf Inni Aboo kan qabuudha (Faarsaa 2:5-7).
5. Inni warra Masihiitti fayyuuf jiran in filata (Efesoon 1:3-6), ta’us, namni waan fedhe murteeffachuuf mirga inni qabu otuu hin dhabamsiisiini.
6. Akka Abbummaa dhala namaatti, Ilma Isaa cubbuu isaaniitiif aarsaa gochuu fi kennaa fayyinaa itti fufeenyaan kennuuf fedhiiwwan hafuuraa isaa kenneera (Yoh. 3:16, 2Qor. 5:19-20; 2Phex. 3:9). Inni fedhii foonii isaanitiifis in dhimmama (HoE 14:17), hammamiyyuu yoomma akka gara Isaa dhufaniif barbaachisaa ta’etti Inni isaan sirreessuullee (Hisqi’el 38:16).
7. Akka Abbaa kanneen amantii Ilma Isaatiin kan Isaa ta'aniitti, Inni jireenya fooniifis in yaadda'a (Maatewos 6:25-30) akkasumas immoo karaa kamiiinyyuu karaa hafuuraatiin isaan guddisuuf wantoota barbaachisoo ta'an hundumaa itti fufeenyaan in raawwata (Ibroota 12:6-7; Filipiyuusis 1:6).
B. WAAQAYYO ILMA
Dhagni lammataa sadan Waaqa-Tokkoo Waaqayyo Ilma.Ilmi Waaqayyoodha. Yohaannis 1:3: Wanti hundinuus Isumaan ta'e, waan ta'e keessaas Isa malee kan ta'e tokkollee hin jiru.Dabalataanis Qolaasiyaas 1:16): Barreeffamni kun sirumaayyuu otuu Inni Maariyaam irraa hin dhalatin durayyuu amaltoota namummaa Ilmaa lama, hunda danda'uu fi fedha, ibsa. Amala sadaffaa namummaa kan ta’e Miirri cimaan, Faarsaa 40:8 keessatti haala otuu Ilmi foon hin uffatiin dura jiruutiin ibsameera, achittis Inni Waaqayyo Abbaa Isaatiin, Yaa Waaqayyoo koo, fedha kee gochuun anatti tola, seerrii kees garaa koo keessa jira jedhe Ilmi foon uffate: Yesuus imimmaan isaa dhangalaase (Yohaannis 11:35).
Dhagin lammaffaan baroota darbaniif baruma-baraanuu akkuma Faarsaa 40:8, Yohaannis 3:13 fi barreeffamoota kan biroo keessatti eerame tilmaama Ilma Waaqayyoo ta'ee jiraachaa tureera. Waaqayyo karaa baayoloojiitiin Yesuus ilma Maaramiif abbaa hin ta'u (Isaayyaas 7:14). Haafuurri Qulqulluun Maaraamitti bu'ee gadamessa ishee keessatti hanqaaquun akka ta'uu fi guddatu godhee (Luqaas 1:31, 34-35). Ilmi bara-baraa foon namaatiin in dhalate (Isaayyaas 9:6).
Foon uffachuu Isaatirraan, Ilmi gara Waaqummaa Isaa isa barbaachisaa fi hafuura namaa guutuu fi dhagna namaa guutuutti in dabalame; ta'ullee kan biraa haa hafuutii fooniiniyyuu guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kiristoos keessa in jiraata. (Qolaasiyaas 2:9). Inni gamtaa Tokkummaa sadan Waaqummaa Abbaa Isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin qabu keessaa isa tokko ta'ee hafe, akkasumas immoo guutummaan guutuutti bakka hundattii argamuu, waan hunda beekuu fi waan hunda danda'uu irraa gonkumaa hin dhaabatu.
Yesuus yeroo nama ture sana akkuma namoonni kan biroon raawwatan cubbuu hin qabu ture (Luqaas 1:35) akkasumas yaadaan, jechaa fi gochaan cubbuu-maleessa ture (Yohaannis 8:46). Inni cubbuu keenyaaf fooniin du’ee, awwaalamee, warra du'an keessaa fooniin ka'e (Yohaannis 20:25-28), foon ulfina argateen gara Abbaa Isaa Waaqarra jirutti ol ba'e (Maarqoos 16:19, 1Qorontos 15:4, 42-44).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Ilmaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka itti’aanu kanatti walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
1. Inni Abbaa Isaa Waaqarra jiruuf tajaajilaadha. (Isaayyaas 42:1; 53:11)
2. Ergamoota Hafuura Qulqulluu bartoota Isaatti in qajeelcha. (Yoha. 16:13-15)
3. Inni dhagna sadan Waaqa Tokkoo foon uufate Isa Tokkicha. (Luqaas 1:35)
4. Dhiiga mataa Isaatiin lubbuu namaatiif abaarsa Waaqayyoo fudhatee cubbuu keenya irraa nu furuudhaan Inni Furaa dhala namaati. (Galaatiiyaa 3:13, 1Phexroos 1:18-19)
5. Inni mataa waldaa kiristaanaati. (Efesoon 5:23)
6. Inni yeroo ammaa kanatti teessoo Waaqayyoo duratti qulqulloota Waaqayyoon walitti araarsaa jira. (Ibroota 7:24-25)
7. Yeroo Mootummaa Waggoottan kumaatiif Mootii guutummaa Lafaa in ta’a. (Faarsaa 2:1-6)
8. Inni Abbaa FirdiiWaaqayyummaa (Yohaannis 5:22) Isa Teessoo Kiristoos biraati (2Qorontos 5:10), yeroo dhumaa Gidiraa hamaatti biyya hoolaa fi re’eettii (Maatewos 25:31-46), akkasumas jal’oota warra du’an Gonfoo Adii Guddaa Firdiitti (Mul’ata 20:10-15) biratti qulqullootaaf kan faradu.
C. WAAQAYYO HAFUURA QULQULLUU
Dhagin sadaffaan sadan Waaqa tokkoo Hafuura Qulqulluudha.Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha. Inni uumuu keessatti si’aawaa ture (Uumama 1:2) akkasumas immoo HoE 13:2 keessatti akka dubbatetti “hojiin ani Barnabaasiifi Saawul akka hojjetaniif isaan waame kan koo kophaatti naaf kaawame” jechuudhaan mirga addaa Waaqayyummaasaatti fayyadame.
Hafuurri Quqlulluun dhagna tokko isa dandeettii cimaa, miira jabaa fi fedha mataasaa qabudha.
Dandeetti cimaa: Romaa 8:26: Hafuurichis immoo akkuma kanatti dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu; hafuurichi garuu aaduu isaatiin karaa namin dubbiidhaan mul’isuu hin dandeenyeen nuuf in kadhata. Namaa kadhachuun dandeettii addaa gaafata.
Miira jabaa: Efesoon 4:30: Hafuura Waaqayyoo Isa Qulquluu, Isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallatteeffamtan hin gaddisiisinaa!
Fedha: Inni namoota amantiidhaan bulanii fedha isaa qabaniif hafuuraa in raabsa: Hafuurri Innumti Tokkichi sun hojii kana hundumaa hojjetamuudhaan in ga’a, Inni akka jaalala Isaatti tokkoon tokkoon namaaf kennaa addaa in hira (Qorontos 12:11).
Hojiileen addaa Hafuura Qulqulluu Dhagnoota sadan Waaqa tokkoo gidduu jiran akka asiin gadiitti walitti qabamanii kaawwamuu in danda’u.
1. Inni Hojjetaa Abbaa (Yohaannis 14:26) fi Ilmaati (Yohaannis 16:13-14).
2. Inni, cubbuu qabaachuusaanii warra hin amanne (kun sirrummaa warri qulqulloota Masihii qofaan qabaachuu malaniidha) fi firdii bara-baraa warra hin amanne in amansiisa (Yohaannis 16:8).
3. Inni isaan keessa jiraachuudhaan (Yoha. 14:16-17) fayyina isaanii bara-baraa abdachiisuudhaaf mallattoo Isaa isaanirratti godhee (Efesoon 4:30), dhagna Masihiitti isaan cuuphuun (1Qorontos 12:13) kennaawwan hafuuraa isaaniif kennuun (1Qorontos 12:7-8) isaan jireenya quqlullummaa akka jiraataniif yommuu isaan fedha Waaqayyoo horatan ofii Isaatiin isaan guutuudhaan (Efesoon 5:18) humna isaaniif kennuun (Roomaa 8:14) isaan gaggeesse (Galaatiyaa 5:18). Kanneen amanan deebisee in dhaabe (Yoh. 3:6-7).
D. WALQIXXUMMAA DHAGNOOTA SADANII
Hammamiyyuu Ilmi Hojjetaa Abbaa, Hafuurri Qulqulluun immoo Hojjetaa lamaaniituu ta’ullee, isaan hundinuu kennaa Dhagnummaa fi Waaqayyummaa hundumaan akkuma Maatewos 28:19 keessatti dhi’aate waluma qixxa kennaman. Egaa dhaqaa Maqaa Abbaa fi Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan saba hundumaa bartoota koo godhaa.
E. GAMTAA SADI’UMMAA YKN SADAN TOKKUMMAA WAAAYYOO
Keessa Deebiin 6:4 akkas jedha: Yaa Isiraa’el dhaga’i! [Waaqayyo] [Gooftaan] keenya Waaqayyo isa tokkicha! Jechi Ibrootaa tokkoof ta’u asitti ‘achad’ kan jedhuu dha.Sababoota gurguddoo danuudhaan akkuma Seera Uumamaa 10:25 keessatti, Ebeeriif ilmaan lama in dhaltan, bara Inni tokko dhalate lafti waan hiramteef maqaan isaa “Feleq” jedhame, echad garaa-garummaa wayiituu akka hin qabne in eera, ta’ullee iddooechad, akkuma Seera Uumamaa 2:24 keessatti, isaan lachanuus foon tokko in ta’u jedhu wanta dhagna tokko caalaarraa uumame in eera. 1Qorontos 6:16 echad Seera Uumamaa 2:24 wanta dhagna tokko caalaarraa hojjetame in eera. Yookiis namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna tokko akka ta’u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru, “Isaan lachanuu foon tokko in ta’u” jedha. Maatwos 19:4-6 fi Maarqoos 10:9 dubbisa qabiyyee gaa’ilaa qabu keessatti waanuma wal fakkaataa argisiisu. Yaadadhaa, maarree, hammamiyyuu qaamaa fi hafuuraan guutummaan guutuutti garaa gara ta’anillee dhirsaa fi, niitiin echadidha.Echad, maarree ifumatti walitti makamuu jechuudha. Wanta daneessummaa namoota gara-garaa kanneen yeruma walfakkaatutti garaagarummaa isaanii hambisu argisiisuu in danda’a.
Maarree hiikni echad keessa-deebii 6:4 keessaa isa kamirree? Inni Waaqayyo guutummaan guutuutti tokko ta’uu Isaa labsa moo gamtaa tokko? Mee qabxiiwwan kanneen haa hubannu:
1. Caaffattoonni Waaqayyummaa dhagna tokkoon otuu hin ta’in, Dhagnoota sadii ta’uusaatiin ibsu.
2. Yahween Dhagnoota sadan keessaa maqaa dhagna tokkoo ol ibsudha (Uma. 19:24, Zakkaariyaas 2:8-9)
3. Yachid jecha Ibraayisxii isa yeruma hundaa tokkichummaa ibsa.
4. Abrahaam ijoollee baay’ee qaba ture. Ta’ullee Seera Uumamaa 22:2 keessatti Muuseen ilma Abrahaam isa tokkicha adda ta’e Yisihaaq tokkummaa mudaa hin qabne ta’uu isaa addeessuuf echad otuu hin ta’in Yachid fayyadame.
5. Muuseen gaaffii malee Shima keessatti tokkummaa guutummaan guutuutti ibsuuf Yachid fayyadamuu in danda’a ture, garuu akkas hin goone. Inni Echad fayyadame.
Kanaafuu Muuseen ilaalcha gamtaa tokkummaa Yahmee (Waaqayyoo) Keessa-Deebii 6:4 keessaa eeru dabarsuuf echad irraYaahid filatee guduunfuun isaa wanta amansiisaadha.
Dhagnoonni sadan wanta tokkicha waliitti makamanidha; garuu bu’uurri tokkummaa isaanii maaliidha? Yohaannis 10:30 keessatti Yesuus Aniif Abbaan Tokko jedheera. Doktar Arnold G. Fruchtenbaum “Waraabbiin kun isa Abbaanii fi Ilmi aangoodhaan, aangoo Waaqummaa mataa isaaniitinuu tokko”6 jedhee barreesse. Beektoonni danuun Yohaannis 14:10 ilaalchisee yaadoota walfakkaatan kennu.
2Qorontoos 3:4 keessatti Kiristoos eeruuf, Phaawuloos waraabbii 17 keessatti Eegaa Inni “Goofticha” jedhame kun, Hafuura Qulqulluudha. Doktar Charles Ryrien waraabbiin 17 “Kiristoosii fi Hafuurri Qulqulluun tokko ta’uu isaaniitiif hima cimaa ibsu” jedhee labse.7
Yohaannis 10:30, Abbaanii fi Ilmi amala addaa walfakkaatu tokko qabaachuu isaanii argisiisa. 2Qor. 3:17 Ilmii fi Hafuurri Qulqulluunamala addaa qabaniin tokko ta’uu isanii argisiisa. Maarree, bu’uurri tokkummaa Dhagnoota sadanii amala addaa walfakkaatu qabaachuu isaaniiti.
Uumamni wanta baay’ee barbaachisaa kana maalidha? Yesuus Waaqayyo Hafuura, (Yohaannis 4:24) jedheera. Aangoo baay’ee barbaachisaan Abbaa, maarree, Hafuura Waaqayyummaati. Baay’ee barbaachisummaan Hafuura Qulqulluutis Hafuura Waaqayyummaa, jechi Hafuura jedhu maqaa (noun) yoo ta’u fi Qulqulluu kan jedhu immoo ibsa maqaa kan fooyyeessudha. Dhagnoonni sadan tokkumma, akkasumas immoo amalli addaa tokko-tokkoon isaanii qaban inni ijoon Hafuura Waaqayummaati. Sana booda amalli addaa Dhagnoota sadan Waaqayyo tokko taasisuu Hafuura Waaqayyummaa ta’uun isaa nuuf gala.
Qabxii dabalata tokko: Dhagni sadan Waaqayyoo inni tokko gonkumaa iddoo dhagna isa biroo hin fudhatu ykn bakka hin bu’u. Inni kun tarii haala gaariidhaan Luqaas 3:22 keessatti ibsameera. Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mul’atee irra bu’e; sagaleenis Waaqa irraa dubbatee “Ati Ilma koo isa jaallatamaadha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedhe. Ifumatti, Dhagnoonin sadan adda baafaman, Ilmii Inni cuuphamee ture, Hafuurri, fi Abbaan, Inni sagaleen Isaa Waaqa irraa dubbate, kana keessa as in jiru. Dhagni tokko kan biraa ta’uu ykn bakka bu’uu gonkumaa hin danda’u.
III. ERGAMOOTA
Waaqayyoo, Dhagni Inni hin uumamneefi Dhagnoota Waaqayyummaa sadii of keessaa qabu, dhagnoota akaakuu lamaa: jalqaba ergamoota, itti aansee immoo namoota uume. Akkaatuma tartiiba isaan ittiin uumamaniitiin dhagnoota lamaan kana in qoranna. Ergamootaan jalqabna.Qolaasiyaas 1:6 Kiristoos hojii Isaatiif jecha ergamoota akka uume nutti hima. Wanti Waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne, warri teessota irra taa’anii fi warri mootummaa qaban warri bantii Waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii sodaataman Isaan uumaman; wanti hundinuu karaa Isaa uumame, Isaafis uumame. Teessoowwan mootummaa, aangoowwan abbootiin taayitaa fi bulchitoonni sadarkaawwan ergamootaa yoo ta’an, akkasumas immoo isaan wantoota hin lakkaa’amneedha (Ibroota 12:22).
Iyyoob 38:4-7 keessatti Waaqayyo Iyyoob in rifaasisa; 4. Yommuu ani hundee lafaa kaa’ee ati eessa turte...7. Yeroo sanatti arjoonni gara barii in faarfatan warri Waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisu; Urjoonni gara barii fi ilmaan Waaqayyoo kan jedhaman ergamoota Waaqayyoo in eera (urjoonni gara barii: Mulata 1:20; 9:1; 12:3-4, ilmaan Waaqayyoo: Seera Uumamaa 6:2, 4; Iyyoob 1:6; 2:1), akkasumas immoo dubbisichi erga Waaqayyo bantiiwwan Waaqaaf lafaa mul’atu otuu hin uumamin dura isaan uumuu isaa ifa in godha. Haaluma kanaan akkuma caaffattoonni yeroo biraa kamiyyuu waa’ee uumama ergamootaa hin dubbanne, akkasumas isaan wal horuuf hin dandeenye dubbatan (Maarqoos 12:25), nuyi ergamonni hundinuu bantiiwwan Waaqaa fi lafaa otuu hin uumamin dura uumamanii akka turan guduunfuu qabna.
Ergamoonni hafuurota jiraatan yoo ta’an (Ibroota 1:13-14), akkasumas isaan dhagnoota dandeettii addaa (1Phexroos 1:12), miira jabaa (Iyyoob 38:7) akkasumas fedha (Yihudaa 1:6) qabani, Isaan qulqulloota, (Luqaas 9:26), garmalee caalaatti humna kan qaban (2Seena Baraa 32:21) akkasumas immoo bara-baraaf jiraatu (Luqaas 20:36).
Waaqayyo ergamoota sadarkaawwan sadiitti uume.
1. Tartiibni olaanoon ergamoota Kiiruubeel kanneen ulfina Shechina Waaqayyoo wajjin gamtaa walitti dhufeenya cimaa qabaniidha (Hisqi’el 1:26-28; 9:3; 10:1-22). Hisqi’el 10:1 teessoo Waaqayyoo jala yommuu jobobi’an isaan in argisiisa. Isaan dabalataanis dhimmoota eegduummaatti ramadamaniiru (Seera Uumamaa 3:24)
2. Tartiibaan itti aananii kan jiranu Suuraafeel. Isaayyaas 6:2-3 isaan teessoo mootummaatii ol dhaabatanii yommuu Isaa Waaqessan argisiisa.
Waraabbiiwwan 5-7 kanneen Waaqayyo waamu qulqulleessuu irratti yommuu isaan qooda fudhatan argisiisu. Mul’anni 5:8-10,14 yommuu isaan Hoolicha Waaqessan argisiisa, akkasumas immoo Mul’anni 6:1-7 fi boqonnaan 15 fi 16 yeroo Gidiraa Guddaatti dheekkamsa waciitota Waaqayyoo keessaa yommuu isaan gadi naqan agisiisa.
3. Dhumarratti tartiibni Inni sadaffaan salphaadhumatti “ergamoota” jedhama. Isaan dhimmoota karaa Waaqummaa keessummeessuu ykn raayyaawwan Waaqayyoo, Mikaa’el akka Dursaa isaaniitti qabachuun in too’atu (Mul 12:7). Daani’eel 10:13-21 keessatti Mikaa’el saba Isiraa’el irratti itti gaafatamummaa addaa yoo qabaatu akkasumas Daani’el 8:15-27; 9:20-27 fi Luqaas 1:11-38 keessatti Ergamaa Gabreeliitiin ergamaa Mul’ataa Waaqayyoo akka ture argina. Suuraafeel fi Kirubeel amantoota isaanii adda ta’ee muraasaan namoota in mul’isu, akkasumas amala isaanii adda ta’e kan biraatiin ayyaanotaa qulqulluu ykn bineensota mootii fakkaachuu in danda’u (Hisqi’eel 1:5-28; Mul’ata 4:6-11).
Suuraafeel koolota (laboobaawwan) lama (Isaayyaas 6:2), akkasumas Kirubeel koola tokko (1Motota 6:23-28) in qabu. Yommuu ergamoonni tartiiba sadaffaa lafa irratti mul’atan, isaan akka namoota dargaggootaatti waan mul’ataniif koolota (laboobaawwan) in qabu hin jedhamne (fakkeenyaaf, Seera Uumamaa 18:1-2, 16-18; Maaroos 16:5).
Ergamoonni daa’imman akka eeganiif kan ramadamaniidha (Maatewos 18:10). Isaan daalatanis amantootaa fi waldoota kiristaanaa akka eeganiif ramadaniru. hammamiyyuu Inni sun yeruma hunda kan jiraatu ta’ullee isaan ergamoonnii fi waamichoonni Waaqayyo isaan itti waame fiixaan ba’uu isaanii arguuf malee waan hamaarraa isaan eeguuf miti, (Faarsaa 34:7; 91:11-12; HoE 8:26; 12:7-11; 27:21-26; Mul’ata 1:1; 2:1,8,12,18; 3:1, 7, 14). Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree (Ibroota 1:14)? Dabalataanis akkuma armaan olitti argine Mikaa’el Isiraa’el irratti eegduudha.
“Ergamaan” addatti adda ta’e tokko (Ba’u 3:2, 4), akkuma eramoonni kan biroo waamaman yeroo adda addaatti lafarratti mul’atee ture ergamaa Yaahweh dha malee ergamaa Yaahweh jedhamu tokko miti. Ergamaan kun Waaqayyoo bifa Ergamaa tokkootiin ta’uu isaa in beekna, sababiin isaas iddoo Ergamicha Yahiwwee arginu kamiyyuutti Inni dabalataanis salphaadhumatti kutaa dubbisa kan biraa keessatti akka Yaahiweetti yommuu eeramu argina.
Zakkaariyaas 2:8-9 keessatti Abbaaniifii Ilmi lamaanuu Jihoovaa jedhamanii waamamu, kanaaf inni Dhagna Waaqayyoo isa kamiidha?, gaaffiin jedhu in ka’a. Seera Ba’uu 3 fi 4 keessatti Inni Isiraa’eloota Gibxii jalaa baasee karaa isaanii Galaana Diimaa keessaan in taasisa, akkasumas 1Qorontos 10:1-4 Kiristoos jedhee Isa in waama. Ergamaan Jihoovaa, maarree, Kiristoos bara-baraa Mataa Isaa ture.
Ergamni addaa ergamaa kanaa maal ture? Akkuma dubbisa karaa Inni itti mul’ateen qorannu, Inni seenaa Isiraa’el, qopheessuu Isaa akkasumas immoo Isiraa’eliif seenaa qopheessuu Isaa in argina. Shakkii tokko malee, Abrahaamii kaasee hamma fannoottiErgamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, Inni isaa in oolchas (Faarsaa 34:7). Haa ta’u malee, Bara Waldaa Kiristaanaa keenyatti otuu hojjetuu Isa hin arginu.
Wanti dabalataa kan biraa dubbatamuu qabu tokko in hafa: Nuyi gonkumaa ergamootaaf sagaduu (Waaqessuu fi kadhachuu) hin qabnu (Qolaasiyaas 2:18; Mul’ata 19:10; 22:8-9). Waaqayyuma Abbaadhaaf qofaa sagaduu fi kadhachuu qabna (Maatewos 6:9).
IV. SEEXANAA FI DAABILOOS
Ergamoonni qulullaa’oon lakkoofsaan akka hin beekamnetti eeraman (Ibroota 12:22), isaanis garuu lakkoofsa ergamoota qulqulloota jalqabaa harka sadi keessaa harka lama (2/3). Daabiloos amma nuyi seexana jennee waamnu kun yeroo tokkoof Kirrub Dibame ture (Hisqi’el 28:14), akkasumas ergamoota kan biro irratti ol’aantummaa kan qabu ture. Carraa aangoo isaa fudhachuudhaan ergmoota harka sadii keessaa tokko Waaqayyo irratti akka fincilaniif isaan in durse (Isaayyaas 14:12-15; Hisqi’eel 28:14-19; Mul’ata 12:3-4), isaan hundinuus amma seexanootaan (daabiloosotaan) beekamu. Daabiloosonni maarree ergamoota qulqulluu hin taane, fi erga fincilanii kaasee uumama cubbamaa ta’een xuraa’ummaa isaanii qabatanii kan jiranidha. Shakkii tokko malee lakkoofsi isaanii Inni guddaan tartiibota ergamootaa sadan hunda irraa uumame.Kufaatii isaatiin dura, seexanni dabalataanis akka Urjii, Guyyaa, Ilma Bariitti in beekame ture (Isaayyaas 14:12), akkasumas Hisqi’eel 28:12 qarummaan isaas dhugaa isa Inni dandeettii ergamummaatiif ogummaa fi miidhaginaan guutamuu isaatiin akka ture in mul’isa.
Hisqi’el 10:1 keessatti, teessoon Mootummaa Waaqayyoo yommuu Kirubeel gubbaatti jobobi’u in argina, garuu immoo 28:14 keessatti isa teessoo mootummaa Waaqayyoo gubbaatti calaqqisiisaa uwwisu ykn jobobi’u ykn irratti bittinnaa’u Tokko in argina. Hisqi’eel 28:13b garuu qoosaa aangoo isaa akka Kiruub Dibamee mul’isa. Dhagoonni gati-jabeeyyiin hundinuu, sardoniikis, Beerilos, Safiiros Kaarbunkil, Simaaragidosis si miidhagsu turan, wanti sitti naqame fi sitti maxxanfame hundinuu Warqee irraa hojjetame, isaanis yommuu ati uumamte qopheeffaman. Meeshaaleen muuziqaa kuniin akkuma Inni Waaqayyo irratti jobobi’een isa harka turan Suuraafeel (Isaayyaas 6:2) akkasumas Kirubeel kan biroo (Hisqi’el 10:1) isa Inni guutummaa ergamootaa Waaqayyoof sagaduutti gaggeessu argisiisu. Ta’ullee seexanni yommuu finciletti, Waaqayyo isaa fi mootummaa isaa gara lafaa fi marfata lafaatti gadi darbate. Waan ta’eefis ramaddiin isaa yeroo ammaa Ilma mootii Qilleensaati (Efesoon 2:2).
Taayitaan seexanaa erga yeroo fincila isaatii kaasee ittiin isa beeknu caalaatti waa’ee isaa in ibsa:
1. Haala Isaa
Isa Hamaa (Maatewos 6:13, Yohaannis 17:15; 2Tasalonqee 3:3; 1Yohaannis 5:18-19). Inni guutummaan guutuutti haalaa fi wantoota Inni too’atuu fi raawwatu hundumaanuu hamaadha.
Seexanni, hiikkaan isaa Diina jechuudha. Maqaan taayitaa kun caaffata keessatti yeroo shantama caalu dhahameera. Inni diina Waaqayyoo, saba Waaqayyoo, fi ummata hundaati. Gochi diinummaa isaa ifumatti 1Seenaa Baraa 21:1 keessatti mul’ifamee jira.
2. Galmoota Isaa
Barbadeessa (Mul’ata 9:11). Barbadeessaan kun awaannisoota sodaachisoo, dhugumaan daabiloosota, Mul’ata 9:1-10, isa bool’a dhuma hin qabnee ol ba’e irratti mootiidha. Galmi barbadeessichaa karoora Waaqayyoo, Masihicha mataa Isaa, fi saba Waaqayyoo barbadeesuufi.
Leenca Aadu. Inni kun sirrumatti seexana akka barbadeessaa uummataatti fakkii isaa lafa kaa’a. 1Phexroos 5:8 addumatti isa akka barbadeessaa amantii fi deddeebi’uu amantootaa ta’e fakkii isaa lafa in kaa’a.
3. Maloota Inni Ittiin Galmasaa Gahatu
Nama qora (Maatewos 4:3; 1Tasolonqee 3:5). Gochi kun seexanni namoonni cubbuu akka hojjetaniif kakaasu Sheexana ta’uusaa argisiisa.
Gowwoomsa (Haxxee). Mul’atni 12:9 seexanni gowwoomsaa guutummaa biyya lafaa akka akka ta’e, namoonni danuun Waaqayyoo fi karaa Isaa fudhachuu akka didan kan gowwoomsu isa ta’uu argisiisa. Akkuma yeroo hunda danda’u, Inni amantoonni gorsa gaarii Waaqayyoo fudhachuu akka didan in gowwoomsa, Efesoon 6:11 haxxummaa seexanaa akka balaaleffannu kan nu kakaasu kanumaafi.
Ergamaan Ifaa 2Qorontos 11:14 keessatti argamu; gochi kun Sheexanni hubannoo hamileefi hafuuraa dhugaa irratti amantiiwwan sobaa, falaasamaafi yaada hedduu addunyaan of-keessa qabdu keessaa raga sobaa dhiyeessuudhaan hojii gowwoomsaa akka hojjetu agarsiisa.
Daabiloos. Daabiloos jechuun hadheessaa, ykn maqaa namaa balleessaa jechuu akka ta’eefi, akkamitti Waaqayyoo fi saba Isaa, fi saba Waaqayyoo akka gargar baasuu labsa. Inni Kakuu Haaraa keessatti qofaa argama, si’a soddomii shanis in argama.
…obboloota keenya Inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya duratti isaan hadheessaa ture… (Mul’ata 12:10). Iyyob 1:9-11 fi 2:5 Inni Iyyoob qajeelicha fuula Waaqayyoo duratti yommuu hadheessu in argisiisa.
4. Tooftaaleesaa Akkamitti Akka Hojiirra Oolchu
Boficha Seexanni yeroo kurnan tokko keessattuu Seera Uumamaa 3:1, iddoo itti abshaalummaa fi haxxummaan isaa Heewaan qoruudhaan mul’atetti akka bofaatti fakkeeffameera.
Jawwee (Mul’ata 12) gochi kun humna guddaa fi bineessummaa seexanni Yesuus isa mucaa nyaachuufi (Maatewos 2, Mul’ata 12:4) akkasumas dubartii Isiraa’el jedhamtu ishee Mucaa deesse balleessuuf fayyadame cimsee agarsiisa (Mul’ata 12:13).
5. Aboo Yeroo Ammaa Seexanni Qabu
a. Walitti dhufeenya inni Daabiloosota kan biroo wajjin qabuun
Hangafa Seexanootaa. Aboon Wangeelota Maatewos 12:24 fi Luqaas 11:15 keessatti argamu kun, aangoo seexanni daabiloosota hundumaa irratti qabu argisiisa.
Aboo Qilleensa keessa jiru irratti isa Gooftummaa qabu: Aboon Efesoon 2:2 keessatti ibsame kun seexanni inni yeroo ammaa qilleensa keessa jiraatu, humnoota xixiqqoo isa fakkaatan kan qilleensa keessa jiran, daabiloosota kan bulchu isa ta’uu argisiisa.
b. Sirna Biyya Lafaa Amma Jiruun Wal-qabatee
Waaqa Bara Ammaa. Aboon 2Qorontos 4:4 keessa jiru kun, to’annaa seexanni bara ammaa akka to’atu, yaadni inni biyya lafaa kanarratti qabus kan Kiristoos wajjin faallaa akka ta’e mul’isa.
Hamaa biyya lafaa kana seerratu. Gochi kun Wangeela Yohaannis 12:31, 14:30, fi 16:11 keessatti in mul’ata. Hunduma isaanii keessattiyyuu, jechi warra Giriikii biyya lafaa ibsu Koosmoos kan jedhudha, innis hafuura Sheexanaa sirna biyya lafaa keessa guutee jiru akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi raawwatamu ibsa. Kun immoo faallaa hafuura mootummaa Waaqayyoo akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi raawwatamuuti.
Mootii Baabiloon (Isaayyaas 14:4). Qixa waraabbilee 4-17, keessa jiruun yommuu ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootummoota biyya lafaa hunda kan to’atu fakkeessee mul’isa.
Mootii Xiiroos (Hisqi’el 28:11-12). Qixa waraabbilee 4-17, keessa jiruun yommuu ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootii Daabiloos mootummoota lafaa hunda to’atu fakkeessee mul’isa.
6. Ilaalchota Seexanaan wal-qabatan
Beliyaal. Beliyaal 2Qorontos 6:15 keessatti argama, hiikni isaas gati-dhabdummaa, ija Waaqaa duratti gatii gaarii ta’uu ykn gaarii kamiyyuu hojjechuuf dandeettii seexanni qabu ibsa.
Bi’el Zebul. Bi’el Zebul jechuun "humna hangafa seexanootaa" jechuu yoo ta’u, Wangeelota Maatewos 10; 25; 12:24, 27; Maarqos 3:22; fi Luqaas 11:15, 18, 19 keessatti argama. Innis maqaa barsiisota amantaa fi seeraa bara Yesuusiin seexanaaf kenname jecha qoosaa fakkaata. "Bi’el Zabub" tapha "Be’il Zabul" irraati, maqaan Filisxeemii bifa Giriikii isa sirrii/jalqabaatiin, hiikni isaa Gooftaa Masaraa Mootummaa jechuudha.
V. LOLA KIRISTAANNI SEEXANA WAJJIN QABU
Lolli Kiristaanni biyya lafaa, sirna biyya lafaa seexanaan to'atamu, irratti kaasu (1Yohaannis 2:15-17 keessa akkuma jiru), foonsaa isa Roomaa 7:5 keessatti umama cubbuu keenyaa eeru, akkasumas Daabiloos, isa seexanaa fi isa gochaalee seexanummaasaa of keessaa qabu (Efesoon 6:11-12) wajjin lolu eera. Qo'annoon kun lola namni kiristaanummaa amanuu Seexanaa fi warra seexana baatan irratti kaasu argisiisa.Galmoonni seexanaa, hojiiwwan Waaqayyoo barbadeessuu, lubbuun akka hin fayyine, warra akka du'aa hin kaane, ardiin iddootti akka hin deebineefi ofiisaatii Galaana Ibiddaatti akka hin gatamne dhowwuufi akkuma fincila isaa isa jalqabaa galmisaa, inni ammayyuu Waaqayyo aangoorraa buusuu fi bakka Waaqayyoos Waaqa tolfamaa ta'uu cimsee barbaada (Isaayyaas 14:12-14, 2Tasoloinqee 2:3-4). Galmoota isaa fiixaan baasuuf, Inni fannoo dura yesuus ajjeesuuf barbaadee ture (Maatewos 2:1-18; 4:1-11; 25:6, kkf), yihudoota barbadeessuudhaan deebi'ee dhufuu Gooftaa ittisuu in barbaada, (Zakkaariyaas 13:8; Maatewos 23:39; Mul'ata 12:6, 13-15), akkasumas immoo fayyinaan dura hafuurri akka itti hin mul’anne gochuu ykn du'a fiduudhaan (2Qorontos 4:3-4; Yaaqob 4:1) yaadaa fi hojii waldaa kiristaanaa jeequudhaan (HoE. 20:29-30) fayyina lubbuu ittisuu in barbaada.
Kiristaanni haleellaa seexnaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabu:
Isaanuma irraa: Inni Diinnisaa eenyu akka ta’e (saba otuu hin ta'in, seexanaa fi daabiloosotasaa akka ta’an) fi beekuu qaba, akkasumas immoo inni akka nama Waaqayyootti yaaduu akka danda’u sammuusaa Dubbii Waaqayyootiin guutuu qaba (2Qorontos 10:3-5; Efesoon 6:10-18). Inni seexana (Daabiloos) diduu, akka jireenya isaattis hin galle karaa itti cufuu qaba (Efesoon 4:26-27; Yaaqob 4:6-7; 1Phexroos 5:8-9). Kanaafuu inni Yesuus akkamitti seexanaan akka morme (Maarqoos 8:31-33, Luqaas 4:1-14) qorachuu fi fakkeenya Isaa hordoofuuf waan gaarii gochuutu isaaf ta'a.
Warra Kiristaanota hin taane irraa: isaan diinota isaa ta'aniyyuu inni isaan jaalachuu qaba (Maatewos 22:39, Galaatiyaa 5:14, Yaaqob 2:8). Inni akkuma Waaqayyo isa dandeessisetti bakka isaanii bu’ee isaaniifi hojiiwwan humnaatiif dhiifama gochuufii qaba (Maatewos 14:15-21; 20:34; Yaaqob 1:27). Hundaa ol Inni fayyina lubuu isaanitiif Wangeela lallabee duuka buutota kiristaanaa isaan gochuu qaba (Maatewos 28:18-20).
Seexanni, Hoolaan Waaqayyoo cubbuu biyya lafaatiif akka hin duune dhoowwuufis ta’e; carraaqqii isaatiin filatamtoonni Gooftaa gara Waaqaa akka hin dhufne dhoowwuu ykn dhufaatii Isaa ittisuuf hin milkoofne.
Haata’u malee Gooftaan dura bu'ummaa Isaatiifi humna nuuf kennuudhaan injifannoo harka keenyatti galcheera.
VI. UUMAA SANYII NAMAA
Tartiibni namootaa itti’aanuu fi inni dhumaa Waaqni uumee nama, sanyii namaati.Addaamii fi Hewwaan jijjiirama suuta-suutaatiin otoo hin taane kallattiidhumaan hojii Waaqayyootiin uumaman. Saayintiistonnii fi beektonni herreegaa kiristaanota hin taanellee jijjiirama suuta-suuta (evolution) bifa saayinsawaa fi istaatistikaala ta’een mirkaneessuun akka hin danda'ame labsaniiru.
Garaa-garummaa gurguddoon jijjiirama suuta-suutaafi sirna uumamaa (creation account) gidduu jiran lamaan akkasitti ibsamuu in danda'au:
1. Jijjiiramni suuta-suutaa gulantaalee adeemsicha gidduu jiraniifi jijjiirama kana mul’isan hedduu dhiyeessuu gaafata; seerri Uumamaa 2:7 garuu gulantaa tokko qofaa argisiisa: Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate, akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.
2. Qorattoonni sirna uumamaa akka jedhatti, jijjiiramni suuta-suutaa waggootta miiliyoonota hedduu gaafata, akka caaffataatti garuu, Waaqayyoo ifumatti yeroo gabaabduu, guyyuma sa'aatii diigdamii afurii keessatti Addaam Uume, Uma. 1:27 Egaa Waaqayyo akka bifa Isaatti nama uume... 3 ...galgallis ta'e, ganamnis ta'e, kun guyyaa ja'aaffaadha (Seera Uumamaa 1).
Guyyaa kan jedhu kun asitti akka bara ji'oolojii tokkotti kan hubatame ta'uu hin qabu; inni guyyaa sa'aatii diigdamii afurii qofaa ibsuu danda'a. Doktar Fruchtenbaum Afaan Ibraayisxiin, ja'aaffaan guyyaadhaan wal-qabatee guyyuma idilee tokko mul’isa. Jechamni halkaniifi guyyaa jedhus akkasuma guyyaa idilee tokko ta’uusaa cimsee hubachiisa.8
Namni akka bifa Waaqayyootti uumame (Seera Uumamaa 1:26-27). Inni kun garuu foon isaa otoo hin taane hafuura namaa qofaa ilaallata, Waaqayyo hafuura waan ta’eef foon hin qabu (Yohaannis 4:24). Galmi inni dhumaa wanti kun barbaachisuuf mallattoo jirenya bara-baraa kan ta’e (Yohaannis 17:3) hafuuraan walitti dhiyeenyaan waaqa duuka bu’uuf dandeettii kan qabu nama qofaa waan ta’eefi (1Yohaannis 1:7). Ergamoonni quqlulloonni Waaqayyoon Waaqeessanillee gonkumaa Isa wajjin walitti dhiyeenya cimaa qabu jedhamanii hin beekan.
VII. CUBBUU
Cubbuun haala afuuraa, yaada, jecha ykn gocha, safuu Waaqayyoo isa mudaa hin qabne wajjin faallaa ta'eedha (Roomaa 14:23; Yaaqob 4:17; 1Yoh. 3:4). Wantichi cimaa ta'uusaa dacheen keenya otoo cubbuun itti hin seenin dura qulqulluu mudaa hin qabne turteefi ergasii as dhukkubaa, hiyyummaa, beela, dhibee, du'a, waraana, qullummaa, badiisaa fi balfamuu dachee keenyaa, fannifamuu Ilma Waaqayyoo fi ergamoota harka sadii keessaa harki tokko akkasumas irra-jireessi sanyii namaa gara Garba Ibiddaatti gadi-darbatamuu isaanii wajjin wal-bira qabnee tilmaamamuu in dandeenya (Mul'ata 19:20; 20:10, 14,15).Waaqayyo, abbaa fi haadha keenya jalqabaa kan ta’an Addaam fi Hewaaniin foon, yaada, dubbii fi gochaan cubbu kan hin qabne godhee isaan uume, garuu isaan abboommii tokkicha isa Waaqayyo isaaniif kenne cabsanii cubbaman (Seera Uumamaa 2:16-17; 3:1-6). Cubbuun isaanii kunis rakkoolee itti’aanan kana fide:
1. Hafuurri isaanii wal-dhahee gara haala isa nuyi uumama cubbuu jennee waamnuufi isa caaffanni “foon” jedhee waamuutti geeddarame (Ermiyaas 17:9; Roomaa 7:18, 23; Galaatiyaa 5:16, 19-21, Efesoon 2:3), foon dhagna keenyaa wajjin wal dhahuu hin qabu.
2. Gooftaa Yesuusirraa kan hafe haalli cubbuu isaanii dhaloota-dhalootatti nama hundumaatti darba... (Faarsaa 51:5; Luq. 1:35; Roomaa 5:18);
3. Du'a hafuuraa, walitti dhufeenyi hafuuraa namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu du'uusaati (Seera Uumamaa 2:17, 1Qorontos 2:14, Efesoon 2:1).
4. Cubbuun Addaam kallattiidhaan nama hundaatti fe’amuusaa-Addaamirraa gara maatiifi ijoolleetti kan darbu otoo hin ta'in isa kallattiidhaan namatti darbuu ta’uusaa (Roomaa 5:12-21), Ibroota 7:9-10 keessatti ibsamuu danda’a.
5. Du'a foonii (Uumama 3:19); fi
6. Lafa abaaramte (Seera Uumamaa 3:17-19).
Fayyinaan dura, namoonni hundinuu bulchiinsa cubbuu (Roomaa 3:9; 7:14; Galaatiyaa 3:22) fi humna seexanaa (2Qorontos 4:3-4; Efesoon 2:1-2; Qolaasiyaas 1:13; 1Yohaannis 5:19) jala jiraatu akkasumas immoo ijjannoo isaanii seera fuula Waaqayyoo duratiin xuraa'ota (HoE 13:38; Roomaa 3:10; 1Qorontos 6:9; Qolaasiyaas 1:14, 2Tasolonqee 2:10, 12; 2Phexroos 2:13; 1Yohaannis 2:12).
Abbaa fi haati keenya jalqaba fedhuma mataa isaanii shaakaluudhaan qofaa cubbuu hojjetani. Nuyis, akkasuma humna fedha keenyaatiin cubbuu hojjenna (Roomaa 3:23; 1Yohaannis 1:8), garuu immoo fedhiiwwan keenyas yeroo ammaa kana kan raawwataman uumama cubbuu keenya irraani. Akkuma aannan quqlulluun burcuqoo keessaa yommuu summiin itti nammu faalamuu, hafuurri ilma namaas garmalee jeeqameera, sababiin isaas cubbuun hafuura abbaa fi haadha keenya jalqabaa keessatti waan walitti makamee fi nuyis walitti makamuu sana isaanirraa waan fudhanneefi. Hafuurri keenyaa inni guutummaatti jeeqame kun isa caafanni amala dhabummaa jedhuun yoo ta’u innis mallattoo amala cubbuuti (Hose 5:2; 9:9; Roomaa 1:28; 1Ximotewos 6:5; 2Ximotewos 3:8). Namoonni hundumtuu cubbuu in qaba-nuyillee, warri kan Gooftaa taane in qabna. Namni kamiyyuu jireenya kabajamaa jiraachuudhaan ykn tola ooluu fi gochaalee qulqullummaa hojjechuudhaan fayyina argachuu kan hin dandeenye sababuma kanaani (Efesoon 2:8-9). Kana malees warri kutannoodhaan Gooftaa tajaajiluuf ifaajanillee xuraa'ummaa hafuuraa muraasa kan of-keessaa hin dhabne kanumarraa kan ka'edha.
VIII. FAYYINA
Fayyisaa ta'uu kan danda'u eenyu? Haalota akkamii keessa darbuutu isaaf ta'a?1. Inni bakka namoota kan biroo adabbii firdii Waaqayyoo cubbuurratti baachuuf kan fedha qabu ta'uu qaba (Faarsaa 40:7-8, Yohaannis 12:27; 17:19; 18:11).
2. Inni uumaa cubbuu qabaachuu hin qabu, akkasumas immoo bakka namoota kan biroo adabbii cubbuu baachuuf gochaan guutummaan guutuutti cubbuu kan hin qabne ta'uu qaba (Luqaas 1:35; Yohaannis 8:46).
3. Inni gosa aarsaa isa raajamee Waaqayyoon abboomame dandamachuuf dhagna namaa qabaachuu qaba (Faarsaa 22:16; Isaayyaas 52:13; 53:12).
4. Aarsaan Isaa lubbuu nama kan biraa qofaaf otuu hin ta'in hundumaafuu akka ga'uu maluuf inni Waaqayyo ta'uu qaba (Yohaannis 1:3, 29, 26, Qolaasiyaas 1:15-17, 19; 2:9).
Tokkicha qofaatu ulaagaalee hundumaa danda'e, Isuma Tokkichatu cubbuu biyya lafaatiif adabame: Gooftaa Yesuus Kiristoos:Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokkollee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, Waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne (HoE 4:12). Waaqayyo Isa Tokkicha, Isa dhugaa, yesuus Kiristoosiin isa Ati ergites beekuun isaanii jireenya bara-baraati (Yohaannis 17:3).
Fayyinni humna cubbuu fi seexanaatii gara humna Waaqayyootti (Roomaa 1:16; 1Qoronts 15:56-57, Efesoon 2:1-6) yakka cubbuutirraa gara dhiifama Waaqayyootti (Efesoon 1:7; Qolaasiyaas 1:14), dukkana safuu/hamilee fi hafuuraatii gara hubannaa ifaatti (1Tasolonqee 5:5, 1Yohaannis 1:5), jireenya hiikaa hin qabne irraa gara jireenya ergamaa fi kaayyootti (Maatewos 28:18-20); bara baraaf Garba Abiddaatirraa gara Waaqa bara-baraatti (Yohaannis 3:16; Mul'ata 20:15) walaba ba'uudha. Inni kun walaba ba'uu foonii fi lubbuu daangaa hin qabnee gara bakka Waaqayyo jiruutti kan fiduudha (Roomaa 8:23; 1Qorontos 15:12-58; 1Tasolonqee 4:13-17). Inni kan bara-baraati: Kanuma fe'ellee ta'u namni kamiyyuu al-tokko fayyina isaa argannaan gonkumaa hin dhabu (Yohaannis 10:28; 1Phexroos 1:5, 23; Yihudaa 1:1).
Fayyinni amantaa jabeessuu duwwaadhaan (Filiphiyusis 3:4-9), tola hojjechuudhaan (Efesoon 2:8-9), hawaasa keessatti nama kabaja qabu ta'uudhaan (1Qorontos 1:26-29, Yaaqob 2:5), ykn immoo miseensa maatii namni kan biraa keessaa fayyee ta'uudhaan (HoE 16:33) gonkumaa argamuu dhiisuu mala. Miilla fannoo jalatti namoonni hundinuu cubbamoota (Roomaa 11:32), fayyinas argachuu kan danda’an karaa tokko qofaadhaani: wangeelatti amanuu (Yohaannis 3:16, Roomaa 10:11-13) argamuu mala.
Amma yaa obboloota koo! Wangeela isa ani isinitti lallabe...caaffanni Qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf du'eera, Inni awwaalameera, caaffanni Qulqullaa'oon akka jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera (1Qorontos 15:1-4).
Kiristoos cubbuu keenyaaf jecha bakka keenya du'e. Duuti Isaas awwaalamuu Isaatiin mirkanaa'e, Waaqayyos cubbu-maleessa ta'uusaa, Daabiloosii fi du'a irratti humna inni qabu, akkasumas namoota kan biroo of-duukaa buusee gara injifannoo guutuutti qajeelchuuf dandeettii inni qabu, inumaayyuu gara qaama fooniitti isaan deebisuufi gara iddoo Waaqayyo jirutti ol isaan fudhatamuu dabalatee dandeettii inni qabu mullisuuf du'aa isa kaase (1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-18).
Namni kamiyyuu fayyuuf Yesuusitti amanuu qaba (Maatewos 7:13-14; Yohaannis 8:24 fi 14:6; HoE 4:12), garuu immoo kanneen Isa hin dhageenye hoo maal ta'uu? Caaffata keessa seera tokkotu jira, Namni tokko ifa argachuu danda'u yoo argate, ifa fayyinaaf baay'ee isa barbaachisu hamma Inni argatutti Waaqayyo gara ifaa isa caalutti isa qajeelcha, (Ermiyaas 29:12-14; Maatewos 7:7-8). Fakkeenyaaf, namni tokko mul'ata uumamaatiin otoo Waaqa beekee (Faarsaa 19:1-4; Roomaa 1:18-20), maarree Waaqayyo hamma Inni Wangeela dhaga'utti ibsaa sirriitti ifu in kennaaf, yoo barbaachisaa ta'e immoo, tajaajilaa wangeelaa iddoo fagoo namni bira hin geenyettillee in ergaaf.
Garuu fannoon nama fayisu yookiin fayyisaan nama Naazireet Yesuus jedhamu ta’uu akka malu Waaqayyo otoo hin ibsin dura namoonni bara dur-durii akkamitti fayyaa turan? Waaqayyo waan inni hanga ammaatti hin ibsine namoonni eenyuyyuu akka amanu gaafatee hin beeku; garuu immoo wantuma Inni hanga ammaatti ibse akka amananiif gaafatee ture. Kanaafuu fakkeenyaaf, wanti Waaqayyo fayyina Addaamii fi Hewaaniif gaafatee, Ilma dubartii takkarraa dhalatu yeroodhaaf seexanni akka miidhu, garuu immoo dabaree Isaa Inni seexana guutummaan guutuutti akka moo'atu akka amanan ture (Seera Uumamaa 3:15).
Dhugaa isa Yesuus cubbuu keetiif du'uu Isaa, awwaalamuu Isaa fi Waaqayyo warra du'an keessaa Isa kaasuu Isaa in fudhattaa? Hojii Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaa’eefi ulfaataa ta’e kana amaniitii, fayyina bara-baraa argadhu!
IX. ISRAA'EL
Waaqayyo Abraamiin amma Biyya kee, firootaa fi mana abbaa keetii irraa, Gara biyya Ani si argisiisuu dhaqi;2. Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata; 3. Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifama. Ani biyya kkanaa sanyii keetiif nan kenna”jedheen (Seera Uumamaa 12:1-3, 7). Kakuu Waaqayyo Abraamiif gale kanarratti hundaa’uudhaanis, karaa ittiin eebbasaa biyya lafaatiif dabarsuu danda’u tolchuuf saba tokko uume.Isiraa'el xiqqittiin wiirtuu saba seenaa fi raajiiti. Isheen xiyyeeffannaa fi handhura giddu-gala oduu biyya lafaati. Qaroominnii fi seenaan addunyaa isheen biyya lafaatiif gumaachitu bal'ina isheetiin kan walitti dhufuu miti. Walitti dhufeenyi isheen Waaqayyo wajjin qabdu gochaalee dhumaarra ta’an irratti fuulleedhaan dhiibbaa qaba. Akkaataan sabnii fi namoonni tokko-tokko ishee wajjin walitti dhufan hiree isaanii in miidha. Waaqayyo paatiraarkii Isiraa'eliif Warra si eebbisan nan eebisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifama. “Ani biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedhe (Umama 12:3), kun ummataafis ta’e sabaaf in hojjeta. Kanaafuu waa'ee Isiraa'el wanta caaffanni dubbatu qo’achuufi keessumattuu wangeela fayyinaa isheedhaaf fiduudhaan eebba isheedhaaf ta’uun faaydaa guddaa qaba.
Dubbifni asiin olii Kakuu Waaqayyo jalqaba Abrahaamiif gale isa walumatti Kakuu Abrahaam of-keessatti qabatudha. Dubbisoonni kan biroon: Seera Uumamaa 13:14-17; 15:1-21; 17:1-21 fi 22:15-18dha. Kakichi har'allee sababoota asiin gadiitiin hojiirra oolaa akka jiru beekna:
1. Waaqayyos isa gara ilma Abrahaam Yisihaaqitti (Uma. 26:2-5, 24), gara Ilma Yisihaaq yaaqob (Uma. 28:13-15) warra maqaan isaa Isiraa'el ta'eefi (Uma. 32:28) achumaan, dhuma irratti ilmaan Isiraa'el hundumaa, dursitoota gosoota kudha lamaan Isiraa'el, warreen wantoonni egeree isaan waliin raajametti (Uma. 49:1-28, keessattuu waraabbii 10) in dabarse.
2. Dubbisoota kakuu keessa jiran irratti hundaa’uun, Waaqayyo sanyii Abrahaam kanneen qaccee kakuu keessa jiraniif wantoota tokko-tokko wadaa in gale (Uma. 12:7, 13:15-16; 15:5, 13, 18: 17:7-10).
3. Waaqayyo Seera Uumamaa 17:7 keessatti fuuluma dura kakuusaa Abrahaam qofaaf otuu hin ta'in dhalattoota (sanyii) isaatiifis akka raawwatu dubbateera: Ani siif Waaqayyo ta'ee, si booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uuf kakuu koo ofii koo fi si gidduutti dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii hundumaa gidduuttis kakuu bara-baraa godhee, cimsee nan dhaaba.
4. Roomaa 11:27 keessatti Phaawuloos Isiraa'el ilaalchisee kakuu Waaqayyo sichiif ta'uu gale irra deddeebi'ee dubbate. Yeroon cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu, kakuu kookana isaaniif nan dhaaba (Isaayyaas 59:19-21).
Kakuun Abraam kakuuwwan kan biroo sadii kanneen Waaqayyo saba Isiraa'eliif gale kanneen hamma yeroo dhumaatti ta'an (Roomaa 9:4, 11:29), Biyya kakuu (Keessa Deebii 9:4, 11:29). Kakuu Daawitii (2Saamu'el 7:11-16; 1Seenaa Baraa 17:10-14), fi Kakuu Haaraa (Ermiyaas 31:31-37) irratti faca'e. Kakuuwwan kunniin ammayyuu kan Isiraa'eli (Roomaa 9:4) garuu immoo Waaqayyo sabni biyya lafaa hundumtuu amantii Yesuus Kiristoosiin wantoota gaarii hafuuraa kanniinitti akka galan godhee jira (Efesoon 2:12-22; 3:6; Galaatiyaa 3:13-14).
Waaqayyo Isiraa'eliin kan filate isaan saba addaa ta'uun waan isaan barbaachisuuf ykn immoo badhaasa adda akka argataniif yookis immoo filatamuun isaanii saba kan biroo caalaa baay'ee gaarii ykn kan cubbuun itti hin guddanne ta'uu isaanii irratti kan hundaa’e hin turre. Filannoon Isiraa'el kophumatti kan Waaqayyooti. Inni walabummaadhaan Isiraa'el kan filate Qulqullummaafi ulfina Isaa sabootaatti agrsiisuu fi Abraamii kaasee dhaloonni jiru hundi warra jalqabaa sagalee Waaqayyoo fudhatan akka ta'aniif, saboota kan birootti raajii akka himaniif, Masihichi akka isaan irraa argamuuf, waldaa kiristaanaa bara durii akka dhaabu leenjisuu fi qajeelchu, biyya lafaa hojii wangeelaatiin waliin gahuuf (fuulduratti), yoomiyyuu ykn seenaa kam keessattiiyyuu saba isa tokkicha (dhaloota sichi dhufuuf) fayyina waliigalaa biyyaaleessaatiin kan eebbifamte akka taatuuf, Abraamii kaasee biyya lafaa keessatti baroota hundaa hoomaa hojjettoota jalqabaa Masihichaa akka ta’aniif, akkasumas akkuma Inni asiin dura mamii malee haalota kakuuwwan danuu sirrumatti raawwate, sichis kanneen hafan mamii tokko malee galmaan in ga'a.
Kakuun kan biraa Waaqayyo Isiraa'eliif gale in jira. Kakuu Muusee ykn salphaadhumatti, Seerootaa fi gaaffiiwwan isaa Seera Ba'uu 20:1 kaasee hanga Keessa-Debii 28:68tiitti tarreeffamee jirudha. Asitti qabxiilee barbaachisoo afur keessa deebinee ilaalla:
1. Seerichi Isiraa'elii fi Isiraa'el qofaaf kenname ture (Ba'u 20:1-17,22).
2. Inni kan isaaniif kenname saboota biraatirraa adda isaan baasuun akka danda’amuufi (Lewota 11:44-45; Keessa Deebii 7:6; 14:1-2), waa’ee qulqullummaa isaan leenjisuuf, fuulduratti caaffattootaa fi Masihicha akka isaan fidaniif, akkasumas gara amantii Masihichaatti isaan qajeelchuufi (Roomaa 8:1-4; Galaatiyaa 3:24-25).
3. Kakuuwwan Waaqayyo Isiraa'el wajjin gale kanneen biroon Waaqayyoof amanamuu qofaa irratti kan hundaa’an waan ta’aniif ammallee hojiirra oolaa jiru. Kakuun Muusee Isiraa'el Waaqayyoof abboomamuu ishee irratti kan hundaa’e waan ta’eefi Isiraa'el kakucha hojiirra oolaa hin jiru (Ermiyaas 31:32). Inni yeroo fannootti hojiin ala ta'e (Roomaa 10:4; Efesoon 2:15, Qolaasiyaas 2:13-14; Ibroota 7;18; 10:19), har’a abboommii kakuchaa tokkollee kabajuun hin barbaachisu-kakuuwwan kurnanillee yoo ta’an (2Qorontos 3:2-11)- abboommii Samtabaatiin ala kurnan isaaniiyyuu bifa addaatiin Kakuu Haaraa keessa taa’anii waan jiraniif akka seera Kiristoosiitti eeggamu qabu (Roomaa 8:2; Galaatiyaa 6:2).
4. Waadaawwan kakuchaa keessaa ammallee otoo hin guutamin kan jiran seerichi hojiirra oolaa waan hin turreef, seericha irratti hundaa’uudhaan guutamuu hin danda’an, garuu kakuu Abraam, Biyyaa, Daawitiifi Kakuuwwan Haaraa haal duree hin qabneen in guutama.
X. WALDAA KIRISTAANAA
Isiraa'el dhaloota uumamaatiin saba Waaqayyooti. Waldaan kiristaanaa dhaloota hafuuraatiin Pheenxeqoosxii fi ol fudhatamuu/butamuu gidduutti saba Waaqayyooti (Yohaannis 3:6-7). Nuyis amma waldaa kiristaanaa kallattiiwwan sadan caaffata keessatti beekamaniin: waldaa kiristaanaa addunyaa, waldaa kiristaanaa naannoo fi gamtaa ergama wangeelotaa qoranna.
A. WALDAA KIRISTAANAA ADDUNYAA
Maqaawwan waldaaf kennaman kanneen biroo keessaa, waldaan kiristaanaa addunyaa akka “dhagna Kiristoosi” jedhamuudhaan beekama (Roomaa 7:4; 1Qorontos 10;16 fi 12:27, Efeson 4:12), kunis aboo tokkummaa uumamaa amantoota Kiristoosiin akka mataatti fudhatan gidduu jiru himudha (Efesoon 1:22, 4:15, 5:23; Qolaasiyaas 1:18, 2:19). Waldaan kiristaanaa addunyaa amantoota dhugaa yeroo pheenxeqoosxii kaasee hamma ol-butamuu, kallattii biyya lafaa guutuu gara kamiinuu jiran kanneen dursanii Waaqa irra jiraatanii fi ammayyuu lafa irra jiran of- keessatti qabata. Waraabbilee HoE 1:5, 2:1-4; 10:44; 11:15-16 fi 1Qorontos 12:13, walcina firomsiifnee wayita ilaallu, waldaan gaafa guyyaa pheenxeqoosxiitti akka hundoofte nutti agarsiisa. HoE 11:15-16 keessatti Phexroos pheenxeqoosxee kan jalqabaa akka true argisiisee jira. Inni waldaa Addunyaawaa amantoota yeroo pheenxeqoosxi duraa fi yeroo ol-butamuu booddee irraa garaa-garummaa jiru addaan baafamee beekamuu qaba, sababiin isaas Inni karaa adda-addaatiin adda waan ta'eefi; isaan keessaas warri gurguddoon:1. Sababa dhugaa kanaatiin amanoota yeroo pheenxeqoosxee dura lakkoofsaan xiqqootu Hafuurri “isaan” waliin ture, (Haala murtaawaa ta’een ammoo “keessa” isaanii keessas ture akka ture ni hubanna) ,amantoota hundaa yeroo Pheenxeqoosxi kaasee hanga yeroo ol-butamuutti kan jiran “keessa” haafurriichii ni jiraata.(Lakkoofsa 11:17-25;27:18; 2Mot 2:9-12, Yohannis 7:37-39; 14:16-17)
2. Garee kana qofaatu “Kiristoositti hafe” jedhama (Roomaa 12:5; 1Qorontos 1:2; 15:18 kkf)
3. Yeroo ol-butamutti warra du'anii fi lubbuudhaan jiran garee kanaa keessaa qofaa lafarraa fudhatamuuf jiru, sababuma dhugaa kanaatiin dhagnoonni amantoota yeroo pheenxeqoosxee duraa kaasee hamma deebi'ee dhufuu Gooftaatti awwaaluma keessatti hafa; akkasumas immoo kanneen ol-butamuudhaan booddee amananii fi dhufaatii Gooftaa duraa yeroo Gidiraa Guddatti lafa irratti kan hafan ta'u. Akkasumas garaa-garummaawwan kan biroo waldaa kiristaanaa addunyaa irraa adda ta'an, gochaaleen kunniin, kutaa “Karoora fuulduratti milkaa'uu danda'u argisiisu” keessatti kan irratti mari'atamu ta'a.
B. WALDAA KIRISTAANAA NAANNOO
“Waldaa kiristaanaa naannoo garee amantoota masihichatti amananii kanneen kaayyoo Ergama guddaatiif, ajaja cuuphaa fi irbaata Gooftaa amaleeffachuuf, Waaqayyoof sagaduudhaan Dhagna ijaaruuf, walitti dhufeenya amantoota gidduu jiru, barsiisa sagantichaa fi hojiirra oolmaa kennaawwan hafuuraatiif cuuphamaniifi kanneen ofii isaanii hoggansa jaarsolii fi diyaaqoniyaa jalatti of gurmeessaniidha.Macaafni Quqlulluun walitti dhufeenya karaa baratame qofaa hin taane in jajjabeessa, walitti dhufeenyi inni baratamaan ergama waliini tokkollee sadarkaa Macaafa Qulqulluutiin waldaa kiristaanaa naannoo guutummaatti barsisuu danda'u miti. Waldootiin kiristaanaa naannoo dhaabbatoota, itti gaafatamootaa fi wantoota ofii isaanii balaa irraa ittiin of-ittisan walitti dhufeenya baratamoo hin taane keessa kan hin jirre qabu.
Dhagni Waliigalaa Kiristoos bara pheenxeqoosxii kaasee hamma guyyaa ol-butamutti amantoota dhugaa hunda irraa kan walitti ijaaramedha. Kun otoo kanumaan jiruu, Bara jireenyaa Waldaa Kiristaanaa keessatti waldootiin kiristaanaa lakkoofsaan hin beekamne biyya lafaa keessa turanillee dhagni Kiristoos Inni waliigalaa tokko qofaatu jira. Sababuma dhugaa kanaatiin dhagnchi amantootuma qofaadhaan walitti qabamee waldaan kiristaanaa Inni dhugaa tokko amantootaafi gurmuu amantootaatiin durfamuutu isheef ta'a, garuu immoo tarii otuu hin beekamin miseensota ishee keessaa warra hin amanne of keessatti qabachuus in malti (Maatewos 13:24-30, 31, 32). (Namni tokko otuu nama dhugaa barbaada ta'ee Inni tarii walga'ii waldaa irratti hirmaachuu in danda'a, garuu immoo Kiristoositti yoo hin amanin miseensummaatti gonkumaa makamu hin qabu. Waan ta'eefis uumamni dhagna waliigalaa yeroo pheenxeqoosxii kaasee hamma yeroo ol-butamuutti addunyaa guutuu irratti iddoo argata, waldaan Kiristaanaa naannoo, Bara Waldaa Kiristaanaa keessa yeroo kamittuu jalqabuu dandeessu takka, iddoo tokko jiraattullee (miseensota ishee keessaa tokko-tokko tarii ergamoota wangeelaa iddoodhaa iddootti naanna'an ta'uu malanillee), akkasumas immoo umrii dheeraan jiraachuufi dhiisuun ishees kan mirkanaa’e miti. Eenyufaa miseensota waldaa akka ta'an akkuma Gooftaa qofti beeku dhagni waliigalaa yeroo tokko-tokko waldaa kiristaanaa hin mul'anne jedhamee waamama. Akkasumas dhagni naannoo immoo ijatti waan mul'attuuf waldaa mul'attu jedhamee waamama.
C. GAMTAA NAMOOTA ERGAMA WANGEELAATIIF BOBBA'ANII
Rogni biraa waldaa kiristaanaa caaffata keessatti beekamaa ta’e waldaatti dabaluudhaan gamtaa namoota ergama Waneelaatti bobba'aniiti. Nuyis isaan keessaa baayyee beekamaa kan ta’e waa’ee Phaawuloos qoranna.Abboommiin Gooftaa inni, Egaa dhaqaa, Maqaa Abbaatiifi Ilmaatti, kan hafuura Quqlulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa (Maatewos 28:19) jedhu xiyyeeffannaa akka argatu gochuun waamicha waldaa kiristaanaa hundaati, garuu immoo Inni waamicha warra hojjettoota wangeelaaf kennameefi (HoE 8:5, 26-36) gamtaa namoota ergama Waneelaatti bobba'anii, wangeela isa dhugaa gara naannoo asiin dura gonkumaa hin geeffamneetti geessuudha. Phaawuloos warra Roomaatiin akkas jedhee tue “Hundee namin kan biraa jalqabe irratti akkan hin hojjanneef immoo, lafa takkaa maqaan Kiristoos hin dhaga'amiintti malee, wangeela akkan hin lallabne murtoo godheera, akkuma caaffameyyuu “ISAAN ISA TAKKAA WAA'EEN ISAA ISAANITTI HIN HIMAMIN IN ARGU, ISA TAKKAA WAA'EE ISAA HIN DHAGA'INIS IN HUBATU” jedha (Isaayyaas 52:15) (Roomaa 15:20-21); akkasumas immoo gara warra Qorontositti, ammas nuyi isa namni kan biraa lafa hojii isaatitti hojjetee qopheesseen otuu of hin jajin, isin garasittiyyuu darbinee Wangeela in lallabna (2Qorontos 10:16).
Daangaa qulqullummaa keessatti Phawulos caalaatti kan milkaa'e ta'uu ofiisaa aadaa hundaa fi namoota gara-garaatti madaqsuuf in carraaqe (HoE 17:19-23. Dabalataanis 1Qorontos 9:19-23; Qolaasiyaas 4:6). Innii fi gareen isaa Wangeela lallabanii, waldoota kiristaanaa dhaabanii, jaarsolii waldaa muudanii (Titoo 1:5), akkasumas immoo kallattii isaa kamiiniyyuu hojii fi sagalee Gooftaa akka babal'isaniif amantoota haaraa in leenjisu ture (2Ximotewos 2:2). Wanta isaanirra ga'uuf malu sodaachuun otuu hin mamin iddoowwan jibbitoonni jiranitti akkuma iddoowwan nagaadhaan qophaa'anitti Wangeela lallabuudhaan itti gaafatama guddaa fudhatan (HoE 4:19-20, 23:29; 2Qorontos 11:21-33). Isaan wantoota hundumaa yeruma tokkoon hin hubatan ture (HoE 15), Gooftaan karoora isaanii gidduutti jijjiire (HoE 16:7-9); isaan gidduu isaaniitti mormii fi gaarreeffannoowwan ciccimoo qabu ture (HoE 11:2; 15:36-40; Galaatiyaa 2:12-14); ta'ullee, si’aayinni ergama isaanii gufuufi hanqina hundumaa irra aanee, isaanis Waaqayyo hojii isaa akka isaan keessatti hojjetu amananii hojiisaanii itti fufan, Innis akkasuma godhee: gareen Phaawuloos qofaan lafa galaana Mediteraaniyaa qarqara kaabaa hunda keessatti waldootii kiristaanaa dhaabanii in leenjisan. Yesuusis akkuma waadaa galetti, raawwate; Anis dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas mootummaa waldichaa irratti humna hin godhatu hin moo'us (Maatewos 16:18).
Gareen Phaawulos ergama isaannii sirriitti hubatanii turan: Innis barsiisaa warra ormaa ta’uun ergama dura-bu’aa isaanii ture. Inni wanta addatti yaadatamuu qabuudha, ta'ullee Waaqayyo Phexroosiin warra Yihudootaatiif Phaawuloosiin immoo warra Ormaatiif waamullee (Galtaatiyaa 2:7), ergamichi warra Ormoota gara fedhe yoo deemellee, yeruma hunda jalqaba warra Yihudootaatiif lallaba ture (Roomaa 1:6), sababiin isaas Inni barbaachisaa waan ta'ee fi (HoE 13:46). Kitaaba HoE guutuusaa dubbisaa. Kun dhugaa ta'uu isaa in argitu. Phaawulos gara iddoo asiin dura itti tajaajiletti yommuu deebi'u inni deebisee haaluma walfakkaataa hordofa ture (HoE 18:19; 19:1-8). Jalqaba Yihudootaaf seerri jedhu har’allee hojiirra oolaa jira, akkasumas waldaa kiristaanaa akkuma waggaa 1900f waan kana dagattee turte amma hanga danda’ametti hordofuuf qophooftee eegdi.
Walaan kiristaanaa naannoo fi gareen ergamaa wangeelaa, lamaan isaaniiyyuu hojii Waaqaa Gooftaan eeyyameefi hojii adda ta’ee hojjetaa jirra jedhanii beekamtii walii kennu. Lamaan isaaniiyyuu aboofi itti-gaafatamummaa wal-qixa ta’e qabna jedhanii yaadu, walis in tajaajilaa turan. Hafuurri Qulqulluun yommuu Barnaabaasii fi Saa'ulin hojii ani itti isaan waameef, addaan anaaf baasaa jedhetti, dura-buutonni waldaa kiristaanaa Anxookiyaa soomaan, kadhataa fi harka isaanii mataa jaraa irra kaa'anii jara hojichaaf in ergan (HoE 13:1-3). Yommuu imalli Phaawuloos Bitaaniyaadhaa gara Maaqedooniyaatti Gooftaadhaan jijjiiramu, (HoE 16:7-10), eeyyama jaarsolii Anxookiyaa ykn jaarsolii yeruusaalem argachuudhaaf otuu hin barbaadin Inni battalumatti... gara Maqedooinyaatti ce'uu abballe.
Miseensonni waldaa kiristaanaa naannoo, gareewwan ergamoota wangeelaa Phaawuloos itti in makamanii (HoE 12:12; 16:1-3; 20:14), balbala isaanii isaaniif in bananii (HoE 16:14-15), isaaniif kadhatanii (Qolaatiyaas 4:13; Efesoon 6:19) maallaqaanis isaan in gargaaranii (2Qorontos 8:3, 5; 11:9; Philiphiyusis 4:14-16), akkasumas isaaniif ittigaafatama guddaa in fudhatan (Roomaa 16:3-40).
Haala barbaachisaa ta'een, gareewwan ergamoota wangeelaa waldoota kiristaanaa naannoo dhaabanii yeroo dheeraadhaaf isaan wajjin in turan ykn immoo isaanitti in deebi'an, yeroo barbaachisaa ta'etti, isaan dhaabachuu isaanii fi gaariitti sagalichaan leenji'uu isaanii mirkaneeffachuuf Phaawulos waldoota kiristaanaa cimsaa, kutaa biyya Sooriyaa fi Qiliiqiyaa keessa darbe (HoE 15:41),Dubbii Waaqayyoo isaan keessatti barsiisaa waggaa fi ji'a-ja'a isaan bira taa'e [Qorontos] (HoE 18:9-11) jaarsolii warra Efesoonitti Inni akkas ittiin jedhe Waggaa sadii halkanii fi guyyaa otuu gargar hin kutin imimmaaniinakkan tokkon tokkon keessan gorsaa ture yaadadhaa! (HoE 20:31), Tiitoosiif, Sababiin ani qareexis biyya bishaan keessatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si argisiisetti jaarsolii hojii waldaa gaggeessuu irra akka dhaabduuf turejedhee barreesse (Tiitoo 1:5, Dabalataanis HoE 20:28-32, Roomaa 16:17-19; filiphiyusis 3:15-16; 1Qorontos 5:1 1Tasolonqee 5:12-22). Inni dabalataanis karaa ergaawwaniitiinis waldootii kiristaanaa naannoo tajaajileera, akkasumas immoo Innii fi gareewwan isaa fedhoota adda waldoota kiristaanaa qunnamuudhaan gargaaraniirus. Yommu qulqulloonni Yeruusaalem keessaa gargaaraa barbaadanitti, gareewwan Phaawulos kaayyichaaf waldoota irraa arjooma argatanii turan (HoE 11:29-30; 1Qorontos 16:1-3).
Yeroon jijjiiramee, ergamoonni wangeelaa hammayyaas in uumaman: Hojjettoonni Macaafa Qulqulluu hiikan, hojjettoonni ayyaanaa/araaraa dhaabbileen wangeelaa hammayyaafi kanneen biroo, isaan kun immoo gaariifi bayeessa. Ta'ullee, pirojektiin Joshuwaa giddu-gala ergama addunyaa Ameeriikaa (josuaproject.net), akka jedhutti, addunyaa keessaa dhibbantaa afurtamii tokko bira wangeelli ammayyuu hin geenye, gareewwan ergamoota wangeelaa kan akka Phaawulosii ammayyuu in barbaadamu. Wanta Yesuus waggoota kuma lama dura dubbate har'as in hojjeta Midhaan sassaabamu baay'edha, hojjettoonni sassaaban garuu muraasa: egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa! jedhe (Maatewos 9:37-38). Hojiin ergamummaa wangeelaa akka itti fufuu fi gara naannoowwan gararraatti akka erguuf Waaqayyo dhiiraaf dubartii ciccimoo, jajjaboo fi ogeessota haa kaasu. Ameen
XI. KAROORA MILKII FUULA DURAA ARGISIISUU DANDA’U
Biyyi lafaa cubbuufi haala gaddisiisaa amma keessa jiru qabatee yeroo dheeraadhaaf itti hin fufu, yookiis immoo biyyi lafaa ykn jireenyi isarraa balaa tasaa ykn harka namaatiin hin barbadaa'u. Akka sagalee abdii kennameetti Waaqayyo warra fayyaniif karoora milkaa'uu danda'u warra hin fayyineef immoo akeekkachiisa, akkasumas immoo hundumaafuu haqafi araara isaa qopheesseera.
A. OL-BUTAMUU
Warri saba Kiristoos hin ta’in al-tokko guutummaatti saba isaatti erga dabalamanii booda (Roomaa 11:25), Waaqayyo miseensota isaa du’an hunduma du'aa-kaasee jaraafi miseensota isaa lafarra jiran hundumaa, iddoo inni jiruutti sirna ol-butamuu jedhamee beekamuun ofitti ol isaan fudhata (1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-18), kanaafis [isaan] baruma-baraanuu Gooftaa wajjin jiraatu (Tasolonqee 4:17). Kanneen Kiristoos wajjin jiran qofaatu itti makama (1Tasolonqee 4:16). Qulqulloonni Kakuu Moofaa fi kanneen yeroo Gidiraa Guddaatti fayyfaman jalqaba bara muudamummaatti du'aa kan kaafaman in ta'u (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2). Ol-butamuun battalatti, hamma liphisuu ijaa yommuu ta'u, yerichatti dhagnoonni keenya, kanneen amma dadhabootaa fi dhukkuba, du'aafi tortoruudhaaf sababa ta'an, yeros kan hin dadhabne, humnaan kan guutamaniif kan hin duune in ta'u (1Qorontos 15:52-54). Foon keenya yeroo ammaa kana jireenya abaaramaa lafaa kanaan walitti mijaa'ee jiraatu, jireenya ulfina qabeessa iddoo Waaqayyo qulqulluun keenya jiru wajjin wal-simu ta'ee bara-baraaf kan jiraatu in ta'a.
B. YEROO GIDIRAA GUDDAA
Ol-butamuu Waldaa kiristaanaatiin booda, yeroon turtii waggaa torbaa Gidiraa Guddaa jedhamee waamamu in jalqaba (Daani'eel 9:27, mat. 24:21). Innis Waaqayyo yeroo firdii gadadoo kana warra isa didaniif waan ol-kaa’eef haala biyyi lafaa asiin dura argee hin beekneen yeroo waraanaa, badiisaa fi barbadaa'uu ta’a (2Tasolonqee 2:8-13). Waldaan kiristaanaa erga ol- butamtee booda, iddoo qulqulloonni tokkoon-tokkoon isaanii hojii lafa irratti isaaf hojjetaniif itti badhaafaman (Roomaa 14:10-12; 1Qorontos 3:11-15; 2Qorontos 5:10), jannata keessa nagaadhaan Kiristoos wajjin jiraatti (1Tasolonqee 1:10; 5:2-9; Mul'ata 3:10); akkasumas immoo waldaan kiristaanaa, Misirroon Kiristoos, Isatti in heerumti (Mul'ata 19:6-8).Lafa irratti, Farri Kiristoos, namni guutummaan-guutuutti seexanaaf of kenne tokko saboota gidduutti in ka’a (2Tasolonqee 2:1-3). Isiraa'elis sodaa barbaadaa'uu saboota isheetti garagalanii irraa ka’uudhaan namicha wajjin waliigaltee eegumsaa waggaa torbaa in mallatteessiti, kunis Gidiraa Guddichi jalqabamuu isaaf mallattoo in ta'a. Waggaa sadi'ii fi walakkaadhaan booda Farri Kiristoos waliigaltee sana in cabsa: Inni Mana Qulqullummaa Yeruusaalem keessa taa'ee, ani Waaqayyo ofiin jechuudhaan labsee Yihudoonni akka isaaf sagadan gaafatee, hoomaawwan waraanaa biyya lafaa akka Yihudoota barbadeessaniif walitti in qaba (Daani'eel 9:27; Maatewos 24:15-16; 2Tasolonqee 2:3-4; Mulata 11:1-2; Mul'ata 12:13-15).
Waaqayyo yeroo Gidiraa kanatti kaayyoowwan gurguddoo in raawwata:
1. Inni Yihudota dhuma waggootta torbanii irratti lubbuudhaan hafan hunda baraaruuf jecha danqaraa Isiraa'el Masihicha diduudhaan uumte in cabsa (Isaayyaas 28:14-22; Hisqi'el 20;33-38; Zakkaariyaas 13:1; Maatewos 23:39).
2. Saboota biyya lafaa keessa danuu isaanii gara amantii fayyinaatti in fida (Mul'ata 7:1-4, 9-17).
3. Inni qajeelfama biyya lafaa jal'aa fi kanneen Kiristoos akka fayyisaa isaanitti fudhachuu didan hunda in barbadeessa (Isaayyaas 13:9; 24:19-20; Zakkaariyaas 12:2-9, Mul'ata 17:1; 18:2; 19:2).
Fayyina Isiraa'elirraan, Masihichi baabura Isaatiin waldaa kiristaanaa wajjin gara lafaatti in deebi'a (Roomaa 11:26-27; Yihudaa 1:14-15). Inni waggaa kuma tokkoof seexana hidhuudhaan diinota isiraa'el in moo'a (Mul'ata 19:11-21), akkasumas immoo Mootummaasaa waggaa kuma tokkoo lafa irratti in dhaaba (Mul'ata 20:1-3, 5, 7).
C. BARA MASIHUMMAA YKN BARKUMEE
Namnii fi mootummoonni isaa Waaqayyoon hin qabne biyya lafaatti badiisa guddaa akkasumas immoo dhala namaa hundumaa irratti rakkina himamuu hin dandeenye fidaniiru. Gooftaan teessoo Mootummaa Isaa Yeruusaalem jirurraa biyya lafaa in bulcha, wanti hundumtuus in geeddarama (Faarsaa 2:6-8; Isaayyaas 9:6-7; Luqaas 1:30-33).Waaqayyo quqlulloota Kakuu Moofaa fi yeroo Gidiraa Guddaatti du'an hunda du'aa in kaasa (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2), akkasumas immoo, biyya lafaa kana akka isheen dinqisiisoo taatutti deebisee in qaroomsa (Isaayyaas 2:4; 11:6-9; 35:1-2; 65:17,20); akkasumas immoo ayyaanni cidha Hoolichaa fi waldaa kiristaanaa, misirroo isaa, in jalqaba (Mul'ata 19:9).
Waldaa kiristaanaa deebitee fi qulqulloonni yeroo Gidiraa Guddaatti du'aa ka'umsa argatan Masihichaa wajjin biyya lafaa irratti in moo’u (Mul'ata 20:4), Daawit mootichi Isiraa'el in bulcha, akkasumas immoo ergamoonni kudha lamaan isa jalatti gosoota Isiraa'el kudha lamaan in bulchu (Hisqi'el 34:23-24, Ermiyaas 30:9; Maatewos 19:28; Luqaas 22:28-30). Eebbawwan lafarratti Isiraa'eliif waadaa galaman hundinuu in raawwatamu. Waaqayyo biyyoota Isiraa'eloonni keessaitti faca'anii jiranii gara Biyya abdachiifamteefi iddoo isaan itti daangaa ishee guutuudhaan gammachuu safara hin qabneen keessa jiraatanitti deebisee walitti isaan in qaba. Sana booda Isiraa'el saboota hundumaa kan caaltu taatee in uumamti (Keessa Deebii 15:6; 28:1,13; 30:5; Isaayyaas 11:11-12; 61:6; Maarqoos 13:27).
Isiraa'eloonni Mootummicha keessatti dhalatan hundinuu kan fayyan in ta'u (Isaayyaas 44:5; 45:17; Ermiyaas 24:7; 31:33-34; 50:19-20; Hisiqi'el 11:19-20; 36:25-27), Isiraa'el biyya lafaatiif dambalii hojjettoota wangeelaa jalqabaa Masihichaa in taati (Zakkaariyaas 8:20-23), akkasumas ishee fi waldaan kiristaanaa warra Mootummicha keessa jiraataniif luboota Waaqayyoo in ta'u (Ba'u 19:6, 1Phexros 2:9; Mul'ata 1:6; 5:10). Hoolonni warra Ormaa, kanneen Isiraa'eloota yeroo Gidiraa Guddaa sanatti ari'amaniif iddoo baqaa kennan, kan fayyan ta'anii Mootummichatti in galu (Maatewos 25:31-40). Warri Ormaa Mootummicha keessatti dhalatan hundinuu fayyina argachuu in danda'u (Isaayyaas 65:20), akkasumas saboonni lafaa hundi (Zakkaariyaas 14:17-19) akkasumas kanneen baroota hundumaa keessatti fayyina argatan hundinuu Mana Qulqullummaa Magaalaa Qulqullittii Yeruusaalem keessatti dhaabatu isa haaraa keessatti Mooticha in waaqessu (Isaayyuu 2:2-4, Hisqi'el 40:1; 46:24).
D. FIRDII BARA-BARAA
Ergamoonni qulqulloonni hundumtuu iddoo Waaqayyo bara-baraaf jiraatu hunda in jiraatu (Ibroota 12:22). Seexannii fi ergamoonni isaa hundinuu gara Galaana Abiddaa isa bara-baraaf guubatuutti in darbatamu (Maatewos 25:41, Mul'ata 19:11-21; 20:1-2, 10). Nama ilaalchisee, namoonni al tokko du'uuf kaa'amaniiru; isa booddee immoo firdiitti in dhi'aatu (Ibroota 9:27) Deebi'anii foon uffachuun wayiituu hin jiraatu. Hireen gochaa nama tokko fulduratti murteessu hin jiru. Eenyutu yomiyyuu isa argata? Iddoon gadadoo, bakki namni tokko jannata otoo hin seenin dura cubbuusaa ofirraa itti dhiqu jiraachusaa Kitaabni Qulqulluun bakka itti dubbatu hin qabu. Yesuus fannoo irratti hatticha amanaadhaan, “dhuguman sitti hima har’a ana wajjin jannata keessatti in argamta (Luq 23:43);” jedheen. Phaawuloosis, “Mana dhagna keenyaa kana irraas fagaannee, mana keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya (2 Qor 5:8).” Fayyinni warra baraaramanii mudaa dhabuu Masihichaatiin argama: mudaa dhabuufi qulqullinni isaa keenya kan ta’u cubbuu keenyaaf aarsaa ta’uusaa yommuu amannudha (1Qorontos 1:30).Warri baroota hundumaa keessatti fayyina argatan baruma-baraaf Waaqayyo wajjin Waaqarra in jiraatu (Yohaannis 3:16) warri hin fayyine garuu dhuma Barkumichaatti adabbiin isaanii bara-baraa Galaana Abiddaa keessatti akka ta’u murteessuuf Firdii Teessoo Adii Fulduratti kan itti faradamu in ta'u (Daani'el 12:2; Mul'ata 19:20; 20:5, 10-15).
E. BAROOTA BARA-BARAA
Firdii warra jal'ataniitti aanuudhaan, Waaqayyo bantii Waaqaa haaraa fi lafa haaraa in uuma, bantiin Waaqaa Inni duraa, lafti Inni duraas darbaniiru (Mul'ata 21:1); akkasumas immoo ergamoonni qulqulloonnii fi qulqulloonni baroota hundumaa iddoo Abbaan, Ilmii fi Hafuurri Qulqulluun jiraatan Yeruusaalem Haaraa, ishee jannatarraa lafa ishee haaraarra qubachuuf gadi buuturra bara-baraaf in jiraatu (Ibroota 12:22-23; Mul'ata 21:22:5).